03/29/2026
Jiraattonni Aanaa Jimmaa Raaree Kaardii filannoo isaanii fudhachaa jiraachuu Ibsan
*******************
Milkaa'ina filannoo biyyoolessaa marsaa 7ffaa bara kana gaggeeffamuuf tumsa barbaachisaa hunda gochuuf qophii ta'uu jiraattonni Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Raaree Magaalaa Wayyuu himaniiru.
Jiraattonni kunneen akka jedhanitti, ijaarsa sirna dimookiraasii keessatti dhiibbaa tokko malee sagalee ofiitiin paartii itti amanan filachuun mirga heera mootummaa waan ta'eef, ammuma dammaqinaan galmaa'uun kaardii filannoo fudhachaa jiru.
Hanga guyyaa filannichaa gahuttis kaardii isaanii bakka sirrii kaawwachuun eeggachaa jiraachuu isaanii dubbataniiru.
Filannoon egeree biyyaa murteessuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf, jiraattonni kunneen galmaa'uun kaardii fudhachuu cinaatti, adeemsi filannoo bara kanaa kan yeroo kamiyyuu caalaa bilisa, haqa-qabeessaa fi haala dimookiraatawaa ta'een akka xumuramuuf tumsa irraa eegamu hundaa ba'uuf waadaa galaniiru.
Nageenyi naannichaa amansiisaa ta'uun isaas hawaasni dammaqinaan gara wiirtuulee galmee akka deeman kan jajjabeesse ta'uu eeraniiru.
Gabaasni kan Waajjira Kominikeeshinii Godina Horroo Guduruu Wallaggaati.