https://www.facebook.com/175523880671522/posts/476311770592730/?app=fbl Bagaa Gammaddan Ijjoollewan keenya
Ábduraman Yassen
Dhufnee kunoo Arra Waan Haarawa Taphatoonii Aanaa kiyyaa Bagaa Gammadan
Bagaa Gammadan
My friend
Bagaa Gammadan
26/02/2022
Lammiilee haala rakkisaa keessa jiran yeroo gabaabaa keessatti gara biyyaa deebisuuf hojjetamaa jira - Ambaasaaddar Leencoo Baatii
Finfinnee,Gurraandhala 18, 2014 (FBC) – Lammiilee Ityoophiyaa Saa’uud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa jiran yeroo gabaabaa keessatti gara biyyaa deebisuuf hojjetamaa jiraachuu Saa’uud Arabiyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Leencoo Baatiin beeksiisan.
Lammiilee Ityoophiyaa sababoota garaagaraan karaa seeraan alaa Saa’uud Arabiyaa seenuun hidhaa fi rakkoo hamaaf saaxilaman yeroo gabaabaa keessatti gara biyyaa deebisuuf hojjetamaa jiraachuu Saa’uud Arabiyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Leencoo Baatiin ibsaniiru.
Mootummaan Ityoophiyaa Mootummaa Saa’uud Arabiyaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Lammiileen kunneen wayita gara biyyaa deebi’an rakkoof akka hin saaxilamne Koreen Itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministeera Dhimma Alaan durfamu hundaa’ee naannolee waliin gara hojiitti galuu eeraniiru.
Ityoophiyaatti sababa walitti bu’iinsaan rakkoon diinagdee fi hawaasummaa muudatus mootummaan Ityoophiyaa muddama hedduu keessa ta’ee Mootummaa Saa’uud Arabiyaa waliin mari’achuun lammiilee kuma 42tti hiiqan gara biyyaatti akka deebi’an taasiisuu Ambaasaaddar Leencoon eeraniiru.
Yeroo ammaas lammiileen achi jiran kunneen hanga gara biyyaatti deebi’anitti Mootummaan Saa’uud Arabiyaa seera qabiinsa mirga hidhamtootaa idil addunyaa kabajuun Manneen amala sirreessaa kanneenitti deeggarsi barbaachisu akka taasiifamuuf Imbaasichi itti dhiyeenyaan hordofaa jiraachuu dubbataniiru.
Lammiileen karaa seera qabeessan gara Saa’uud Arabiyaatti imalauuf galmaa’anii rakkoo uumame sodaachuun hafan deemuu kan danda’an ta’uu Ambaasaaddar Leencoon eeraniiru.
MaddI:- DhPI
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
25/02/2022
25/02/2022
👉Vilaadimir Vilaadimiroovich Putiin‼
dhugaa❤️
📌Namni kun maatii hiyyeeyyi jedhaman irraa dhalate. Obboloonnii isaa hangafaa lama du'aniiru. Abbaa isaa waraana keessatti madaa'eera. Haati isaa miskinaa warshaa keessa hojii guyyaa hojjattu turte. Nama sodaachisa. Fuulli isaa hin hiikkatu. Waliin hasa'uu dhiisii cinaa isaallee dhabbachuun aanga'oonni hedduun ni hollatu. Waggoota 3 walitti aananiif Gaazexaa "Forbes" irratti namoota addunyaratti dhiibbaa uuman tahuu danda'eera.
📌Dhimma jireenya dhuunfaa isaa eenyullee hin beeku. Dubri lameen hadha manaa isaa hiike irraa argate eeysa akka jiraatan hin beekkamu. Barnootasaa Kolloojjii osoo hin hafne maqaa biroo moggaafachuun achuma Raashiyatti eenyullee osoo hin beekne akka xumure himama.
📌Waltajjii irratti yeroo hunda sa'aatii jedhame irraa boodatti hafee dhufa. Giiftii warra Ingilizii fi Phaaphaasii Kaatolikii guddicha osoo hin hafne sa'aatii tokkoo ol erga egsisee booda qunname. Baasaastonni sa'aatii bellamaa mataa iraatti hin dhufan. Maaltu akka yeroo sanitti yaaddame waan hin beekneef.
📌Namtichi waan jedhe ni godha. Waan karoorsees ni raawwata. Biyyattii biyyoota boba'aa oomishan cinaa akka hiriirtu taasiseera. Umminni biyyatti 70℅ tahu galii gidduu galeessaa argata. Galiin nama dhuunfaa guyyatti giddu galessaan Doolara 28 oli. Magaalaan Mooskoo addunyaaraa magaalaa abbootiin qabeenyaa biliyeenaroota tahan keessa jiratan. Biyyatti kuufama Niwukilariitiin addunyaarraa sadarkaa duraa irra akka teessu taasiseera. Waraana Ardii Awurooppaatti sad 1ffaa fi addunyaarra sad 2ffaa tahe ijaareera. Raajiin isaa hin dhumu Vladimir Vladimirovich Putin ittin deebi'a.
Maddeen Gara Garaa Irraa Funaane...🖊
21/02/2022
Click here to claim your Sponsored Listing.
Location
Category
Contact the school
Telephone
Website
Address
Sanhan
HTTPS://WWW.FACEBOOK.COM/ÁBDURAMAN-YASSEN-175523880671522/