03/08/2026
hinqabneef sagalee ta'uun ulee sirnyaati✍🏾. Let we voice for voiceless then empower them!
========================================
✍🏾Rakkoo kireeffataafi kireessaa gidduu jiru.Komii tana ija lamaan kaasa.Rakkooleen bacaan silaa ta yeroo ammaa uummata ofii osoo hin baratin koomee beekumsaa sammuutti nugolgane kanaaf sagalee ta'amu hedduuttu jira.Mee ammaaf isuma kanarratti haa xiyyeeffadhuu! __Biyyoota addunyaa tana guutuu mara keessatti harki 2/7ffaan/biliyoona 1.2 kan caalu kireeffataa akka ta'e bu'aan qorannoo addunyaalessaa ni mul'isa.Haata'uu malee, kan biyyaa keenyaa(Itoophiyaa) adda. walumaan argaa jirra.
Rakkoon hedduun inuma jira.Keessumattuu ta qajeelfama kireeffataafi kireessaa gidduu jiru uummatni marti hubannoo waqtawaa(current awareness) dhabuun ka walqabatu.Kanaan walqabatee qajeelfamoonni kunniin naannoo Finfinneetti cimee hojiirra oola.Garuu,dachee bal'oo Oromiyaa, magaalota Oromiyaa kanniin keessatti cimee hojiirra ooluu maaltu daangeessa? Lammii bifaan lamaattu lafa tanarra jiramoo, akkam-akkam wonni isaa? Tun tana.
Woyyuu,Kibba Oromiyaa, Gujii Bahaatti, Rakkoon kireeffataafi kireessaa walqabatu tun liixii sukkaaraan buka'e taateetti.Darbee,darbee wolitti bu'iinsis ni adeemsifama.Kireessaan akka barbaadetti kiree daddabaluu, ji'a 3,3n,4,4n... kiree dabalchiisuu.Sana moti jennaan "manaa ba'i" jechuun mi'a manaa gad-darbachuu.Qabatamaan kun irra deddeebiin adeemsifamaa jira. let attention ❗📢
Tanaaf,falli qaama dhimmi ilaallatu harka jirti.Nuuti qaama nageenyaafi nageenyummaa biyya tanaa barbaadu keessaa qaama tokko.Haata'uu malee, farreen nageenyaa warri ta'an keessumattuu warri dhalataa lafa ta'an mana kireeffatanii akka barbaadan jiraachuu hindanda'an.Hinfedhanis gareen [kun].Dhalataa lafaa ta'uu dhageenyaan battatalumatti doorsisi irra kaa'ama. Kanaaf rakkoo jiraachuutiif gaaga'ama.Amma haalli toleera.Qaami dhimmaaf fala ta'uu danda'u asuma Ganda uummataa isaa jira.Maarre osoo hintuffatin deebii laadhaa!