08/30/2024
Sababni Dachiin Filisxeen Harka Diinaatti kufe sabboonummaa Arabaafi Turkii karaa gadhiise ta'uu beektuu?
*********************★
Waraana Addunyaa lammaffaa kan sabboonummaa Jarmanii irraa ka'ee namoota miliyoona 50-60 ficcisiise booda Awrooppaa keessatti sabboonummaafi biyyaan wal qooduun dhokachuu eegale. Garuu Turkiifi Araboonni sabboonummaa of tuuluu kana isaan irraa dhaalan. Turkiin Araboota hundarratti Afaan Turkii barachuu dirqama goote. Araboonnis Ingilizii waliin waraana qopheessanii Turkii rukutan. Ingilizii wajjin Usmaaniyyaa rukutanii Filisxeen keessaa baasan. Filisxeen keessatti alaabaa Ingiliziifi kan sabboontota Arabaa fannisan. Erga Dawlaa Usmaaniyyaa baasanii alaabaa Ingilizii fannisanii suuta suutaan Qudsii Yahuudotatti kennanii keessaa bahan. Bu’aan hadhaa’aan Araboonni hanga har’aatti haammataaran bu’aa sabboonummaa kaayyoofi karoora lakkiseeti. Dachiin Arabaa duraan waliin bulu hunduu ciccitee guyyaa guyyaatti yoo xiqqaate namni kumaatamni Araba irraa ta’e sababa tokko malee ajjeefamu. Akkuma Ergamaan Rabbii (saw) jedhan ta’e: “inni ajjeesu maaliif akka ajjeesu hin beeku; inni ajjeefamus maaliif akka ajjeefamaaru hin beeku.”
Biyyi bara dheeraaf tokko ta’ee amantii Islaamaatiin bulchiinsa walii galaa ijaaree jiraataa ture yeroo ammaa biyya kudhanii olitti qoodame. Diinni kan fedhe walakkaa qabee nyaata. Yeroo ammaa biyyi Arabaa gubatee dhumuurra ga’ee jiru kan akka Sooriyaa, Yaman, Iraaq, Lubnaan, Liibiyaa, Tuuniisiyaafi kkf bu’aa sabboonummaa Awrooppaan isaaniif fide kooppii godhachuuti. Sabboontota Arabaatu Ingilizii wajjin Yahuudaa fidanii Filisxeen irra qubsiisan. Sana booda biyyi isaaniituu addunyaa irratti beekamtii dhabde. Bifa kanaan sadarkaa amma itti jiramu irra geesse.
Kitaaba Oromummaafi Islaamummaa fuula 228 irraa kaasaa dubbisaa.
https://t.me/glababor/435
Viidiyoo Ahmaddiin kanas dhaggeeffadhaa.
https://www.facebook.com/share/v/iZszu7xLWtnNAJtb/?mibextid=oFDknk
Injiner Gali Ababor irraa