Oromofi oromiyaaa

Oromofi oromiyaaa

Share

Kotaa matii nufii tahaa

11/26/2024
11/22/2024

Jawar Mohammed Shimelis Abdisa Abiy Ahmed Ali Jaal Marroo Dirribaa Lammeessa Oromofi oromiyaaa Rache Tesfaye Makii Oro

11/29/2023

Akeektuu ogummaa

Kophaa yommuu jirtu,
√ Yaada kee hubadhu!

Hiriyaa waliin yommuu jirtu,
√ Arraba kee eeggadhu!

Yommuu aartu,
√ Miira kee to'adhu!

Gareedhaan yommuu jirtu,
√ Amala kee ilaalladhu!

Yommuu danqamtu,
√ Ilaalcha kee madaali!

Waaqayyo yommuu si eebbisu,
√ Durii kee yaadadhu!

08/02/2023

Dubbii warra sadii , akka saditti fixan.

1, Dubbii warra Gowwaa, Sossobaan fixan.
2, Dubbii warra Hayyuu, dhugaa itti himuun fixan.
3, Dubbii warra Luynaa, sodaachisuun fixan...
● WAA SADI SITTI HIN FAKKAATIN..

~Dubbachuun beekkumsa,
~Obsuun wallaalummaa,
~Nama kabajuun sodaa .......Sitti hin fakkaatin.
● WAA SADII HIN SEEHIN

~Nama beeytu hunda fira kee,
~Nama siin lolu hunda diina kee,
~Nama badii irra si dhorku hunda ka si
hamatu....hin seehin.
● WAA SADII HIN
HAWWIN.................

~Bokokni quufaa miti,
~Abaarsi eeybbaa miti
~Summiin qorichaa miti.. hin
hawwin.
● WAA SADII Jarjarte HIN TILMAAMIN.

~Nama kolfu hunda gammadaa,
~Nama dureessa hunda arjaa,
~Nama dhabaa hunda doqna.. jettee
hin~ tilmaamin.
● MANGUDDOON WAA SADII JAALATU

~Oduu:-haasawa gaggaarii
~Aduu:-caama ganamaa
~Adii:-dubbii dhugaa...... jaallatu.
● WAA SADII WAA SADIIF JAALLADHU...

~Aadaan kee eenyummaa keetii
jaalladhu.
~Afaan kee mallattoo keetii jaalladhu.
~Sabni kee dhiiga keetii jaalladhu.
● WAA SADII HUBATTU MALEE HIN SEENIN

~Dubbii keessa hin beekne,
~Bishaan gad-fageenya isaa hin
beekne,
~Imala daandii isaa hin beekne
Hubattu malee hin seenin.

Want your school to be the top-listed School/college in New York?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Address


New York, NY