Asefa Melka Wakjira

Asefa Melka Wakjira Sharing Good News!!

— Kadhannaa ‘Commissioner Lalisee fi Deebii Waaqayyoo—Dhuma torban kana Commissioner Lalisee Dhugaa as Minisootaatti arg...
08/24/2026

— Kadhannaa ‘Commissioner Lalisee fi Deebii Waaqayyoo—

Dhuma torban kana Commissioner Lalisee Dhugaa as Minisootaatti argeen ture. Yeroo isheen dhukkubaa turte sana kitaaba tokko akka isheen dubbiftuuf karaa Facebook ishee barreesseefin ture. Garuu ergaankoo ishee hin qaqqabne. Amma Waaqayyo carraa naaf laanna kitaabicha kenneef. Baga Waaqayyo si fayyise jennee ishee wajjin Waaqayyoon galateeffanne. Achumaanis Waaqayyo itti fufee si haa eegu jennee kadhanneef. Isheenis waan Waaqayyo isheef godhe dhugaa nuuf baatee turte. Akkas jette..

Ijoollummaakoo kaasee mana Waaqayyoo keessattin guddadhe. Kadhannaankoo akka Waaqayyo jireenyakoo keessatti mul’atuu fi ulfina argatu ture. Waaqayyo ammoo karaa dhukkuba kaanserii ishee qabee turee fi amma irraa fayyitee akka waan hedduu ishee barsiisee fi akkasuma ulfinni isaa guddisee jireenyashee keessatti mul’ate dubbatte. Namoonni hedduunis imala dhukkubuu fi fayyuu isheerraa akka baay’ee jajjabaata dhugaa nuuf baate.

Nus akkuma ishee kana jireenyakoo keessatti mul’adhu jennee Waaqayyoon baay’ee kadhanna. Garuu Waaqayyoo gaara ulfinaatti akka achi ol nu baasee nu mul’isu malee , laga rakkinaatti akka gadi nu buusee achitti ofitti nu butu hin yaadnu. Yoo waan ulfaataan nutti dhufe, Waaqayyoon akkamitti kana na goota jennee komanna. Waaqayyo garuu fayyyaa guutuu qabaachuu fi milkaa’inaa milkaa’inatti ce’uu qofaan utuu hin taane, kufaatii fi dhukkuba keenya keessattis guddisee of mul’isa. Nuti garuu kanatti hin gammannu. Akka nuti feenetti Waaqayyo ofiisaa na agarsiisu qaba jennee yaadna.

Waaqayyo maal na barsiifta jennee isa gaafachuudha malee inni haala hunda keessatti ulfaachuu fedha. Keessumaa namni jireenyi keessaniif kadhannaan keessan waan wal jala darbe isinitti fakkaate, jabaadhaa! Waaqayyo in dhagaa’a..In deebisas. Garuu akka nuti yaadnetti ta’uu dhiisuu mala.

Jabaadhaa!!

Ergaa kana nama in fayyada jettaniif yookin page keessanirratti dabarsaa naaf qoodaa.

08/22/2026

Yesuus Yesuus jedheen Si waama!

Faarfannaan kun ijoollummaakoo na yaadachiisa. Kanaaf yeroo inni faarfatu, wajjin faarfachuu malee obsee hin dhaggeeffadhu.

08/19/2026

Dhimma Waldaa Makaana Yesuus

— Josy, guyyaa Waaqayyootu ga’e, nagaatti-Warra isa hin beekneef Yooseef Taammiruu jedhama. Faarfataadha. Maatii isaa gu...
08/19/2026

— Josy, guyyaa Waaqayyootu ga’e, nagaatti-

Warra isa hin beekneef Yooseef Taammiruu jedhama. Faarfataadha. Maatii isaa guutuutu Waaqayyoon tajaajila. Akaakayyuun isaa hojjetaa Wangeelaa jaboo turan. Sabni Mandii, Begii fi naannoo sanaa Aabbaa Dhaabaa jedhu. Abbaa hundumaati. Baay’ee Wangeela babal’isan. Aadde Raahel Dhaabaa, haati Yooseef, akkasuma mana Waaqayyoo keessa tajaajilu. Yoosefis obboleettii isaa Siddisee wajjin tajaajilu turan. Gurmuu faarfannaa keessa Waldaa Makaana Yesuus Mandii fi Waldaa Amantoota Oromoo Finfinnee tajaajileera. Nama gagammadaa fi taphachuu jaallatudha.

Baatii darbe yeroon Finfinnee dhaqe, mana soddaa isaa Solan Admasu(Abbaa warraa Siddisee ) tti argee dubbisee akkasumas Waaqayyoon wajjin kadhadheen ture. Waa’ee tajaajila Waldaa Kiristaanaas kaafnee wajjin haasofne. Luba taate jedhee baay’ee garaa isaarraa naaf gammade. Gaafa sana bifaan huuqqatus amma baay’ee naaf wayya jedhe. Hafuurri isaas baay’ee gammadaa ture. Waaqayyootti gammachuu qaba ture. Har’a ammoo boqochuu isaan dhaga’e. Josy, bara Waaqayyo siif kennetti tajaajilteetta. Waamicha irraa hin oolletu ga’e, nagaatti! Si jaallanna! Maatii, Waldaa fi hiriyyoota gadda kanaan miidhamtan hundumaa, Waaqayyo hafuura isaatiin isin haa jabeessu!

08/15/2026

Nama Waaqayyootti hin amanne wajjin hariiroo gaa'elaa jalqabuun sirriidhaa?

08/15/2026

Cal jedhanii fayyisuu Waaqayyoo eeggachuun gaariidha. [Faaruu Ermiyaas 3:26]

Qalbii fi naamusa ittiin isa eegnu Waaqayyo nuuf haa kennu!

08/08/2026

DC jirra. Obboleessakoo Jacky Gudeta fi Ayyantu, baga Waaqayyo guyyaa guddaa kanaan isin ga’e!!

08/04/2026

Galataa fi dhaamsan luba Tasgaraaf qoodee ture kunnooti. .

Waaqayyo isa abbootaa fi haadhota Wangeelaan nu eebbiseef galanni haa ta'u!

Yeroon Finfinnee ture Studio Gammeetti goreen ture.  Waa'ee tajaajila lubummaa, dhimma Dr Tasgaraa Hirphoo, waa'ee WAKJI...
07/29/2026

Yeroon Finfinnee ture Studio Gammeetti goreen ture. Waa'ee tajaajila lubummaa, dhimma Dr Tasgaraa Hirphoo, waa'ee WAKJIRATUBE fi maatiikoo kaafnee turre. Kunoo daawwadhaa.

Gamme, waan na afeerteef ulfaadhu!

Faarfannaa baayyeen You Tube koo irraa gad naqe. Faarfattoota baayy...

Galataan ba’ee galeera! Torban lamaan har’aa galgalan Finfinneen ga’e. Dhimma tokkicha qofatu biyya na geesse. Innis kab...
07/28/2026

Galataan ba’ee galeera!

Torban lamaan har’aa galgalan Finfinneen ga’e. Dhimma tokkicha qofatu biyya na geesse. Innis kabajaa fi jaalalan luba Dr Tasgaraa Hirphoof qabu ture. Lubni Tasgaraan hojii isaan Macaafa Qulqulluu fi hog-barruu Oromoo irratti hojjetan dorgomaa hin qabu. Kanaaf, kabaji isaaniif karaa Waldaa Macaafa Qulqulluu Oromoo godhame kan isaanii malu ture. Isaan qofaaf utuu hin taane, nama akka isaanii gadi of deebisee Waaqayyoon tajaajiluu hundaaf jajjabinaa fi onnachiiftuu ta’a jedheen amana. Ofiikoo qofa utuu hin taane Waldaan tajaajilu, Waldaa Warra Wangeelaa Oromo Our Redeemer as Minnesota jirtus bakka bu’ee deggersaa fi jaalaala luba Tasgaraaf qabnu ibsuuf carraa argadheen. Sagantaa kanarratti hiriyyootan fagootti suuraa fi sagalee qofaan beeku muraasa arguukootti baay’een gammade.

Sana qofa miti, Waaqayyo carraa Waldaa Amantoota Oromoo Finfinnee wajjin waaqeffachuu fi nagaa gaafachuus naaf kenneera. Sunis hedduu na gammachiise. Waldaan kun guddina isheen itti jirtu waan Waaqayyoon nama galateeffachiisuudha.
Galanni isaaf haa ta’u!

Wanti hedduu na gammachiise kan biraan ijoollota FOCUS Yunivarsiitii Wallaggaa duraan waliin baranne wajjin laaqana -Lensa Fast Food- tti nyaanne. Hiriyyoonni sun bakka guddaa ga’anii Waaqayyoon hawaasa isaanii keessatti tajaajilaa jiru. Naqamtees ga’ee abbaa fi haadhakoo akkasumas maatii bal’aa argeen galataan deebi’eera.

Yeroonkoo gabaabduu waan taateef firaa fi hiriyyoota ani hin argin deebi’etu caala. Isaaniin na ofklachaan jedha.

Hunduma isaaf, galanni Waaqayyoof haa ta’u!!

Address

Minneapolis, MN

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Asefa Melka Wakjira posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category