Billadin ali

Billadin ali

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Billadin ali, College & University, Adaama, Chicago, IL.

08/27/2022

Bara kana Naannoo Oromiyaa keessaa barattoonni 361,896 qormaata seensa Yuuniiversiitii ni fudhatu
===

Dhaloota barnootaan badhaadhe oomishuun bu'ura guddina biyyaa kaa'uudha.

Naannoo oromiyaatti xiyyeeffannoo barnootaaf kennamee hojjetamaa jiruun hirmaannaan barattootaa akkuma dabalaa jiru, qabxiin seensa Yuuniversiitii barattoonni galmeessaa jiranis bara baraan dabalaa jira.

Bara kana naannoo Oromiyaa keessaa barattoonni kuma dhibba 361, dhibba 896 qormaata seensa Yuuniiversiitii kutaa 12 fudhachuuf qophii taasisaa jiru.

Qormaanni Kunis kan kennamu:-

~Fulbaana 30/2015 hanga Onkoloolessa 3/2015tti barattoota Saayinsaa Hawaasaa barataniif

~Onkololessa 8-11/2015tti ammoo barattoota Saayinsii Uumamaa barataniif kan kennamu ta'uu BBOtti Daariktoreetii Madaallii Barachuu Barattootaafi Bulchiinsa Qoruumsaa kan ta'an Obbo Huseen Qaasim ibsanii barattoonni qophii qormaataaf taasisaa jiran akka cimsanis dhaamaniiru.

08/26/2022

Mee Du’aa’iin Siif Godhaa Harka Kee Ol Qabii Aamiin Ja’i !!!
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Bismillaahi Asslaatu Wassalaamu Alaa Rasuulillaahi Sallallaahu Aleeyhi Wasallam

Rabbiin Guddaan Balbala Sharrii Hunda Isinirraa Haa Cufu
Balbala Kheeyrii Hunda isii Rabbi isiniif Haa Banu
kheeyrii Addunyaa fii Aakhiraa walitti Isiniif Haa qabu
Waan Isin Jalaa fagaatte Hunda Isiniif Haa dhiheeysu
Waan isinitti jabaatte hunda isiniif haa laaffisu
Waan Isin jalaa badde Hunda Rabbi Isiniif Haa Mullisuu

Hamtuu Teessan Hunda toltutti Isiniif Haa jijjiiru
Waan dhooysitanii balleessitan Rabbi Isiniif haa araaramu
Eeybii Teessan hunda rabbi Isin haa sattaru
Yaadaa fii Muraada Keessan Hunda rabbi isiniif haa guutu
Addunyatti Jiruu Gaarii Aakhiratti Jannataan Isin Haa Badhaasu

Kan hin fuudhin rabbi jaartii gaarii Haa kennuuf
Tan Hin Heerumin Rabbiin jaarsa gaarii Isiif haa kennu
Warra ilmoo dhabe ilmaaniin isaan Haa Gammachiisu
Warra dhale ilmaan isaanii rabbi Haa Qaceelchuuf
Haadhaaf abbaa Keenya rabbi Umrii isaan Haa Dheereessu
Warra du’e hunda rabbi Rahmata haa godhuuf
Jannata isaatiin Rabbi isaan Haa gammachiisu

Rabbi waan Isa kadhanne Hunda Nuuf Haa qeebalu
Tan Nuti irrisne Rabbi itti nuuf haa guutu

Bihaqqi Subahaana Rabbika, Rabbil Izzati Ammaa Yasifuun, Wasalaamun Alal Mursaliin, Wal Hamdulillaahi Rabbil Aalamiin.

Du’aa’ii tana eega Aamiin Jettan booda share waliif Godhaa.

By: Ibsaa Dhugaa

https://www.facebook.com/profile.php?id=100079009500149

Want your school to be the top-listed School/college in Chicago?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Website

Address


Adaama
Chicago, IL