Orosity

Orosity

Share

Orosity is the digital University set up to bring all the traditional and modern skills under one roof to the Oromo and other nations can access them.

Here is a brief about me: https://www.linkedin.com/in/beekan-erena/

05/15/2026

Orosity2 News


Professor Bekele Gerba, Yunivarsiitii Minesota tti samsteera 3f AFAAN OROMOO akka koorsii tokkootti kennaa turaniiru.

Ammas marsaa galmee biraa waan eegaleef dhaqaa galmaa'aa.

Yunivarsiitii hundumaa keessaatti afaan kun akka kennamuuf carraaquu qabdan.

Afaan OROMOO biyya keessatti hacuucamus biyya Faranjiitti beekamti akkasii argachuusaaf gammaduu qabdu.

Oromo University s gosa Barnoota hundaa Afaan OROMOOn kennuuf qophiisaa xumuree bara 2030tti Certficate hanga PhDtti banuuf ciminaan halkaniif guyyaa hojjetaa jira.

Beekan Erena
Orosity

OROSITY Beekan Erena 2026 05/13/2026

Wareegama Baaroo Tumsaa
-
(https://youtu.be/0pltreVYuSM?si=S37tCjLVKVaVj1mF)

Kitaaba Jireenya Qabsoo Obbo Leencoo Lataa fuula 147–149 irraa kan fudhatame!!

Harar irraa miseensi keenya Daamshoo jedhamuun durfamaa Haramayaa deemee gara ganamaa mooraa waraana ABO Maayaa Qalloo jiru gahe. Yeroon gahu Baaroo, Jaarraa fi Mul'is gaaddisa muka guddaa mooraa waraanaa keessa jiru jala taa'anii mari'achaa jiranii itti bahe. Nagaa wal gaafannee xiqqoo haasofne. Sana booda haala siyaasaa Finfinnee keessa jiru na gaafatan; anis ibsa kenneef. Ibsa kiyya dhaggeeffatanii akka xumurameen gara marii isaanii deebi'an. Mariin isaanii dirqama dhaabaa Baaroon biyya alaa deemee raawwatu irratti akka ta'e hubadhe. Baaroon karaa Jibuutii bahee Sudaan akka deemu karoorfamee jira. Akka karoora kanaatti Baaroon, Abbaa Caalaa fi Tashoomaa Eebbaa waliin Sudaan deemu. Isaanis Xahaa Abdi kan Kaartuum keessatti waajjira ABO saaqe waliin ta'anii dirree lixaa saaqu. Hariiroon alaa fi hojii dippilomaasii ajandaa marii keessaa tokko ture. Baaroon gara Awurooppaa fi Chaayinaa, Jaarraan ammoo gara Baha Giddugaleessaa imaluun galii akka sassaabaniif ramadaman. Akkaataan deemsa isaanii tokko tokkoon kaa'ameera. Kana malees waardiyyaa fi warri karaa agarsiisan qopheeffamanii jiran. Marii sana keessatti anis akkan isaanii waliin deemu murtaa'e.

Mariin akka xumurameen Mul'isi fi Jaarraan ka'anii deeman. Ani fi Baaroon achuma teenyee waan garaa keenyaa haasofne. Baaroon turtii isaa Harargeetti hariiroo hoggansa gidduu tureen miidhamee jira. Waan ta'e yeroo natti himu akka dhaamannoo dhumaatti dhaggeeffadhe. Baaroon nama tokkollee mufachiisuu hin fedhu. Wanti isa mufachiisu yoo mudates kolfaan dabarsa. Ani yoon mufadhu callisuun filadha. Akka nama natti dhihootti himadhu, baay'isee kanan amanu waan ta'eef yeroo sanatti bakka sanatti waan ta'e yeroo hunda akka haaraatti yaadadha. “Leencoo, nuti asii iddoo hin qabnu” naan jedhe. Dhahannaan onnee koo waan dhaabbattee natti fakkaate. “Walitti bu'iinsi fi qoodamuun keenya baay'ee rakkisaa ta'eera. Wanti ani yaade hin taane” naan jedhee dirree lixaa saaquun dirqama akka ta'e natti hime.

Nuti osoo teenyee haasofnuu aduun lixuu geesse. Badhoo Dachaasaa (Dammaqsaa) dhufee nutti makame. Nagaa wal gaafanne. Ergan argee waggaa waan darbeef qaama isaa yoon ilaalu nan rifadhe. Fayyaa waan qabu hin fakkaatu. Baaroon rifachuu kiyya argee, “Badhoon cinqii hamaa keessa jira. Ana ajjeesuu barbaada. Halkan guutuu wal'aansoo keessa bule” jedhee natti hime. Haasa keenya itti fufnee waa'ee siyaasaa fi deemsa halkan gara Jibuutti taasisnu irrattis mari'anne.

Lafti xinnoo yoo dukkanaa'u Badhoon ka'ee deeme. Baaroon gara Badhoon itti adeemu yoo ilaalu, Badhoon kilaashii gara keenyatti qiyyaafatee akka jiru argee akkan miliquuf mallattoo naaf kenne. Oggasuma Badhoon dhukaasa bane. Anis kufaa ka'aa gara tusii nu bukkee jiruutti fiige. Tusii keessa seene yeroon garagalee ilaalu Baaroon rukutamee kufe. Sagalee dhukaasaa dhagahanii Jaarraan fi warri biraa lafa irraa ka'anii gara kiyya dhufan.

Jaarraan, “Maaltu uumame?” naan jedhe. Anis, “Badhootu dhukaasa nutti bane” jechuun deebiseef. Innis, “Ofuma keessanii wal fixxuu?” naan jedhe. Jechi “ofuma keessanii” jedhu miira badaa na keessatti uume. Na bira dabranii deeman; anis faana bu'e. Bakka teenyee haasa'aa turre yoo geenyu Badhoon lubbuun hin jiru. Baaroon madaa'ee lubbuun keessaa bahuuf dhitataa jira. Badhoo awwaaluuf yoo qophoofnu Baaroon ammoo yaala jalqabaa akka argatu goonee turre. Manni yaalaa dhiyeenya irraa waan hin turreef yaala sirnaa argachuu hin dandeenye. Dhiigni isaa dhaabbachuu didee halkaanuma sana lubbuun baate. Lamaan isaaniiyyuu achuma Maayaa Qalloo keessatti awwaalle.

Ummanni Baaroo hedduu jaalata. “Doktor” jedhuun waamu ture. Ogummaa isaa qabaachuu baatus jaalala namaa qaba ture. Baaroon anaaf barsiisaa qabsoo, hiriyaa dhihoo, fuula kiyya ilaalee waan keessa kiyya jiru naaf hubatu, daawwitii kiyya ture. Maalan godha? Akkuma tasa isa dhabe. Guyyuma ani isaan bira gahee wal argine kana hundi ta'e. Baaroo dhabuun hanga ammaatti dhukkuba lafee natti ta'e. Isa dhabuu dubbachuullee naaf hin bahu. Eegala qabsoo kiyya irratti ganamaan si dhabuu caalaa du'a keetiin hammaadhe. Qabsoo uummataa eegalame itti fufsiisuuf kaayyoo kee kudhaammadhee hanga har'aatti itti cichee jira.

Karoorri deemsa gara Jibuutii torban lamaa harkifate. Anis achuma Jaarraa bira ture. Waan uumame irratti gabaasa akkan qopheessu na ajaje. Anis barreesseen itti kenne. Du'a Baarootiin maqaan Jaarraa dhahamuu hin oolle. Innis gabaasa ani barreesse agarsiisee, “Kunoo ani hin ajjeefne” jedhee of irraa ittisaa ture. Jaarraan hanga du'utti kanuma jechaa ture. Yeroon achi turetti waa'ee qabsoo waan hedduu mari'anne. Dhumarrattis Mul'is waliin kaanee gara Jibuutii qajeelle.

Baaroon yoo ajjeefamu namni ijaan arge ana qofa. Kanaaf yeroo baay'ee gabaasa barreessuun akkan dhiyeessu gaafatameera. Sudaanittis Xahaa fi Diimaan si'a lama gaaffii qorannoo na gaafatan; jecha ragaa narraa fuudhaniiru. Deebii isaa barreeffamaan akkan dhiyeessu waan barbaadaniif gabaasa haala ture ibsu barreesseen kenneera. Barreeffama kana hanga har'aatti of harkaa qaba jedheen amana. Homaa gochuu hin danda'u; dhukkuba kana waliinan jiraadha! jedha kitaabni Leencoo Lataa.

Urjii Sabaa

Orosity
Oromo University

https://youtu.be/0pltreVYuSM?si=S37tCjLVKVaVj1mF

OROSITY Beekan Erena 2026 Orosity is a digital learning company for Oromo communities and learners everywhere. In this promo, young hosts Oli and Anaan introduce Orosity’s full pathwa...

OROSITY Beekan Erena 2026 05/12/2026

Ilmaan Orosity lamaan (Oli fi Anaan) kan yeroo ammaa kana Yunivarsiitii Oxford, ollaa Bek Lushee, faati baratan tokkommoo waan ajaa'ibaatiin gadi ba'an fakkaata. bagan isinitti dadhabe yaa ilmaankoo. Akkuma farda sheexanaa aanaafi godina, qabaleefi mandara dhaqu hundaatti ilmaan horachuunkoo kunoo guyyaa akkanaaf nafayyade. hamaafi hamtuu isinirraa haaqabu yaa ilmaankoo.🌹🌹🌹

Orosity
Oromo University


OROSITY Beekan Erena 2026 Orosity is a digital learning company for Oromo communities and learners everywhere. In this promo, young hosts Oli and Anaan introduce Orosity’s full pathwa...

Photos from Orosity's post 05/12/2026

ሚኖ ጏድ Abiy Ahmed Ali (አቢይ አህመድ አሊ) የብልጥጊና ጠቅላዩ ሚኒስቴራቸው እንደዚ ዝም አሉ? ሞትኮ ለሁሉም የሰው ልጅ ነው::

እኔ የገረመኝ ነብስ ይማርላችሁ ማሌት ማንን ገደለ? ባለፈው የቀድሞ ዩንቨርሲቲ ፕሬዝዳንት በአሜሪካን አገር ሂወቱ ሲያልፍ ዝም አሉ:: ዛሬም የተከበሩ አባታችን የኢትዮጵያ ገበሬዎች አባት በሞት ሲለዩን ዝም አሉ:: እንዴት ነው ነገሩ:: የእውቀት አባቶችና የታርክ ባለጠጎች ይህቺን አለም ትተውሎት ሲሄዱ ተደሰቱ መሰለኝ:: ያኢትዮጵያ አርቲስቶች ሲሞቱ ተሽቀዳድሞ ነብስ ይማር እሚሉት እርሶ ነበሩኮ:: የኛ ምሁራን ከነዚያ አርቲስቶች አነሱቦት እንዴ? ታጀቢውን ለኦሮሞ ህዝቦች አስቀምጫለሁ:: የኦሮሞ ህዝብ ልቡ የተሰበረበት ሃዘን ለሶም ሃዘን መሆን ነበረበት:: እኔም ላርሶ ታጀቢዬን ገልጫለሁ::

05/10/2026
05/10/2026

Iccitii Xilayee Waamii/Yaamii.

1. Gammachuu Ayyaanaa.
2. Lidetu Ayyaaloo
3. Jawar Mohammed faatu ajjee**se jedhan.

Xilayee Yaamii isa mana hidhaatti dabaan darbatamee ammoo namni iccitaan waraabame.

Namni kun badiisaa malee adavame.

Ajjeefameera jedhan😭

Adanech Abiebie- አዳነች አቤቤ (Xilaye Yaami), dhiigni mucaa qulqulluu kanaa siif, Shimelis Abdisa (isa sobee gaafas furraa'aa boo'eefi), Abiy Ahmed Ali irraa barbaadama.

Gatii isinnbaasisa WAAQAYYO!

Orosity
Oromo University
OBN Afaan Oromoo
Beekan Erena

Photos from Orosity's post 05/05/2026

Pirezedaantiin Yunivarsiitii Amboo duraanii magaalaa Amboo keessa taa'uun akkana jedhe. Mootummaan Abiy Ahmed Ali Shimelis Abdisa fi Adanech Abiebie- አዳነች አቤቤ ofumaan Hacaaluu Hundeessaa ajjeesee; ofumaan Siidaa hojjeteefi eebbisiiseef jedhe.

Maaf lubbuusaatti farade Dr. Taaddasee Qana'aa jamaa? Maaloo gorsaani.😭

""Seenaa Siidaa Toomaas Beeket (The History of Thomas Becket Statue)
​Toomaas Beeket qeesii olaanaa biyya Ingilaandi yoo ta’u, bara 1170 keessa ajaja King Henry II tiin mana amantaa keessatti ajjeefame. Taateen kun seenaa keessatti madaa guddaa uume. Kan nama dhibu, Mootichi ajaja du'aa kennee Beeketiin ajjeesise booda, siidaa baay'ee miidhagaa, warqee fi meetiin faayame ijaarsiseef.
​Hanga dhugaan ifatti mul'atutti, kaayyoon siidaa garaa gara ta'uu seenaan kun ragaa baha.""

Via Dr. Tadese Kenea.

Photos from Orosity's post 05/05/2026

Barreeffama Obboleessi Artist Hacaaluu Hundeessaa; Sisay Hundesa Afaan Amaariffaan dhimma siidaa Hacee irratti katabe.

"Waantota tokko tokko callisuudhaan darbuun filatamaa tahus callisuu akka waan isaan duukaa waliigaltetti namoonni( አላቂ ሳሚዎች) lakkaahan waan jiraniif, bakkaa fi yeroo barbaachisaatti deebbii kennuun filannoo osoo hin taane dirqamadha.

Barootaaf dogoggoroota lakkaahuufillee namatti ciman qofa osoo hin taane, guutummaatti gadhee ta'an, namoota nuti isatti dhihoodha jedhan, namoota dhuunfaa waltajjii irratti qofa isa beekan kanneen ajjeestota fira fakkaatan hedduu isaanii taajjabneerra.

Dhugaa dubbachuuf hanga har'aatti kanan homaa jechuu dhiisuudhaaf murteesse, maqaa isaatiin waantotni godhaman sirrii ta'aniif osoo hin taane, fedhiiwwan gochaawwan kana duuba jiranis waanan dabalee hubadhuufidha.

Kana booda garuu ulfina isaa fi eenyummaa isaa haala madaaluun ifaa fi bilisa deebbii tahe kennuun barbaachisaa ta'eera.

Akkuma har'aa kana erga waraanni dhumee, goototni injifannoo boodaa osoo hin baay'atiin dursitee, qarree dhiirummaa bakka isaan hin geenye, fageessitee fannisuunkee nu baraare malee yeroon hamtuudha! Waan ta'aa jiru kana ennaan ilaalu googan qaama isaa kan isatti dhiphate manni Haa lakkaahu.

Waanti ta'us ta'ee; ajjeechaan isaan booda siidaan yaadannoo ni ijaarama jedhame sun waggootaan booda diraamaa itti fufaa ta'een daawwannaaf akka tahutti banamee kan ture waggaaf gahus, har'a akka haaraatti ennaa ifa taasifamu, kutaa diraamichaa kan biraa ta'uu isaa hubachuun salphaadha. Hunda caalaa immoo nama siin dhabeef waanti hundi rakasa waan taheef, dhugumatti siin si beekee, si hubatee siidaa siif malu onnee isaa keessatti jiraachisee waa'ee haqaaf qofa guyyaa lakkaaha.

Dhimma Yerooti!"

NB: አላቂ ሳሚዎች jecha jettuuf jecha bakka buutu ofiima keessan itti guuttadhaa. kan dabeef na ofkolchaa.

Want your school to be the top-listed School/college in Boston?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Website

https://www.orosity.com/

Address


Boston, MA