Beeksisaaf Qarominnaa

Beeksisaaf Qarominnaa

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Beeksisaaf Qarominnaa, Middle School, Riyadh.

26/02/2019

↷SOCHIIN TIGREE, AMAARAA FI SHANEE MAAL FAKKAATA FUULDURRI WORRA JIJJIIRAMAA HOO?↶
"""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""
NU HORDOFAA AKKA ARMAAN GADIITTI
˝˝˝˝˝˝˝˝˝«↓»˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝
▼☞.Tigreen humna waraanaa duraan qabdu malee eerga gaafa aangoo keessaa baateetii namoota kuma dhibba tokkoo fi saddeettama (100,000,80) leenjiftee leenjii ol aanaa leenjifattee qopheessitee lafaa qabdi. Meeshaa duraan qabdu malee kan amma isiin galfatte dachaa meeqaa tamiin kan duraa irra deeba jedhan. Amaaraan wajjiin woliigaltee xumuraa irra gahanii jiran nuti yoo wol lollellee nummaan haa wol lolluu malee aangoon biyya kanaa nu harkaa bahee oromoo harka seenuun salphinna waan taheef hardha nuti wol lolli keenya dogoggoraa woliigaltee godhuu qabna nuti woliigallee inumaayyuu ummata ertiriyaadhaanillee yoo mootummaanillee woliigaluu dhabne ummata isaaniititti dhaqnee worwaannee woliigaltee godhuu qabna kan jedhan amaaraa fi tigreen woliigaltee kana sagalee takkaan mallatteessan.

▼☞.Amaarri yoo gadi xinnaate woraana gara kuma dhibba tokkoo fi shantamaa ol (100,000,50) leenjise eeguma amma tigreen mootummaa irraa buutee jechuudha laalaa amma humni tigree fi amaarri wol gidduutti leenjisan gidduu tana keessatti tigreen kuma dhibbata takkaa fi saddeettama yoo tahu amaarri kuma dhibba takkaa fi shantama yoo tahu laalaa kuma meeqa akka tahu (300,000,30) jechuudha.

▼☞.kun waan amma gidduu tanatti humna addaa isaan leenjifatanii lafaa qaban woraana liyyuu poolisii ka dheengadda milishaa ogaaden kan abdii illeen leenjifate san akka jirtutti bosonatti baasanii achitti qallabaa jiran. Takkaanillee hin diigamne inumaayyuu humna biraa eda'aniifii akka gaaritti leenjisaa jiran sunis akkasitti xumurame.

▼☞-Amma oromoo keessaa yoo nama arganne malee akkasumaan kophaa keenya sosso'uu hin dandeenyu jechuun mariin xumuramee waan jiruuf Shanee fudhatan jechuudha Shaneedhaaf nama kuma shantama (50,000) leenjisaa jiran mooraan Shanee itti leenjisaa jiran mooraa hedduudha takka lafa amma been-shaangul gumuuz kana keessa gara suudaaniitti achi dhihaattee jirti takka ammoo Tigraayi keessa jirti takkallee lafuma amma gidduu tigiraayii fi amaarri amma wolittiin dhihaatu kana gara suudaan kanatti ol dhihaata bakka sadi kanatti leenjisaafii jiran jedhan.

▼☞-Ka Shanee hamma fedhan yoo leenjisanillee kuma dhibbaa ol dabarsuu hin hedan hamma kuma dhibbaa leenjisuufii hedan sun kan godhameef achi keessa booda aangoo irratti nu mormuun isii hin sodaatama jedhaniiti OPDO,ma godhachuufi malee isima tanas amma wonni deemaa jiru isaan kana wonni ofitti as qabaniif waa'ee amantiiti amantii tanatu biyya tana keessaa badaa jiraa dubbiin Abiyyi oofu dubbii biyya balleessitu isinillee worra qabsoo godhe jedhe duubatti isin hambisani jechuudhaan haala kanaan sossobanii mallaqa ammoo akka bishaaniititti itti diriirsanii/jala yaasan duraanuu Shaneen biyya gurgurachuudhaaf qophii irra jirti namuma agarte hundatti woyyaaneedhaan duruma waliin jiran hardhaamiti hardha isinitti hin fakkaatin akkasitti haala kanaan woliigaltee jaraa kana keessa seentee jirti.

▼☞-Namichi daawud jedhaniin shamaan kun👌🏾 finfinnee keessa taa'ee itti xabachaa jira maallaqni ajaja isaatiin baha karaa isaatiin deema waan deemu cufaa daawud quba qaba guutumaan guututti 100%100, tti quba qaba wonni deemaa jirtu cufti tan inni hin beekne hin jirtu akka humna lafa keessatti qophaaye kana biraan dabranii hooggantoota woraanaa maallaqa guddaa itti gadi naqanii hooggantoota woraanaa akka jirutti bitaa jiran.

▼☞-Akka jirutti bitanii wol qixxeessaa jiran laala woraanni amma Abiyyi kiyya jedhee bira taa'u kun haala saniin kan isaatii miti 👌🏾 dubbiin waan xumurame humni kun guutuun tana booda maaliif akkatti qopheeffame kan jedhu itti dhufuuf teenya kana bira darbanii ala keessa achi darban (Suudaaniin) woliigaltee irra gahan wonni akkanaa asitti ijaaramuu hin qabu kun asitti ijaaramnaan isiniifillee salphinna jechuudhaan woliigaltee xumuraa irra gahanii jiran. (Masriin) akkasitti isin cinaa dhaabbanna jedhaniin akkasitti woliigalan ☞Siisiin wonni kun asitti argamnaan muraa morma keenyaati kun yoo asitti argame hawaasni gadi hin callisu kan jedhu akkasitti woliigalan hooggantoonni Afrikaa keessa jiran guutuun diktaatooriidha haalli amma oromoon dimokraasii jedhee biyya kana keessatti oofu kun yoo argamee asitti gadi taa'e ummanni Afrikaa keessa jiru guutuun nulleen dimokraasii akkasii feena jedhee nutti ol ka'aa kanaafuu waan san hambisuudhaaf (Dimokraasii oromoon faarsu san) diktaatoorummaan keenya abbaan irrummaa keenya itti fuufuu dandayuudhaaf filmaanni nuti qabnu isuma kana bakka kanatti fashalsiisuudha kan jedhuun irratti woliif galanii waan jiraniif qaama waan kana fashaleessuudhaaf deemu deeggaruu qabna jechuudhaan humni guutuun waa hunda wol qixxeeffatanii jiran.

▼☞-Gara biraatiin worri gara biraa kan alaa isinuu ni beeytan worra dhihaa haa tahuu kan Arabaa haa tahuu ka akka (Emaaraat) kan akka galoo galaana arabaa tokkolleen waan kana hin fedhu hundi isaanii kaayyoon isaanii saamicha waan taateef qaama saamatee isaanillee saamsisu saniin wojjiin dalagatuu fedhan. Chaayenaanilleen akkasi namumti addunyaa tana keessaa yeroo tana keessatti adeemsa Oromoo kana deeggaru hin jiru tokkolleen qaama kana guutuu wojjiin jarri karaa dippiloomaasiitiin akka gaaritti woliif galanii jiran. Hanga amma daawudiin finfinnee keessa taa'ii achii jara jaataneessi jedhaniinii Jawaarilleen Shanetti jaatanaawee Abiyyilleen kanumatti jaatanaawee Lammaan ammoo woma inni taheyyuu hin beeknu gidduu tana jaatanaawee jarri kun hundinuu jaatanaawaa jiran dippiloomaasii alaallee keessaa laafanii jiran kana keessatti amma dhihoo tana waan finfinnetti tahe argitan namittii Abiyyimaan wol qixxeessan inumaahuu matuma irraan buusaniiyyu salphinna guddatu deemaa jira amma humna dila kana guutuu maa qopheessan dhiiroo!.

▼☞-Eega qarqaarsa akkanatti argatan qarqaarsa Arabaatii fi ka ajamaa guutuu akkanatti argatan humna dila kana guutuu maaf qopheessan! Humna dila kana guutuu wonni qopheessaniif Afaan tokkichi isaan tana booda namaan dubbisuu barbaadan qawwee qofa jechuudha hardha booda nuti waan akkanaa hin feenu waan akkanaa ni balaaleffanna hiriira baana tun hin dalagdu👌🏾 akka worra (Masriitti) maal jedhan gaafa san: yaa abboo humna horadhaa meeshaa bitadhaa jennaaniin akkana jedhan☞::miti zabanni qawweedhaan namaan lolan dabree bar hawaasa kana cufa hawaasa kana booda boombiin nawaawiyyaatuu of duuba hin deebiftuu jedhan. Gaafa namni ijaa fi gurra hin qabne ka haqa ilma namaa hin beeyne sitti gadi bahe wonni akkasii takkalleen hin dalaydu nama kuma dhibba takka ykn kuma dhibba lama kan wolitti qabame namni tokko muka gubbaa ol koree qawwee kilaashii rasaasa 30 nyaatu itti gadi hargufee hagasi addaan dammaqsa jechuudha.

▼☞-Kun osoo ni agarra tahee gaafa irreechatti ummanni oromoo wolitti bahe Tigreen yammuu ol kaatee gubbaa irraa akkanatti rasaasa hamma tokko yammuu irratti dhooftu ummanni ofumaan wolitti ori'ee boollatti wol guuree wol fixe. Hagasi jechuudha wonni akkanaa hin dalagdu nama afaan inni beekuun woliin haasawan malee nama afaan inni hin beekneen haasaweetiin moo'adha jechuun hin mijjatu gonkumaa. Yeroo kana keessatti oromoon carraa guddaa dabarsaa jirti Abiyyi faati ummanni akka meeshaa hin hidhanne karaa ummanni meeshaan argatu guutuu carraa akkasii ummataa argamsiisuu didanii ummata meeshaa irraa fageessanii ofiif ammoo kan woraana hin ijaarin kan woraanuma poolisii oromiyaa tana keessatti haga ammaa jarri kun wonni isaan eega gaafa tigiree tana asii oofanii leenjisanii gadi baasan hamma ammaatti gidduu woraana kuma kudhanii hamma diydamaa 10,000-20,000 leenjisanii itti hidhanii gadi hin baafnee akkam jettan!👌🏾 sun haa hafuu woraana amma gidduu Tigreen aangoo irraa bu'utti jirtu kan amma ummanni kaka'aa jiru san Lammaan leenjisu san guutuu leenjisee harka qullaa gadi dhiise qawwee takka hin qaban isaanuma saniif qawwee argamsiisuu hin dandeenye hardha afaan kun nu hin baasu afaan ittiin deemuu qabnu afaan humnaa qofa √√√.

▼☞-Afaan qawwee qofa kan jedhuudha oromoon waan kana akkm godhuu dandeessi hardhallee akka Arabni qoma qullaadhaan akkanatti duula kuffifna jedhanii taankii (Abdulfattaah Al siisii) dura dhaabbatanii bakka takkatti namni kuma shan (5000) yeroo inni guyyaa tokkotti gube lafa Raabil-Adawiyyaa jedhamtu keessatti achi boodaan tana buutee hin agarre namni miliyoonni hiriira qabate guyyaan nama miliyoonatu hiriira baha sun guutuun daaraa bubbeen fuute taate tun ammoo sanuu hin geettu gaafa namni humna malee waan biraatti hin amanne ija guduunfatee ka garaa siif hin laafne meeshaa dila kana fudhatee sitti gadi bahe dhumatte.👌🏾

▼☞-Adeemsi finfinnee keessatti adeemaa jiru kana amma tigreen ka amma nuti lafa jalaan dubbii akkasitti babbassinee irra geenne kana malee gadi baatee dheengadda guyyaa ayyaana TPLF 44ffaa gadi baatee labsatte jechuudha. Hin jijjiirraa hin jijjiirraa humna jirtu hundaan ta biyya keessaalleen woliigallee jirra ta alaatiinillee woliigallee jirraa hin jijjiirraa jedhanii labsachaa jiran kun waan isaan dirree bahanii labsaa jiran kana malee ammoo kun kan amma irra geenye odeessa keessaati hamma sadarkaa jeneraaltota hunda bitanii fixanii nama silaa nuti yeroo ammaa kana keessatti isaan ittuu nama ergan jennee hin yaanne hunda maallaqaa fi waa hunda qabatanii itti dhaqanii abboo nutu dogoggorree dhiifama nuu godhi isinitti balleessinee waan kana jijjiirraa nu wojjiin dhaabbadhu jedhaniinii hamma nama akkasii dubbisan takka geettee jirti dubbiin.

▼☞-yeroo kana keessatti oromoon haga ammaa haguuggima keessa jirti hawaasni kun wereegamuuf deema hawaasni ija guduunfatee woma arge yoo hin bitatin hardha mootummaa qofa finfinnee keessatti kuffisanii kan dhiisanii mitii beekaa ☜👌🏾 duguuggaa sanyiittu raawwatamuuf taa'a keessattuu kutaaleen duguuggaan sanyiidhaa irratti raawwatu isiinuu of beekti.

▼☞-Ummata keenya dubbii akkaan hadhaawaattu lafa jira kun waan amma yeroo lakkaawachaa jiru malee hin dhufa moo hin dhufu waan jedhamuu miti dubbiin wol bira kuttee jirti waan yeroo qofa lakkaawachaa jiru haala kana keessatti akkamtu tahuu qaba Shanee wojjiin asii jaatanaawuun Jawaar faati yeroo meeqa gube amma Jawaar erga galee baatii meeqa! Kun kasaaraa guddaadha namichi kun (Daawud) gaafa dura Lammaan faati eritiriyaatti itti dhaqan woraana kuma shan (5000) qaba jedheen kuma shanii san irraa kuma tokkoo fi dhibba sadii (1,300) gaafa inni gale woliin galaniini kuma sadii fi woyitu hafe hardha ammoo kuma kudhan (10,000) qaba jedhe amma yoo maanguddoon ni galchina jedhan kuma (10,000) kana irraa waan tokkollee hin argine.

▼☞-Kunoo akkuma isin agartan kana kun maal irratti nama qajeelcha yoo jenne ☞ inninuu woraana isaaf leenji'aa jiru kana eegaa jira. Kana keessatti dubbii akkaan wol xaxxe ta akkaan nama sodaachiftutu deemaa jira yeroon namni mudhii hidhatee of eeggannoo ol aanaa irratti jiraatu yeroo kana namni tasatti du'uu hin qabu yoo billawallee qabaate waan biraa dhabu jechuudha. Kanaafuu lolli waan hafuuf hin jirre Abiyyii fi Iyyaasuu wol bira qabuun hin taatu baraa iyyaasuun qawwee hiree baraa {{{{Iyyaasuun qawwee hiree lolli ka'uu garraanii marumatu ka'ee dubbate beekaa biyyaa dhabuu garraanii}}}} jedhee namni haga ammaa ittiin weeddisaa baraa Iyyaasuun oromoo qawwee hin qabneef qawwee hire gaafa dubbii gara deebitu arge qawwee saniin yeroo sadii hanga afurii injifate qawwee duraan ummataaf hire saniin jechuudha. Abiyyi immoo takkallee namaaf laatuu hin hedu sanii mitii ummanni horii ofiitiin akka bitatu maallaqallee irraa fayyadamaa silaaa kaampaanii woyii lafa jalaan uumee meeshaa biyya seensisee akka ummanni bitatu godhee ofiillee gama takkaan mallaqa irraa faayyadamaa ummatallee gama saniin fayyaduu kan dandayu sanillee hin goone gabaabumatti zabanni Abiyyii akkanumatti tasatti darbaa jira kanaafuu tigreen waan ofii xumurattee jirti lolli yoom eegala jechuu malee ni dhufaa laata jedhanii wol gaafachuu bira darbameera akkasitti hubadhaa dammaqaa wol dammaqsaa bakka jirtaniin shokoysaa jechuu barbaada woliif dabarsaa irraa fayyadamaa.

.

Photos from Beeksisaaf Qarominnaa's post 28/01/2019

Koreen Qindeessituu Sagantaa Eebba TV Nuuralhudaa Magaalaa Riyaad Qophii isaa xumuree jira

Sagantaa Eebba TV Nuuralhudaa Sa'uudii magaalaa Riyaaditti Jum'aa dhuftu (February 1/2019) geggeeffamuuf karoorfameef, qophiin barbaachisu hundi xumuramuu Koreen qindeessituu sagantaa kanaa ibse. Sagantaa kana qophiiwwan bashannanaa adda addaa, akkasumas sagantaa Muhaadaraa Ulamaa’ota biyya keenyaa iddoo gara-garaa irraa affeeramaniin dhihaatu kan qabu tahuu ibsame.
Keessummoota Sagantaa kana irratti hirmaatuuf iddoo gara-garaa irraa dhufaniifis rakkoon geejjibaa akka hin muudanne Koreen haala mijeessu hundeeffamee jira.
Koree dhimma geejjibaa haala mijeessuuf hundeeffame qunnamuuf lakkoofsa arman gadii irratti bilbiluun qunnamuu dandeessu.

STC/ SAWA
0555304551, 0508976402, 0534686837,0530821366
ZAIN
0594293385,058335250,0580015054

GUYYAAN: Gurraandhala (February) 01/2019 ALMiilaadiyaa / Jimaadul Awwal 26/1440 Hijraa, guyyaan jimaata galgala.
IDDOON: Karaa Daa’irii Dhihaa, Waajjira STC dura Masaraa NISFAL-QAMAR
Sagantaan Eebbaa: Salaata Magribaa irraa eegala
Dubartootaaf iddoo mijataa fi sagantaalee adda addaa ni qabna.

Odeeffannoo dabalataa; 055-565 2954/ 059-833 5250/ 059-399 5043/ 053-208 6599/ 050-635 9753/ 055-530 4551
KOREE QINDEESSITUU SAGANTAA EEBBA TV NuuralHudaa MAGAALAA RIYAAD

Nuuralhudaa
Soora Qalbii Muslimaa
www.nuuralhudaa.com

16/01/2019

As wr wob

Sagntaa Eebaa TV NRH
Magalaa Riiyadi F. 1/2/2019

Nuraa hin hafinaa
Wol argaan kenyaa jedhuu ustaaz Huseen sooraa boorana

30/12/2018

SAGANTAA EEBBA NUURALHUDAA

LIVE Tamsaasa Kallattii irratti.

Hayyama Rabbii guddaatiin TV'n Nuuralhudaa har'a galgala December 30, 2018 galgala sa'aa 3:00 (9:00 PM) irraa eegala. Sagantaa kanarratti Ulamaa'onni gurguddooniifii du'aatonni adda addaa, akkasumas hoggantoonni garee Sumayyootaafii Bilaalotaa irratti ni hirmaatu. Dhaggeeyfattoonni keenyas karaa IMO tiin bilbiltanii dhaamsa nuuf dabarsuu ni dandeessu. Lakkoofsa IMO yeroo sagantaan eegalu isiniif maxxansina.

In Shaa ALLAAH sagantaan kun karaa YouTube fi Saatalaayitii qofaan dhihaata. Kanaafuu akka irratti hirmaattan kabajaan isin afeerra.

Nuuralhudaa
Soora Qalbii Muslimaa
www.nuuralhudaa.com

30/12/2018
26/12/2018

~↶↶↶↶↶↶↶↶↶↶↶↶↶↶~

*السلام عليكم ورحمة اللة وبركاته*

~﹏﹏﹏﹏﹏﹏﹏﹏﹏﹏﹏﹏﹏﹏﹏~

_*●BEEKSISAA📡●*_

~﹏﹏﹏﹏﹏﹏﹏﹏﹏﹏﹏﹏﹏﹏﹏~

↯↯↯↯↯↯↯↯↯↯↯↯↯↯↯↯↯↯↯↯↯↯↯↯

_Kabajamtootaa fi jalatamtootaa Haayyottaan kennafi koreewwaan walii galaa hundii kessaanuu bagaa Rabbiin nagayan isiin jirachiisee yeroo kanan isiin gahee Amma Booda lee Rabbiin keeyrii ofii kessaa isiin haa kayatuu jechaa_

_↷ *Oduu Gammachiissaa Ebbaa Miidiyyaa* Nuuraalhuddaa Guyyaa Al Ahddaa ykn Sabantaa *December 30/12/2018tii*_

_Hawaasni Keenyaa *Guutuu Eebbaa TV Nuuraalhuudaa Irraatti* Akka nuf Argamtanii Hundii kessanuu_

*_Kabajaa fi jalalaan isiin Beeksiifnaa_*

_⇛✺ Ammaf Bulchinsii Koree Beeksisaa Ergaa Dabaltaa Qabani Wan Taheef Turtiin kessaan Ustazaa kennaa Kabajamaa fi jalatamaa US/Abbaa Bakkrii wajiin

_↷KOREE BEEKSISAA FI QAROOMINNAA IRRAYYII_

https://ww.facebook.com/Beeksisaa-Qarominnaa-479734535847713/

Photos from Beeksisaaf Qarominnaa's post 25/12/2018

~↶↶↶↶↶↶↶↶↶↶↶↶↶↶~

*السلام عليكم ورحمة اللة وبركاته*

~﹏﹏﹏﹏﹏﹏﹏﹏﹏﹏﹏﹏﹏﹏﹏~

_*●BEEKSISAA📡●*_

~﹏﹏﹏﹏﹏﹏﹏﹏﹏﹏﹏﹏﹏﹏﹏~

↯↯↯↯↯↯↯↯↯↯↯↯↯↯↯↯↯↯↯↯↯↯↯↯

_Kabajamtootaa fi jalatamtootaa Haayyottaan kennafi koreewwaan walii galaa hundii kessaanuu bagaa Rabbiin nagayan isiin jirachiisee yeroo kanan isiin gahee Amma Booda lee Rabbiin keeyrii ofii kessaa isiin haa kayatuu jechaa_

_↷ *Oduu Gammachiissaa Ebbaa Miidiyyaa* Nuuraalhuddaa Guyyaa Al Ahddaa ykn Sabantaa *December 30/12/2018tii*_

_Hawaasni Keenyaa *Guutuu Eebbaa TV Nuuraalhuudaa Irraatti* Akka nuf Argamtanii Hundii kessanuu_

*_Kabajaa fi jalalaan isiin Beeksiifnaa_*

_⇛✺ Ammaf Bulchinsii Koree Beeksisaa Ergaa Dabaltaa Qabani Wan Taheef Turtiin kessaan Ustazaa kennaa Kabajamaa fi jalatamaa US/Abbaa Bakkrii wajiin haa tahuu_

_*◇ Hayakumullaahuu Ustazaa keenyaa @⁨Abbaa Bakkrii⁩ 💺🌺 🎥*_

_↷KOREE BEEKSISAA FI QAROOMINNAA IRRAYYII_

https://ww.facebook.com/Beeksisaa-Qarominnaa-479734535847713/

Photos from Beeksisaaf Qarominnaa's post 19/12/2018
15/12/2018

Mashalahuu hayuu keenaa abdurahaman kadiir umrii nuf dheradhaajenee

Want your school to be the top-listed School/college in Riyadh?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Category

Telephone

Website

Address


Riyadh
2015