بسم الله الرحمن الرحيم
Page HADIISA FI QURAANA
الحمد لله رب العالمين والصلاة والسلام على أشرف الأنبياء والمرسلين سيدنا ونبينا محمد وعلى آله وأصحابه أجمعين وبعد
السلام عليكم ورحمة الله وبركاته
Tafsiira qur'aana *Suuratul anfaal* aayata 31ffaa irraa......
*~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~*
*Kutaa 167ffaa*
أعوذ بالله من الشيطان الرجيم
*"""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""*
وَإِذَا تُتْلَى عَلَيْهِمْ آَيَاتُنَا
Yeroo isaanirratti dubbifamtu aayatooleen teenna
قَالُوا قَدْ سَمِعْنَا
Ni jedhan; dhugaa dhageenne
لَوْ نَشَاءُ لَقُلْنَا مِثْلَ هَذَا
Odoo feene silaa jenne fakki kanaa
إِنْ هَذَا إِلَّا أَسَاطِيرُ الْأَوَّلِينَ (31)
Kuni waa hin taane oduuwwan warroota durii malee
وَإِذْ قَالُوا اللَّهُمَّ
( yaadadhu ) Yeroo isaan jedhan yaa allaaha
إِنْ كَانَ هَذَا هُوَ الْحَقَّ مِنْ عِنْدِكَ
Yoo inni kun dhugamaan si biraa ta'e
فَأَمْطِرْ عَلَيْنَا حِجَارَةً مِنَ السَّمَاءِ
Nurratti roobsi dhagaa samii irraa
أَوِ ائْتِنَا بِعَذَابٍ أَلِيمٍ (32)
Takkaa nuttiin koottu adabbii laalessa
وَمَا كَانَ اللَّهُ لِيُعَذِّبَهُمْ وَأَنْتَ فِيهِمْ
Allaahan waa hin taane ka isaan adabu haala ati isaan keessa jirtuun
وَمَا كَانَ اللَّهُ مُعَذِّبَهُمْ
Allaahan hin taane adabaa isaanii
وَهُمْ يَسْتَغْفِرُونَ (33)
Haala isaan araarama kadhataniin
وَمَا لَهُمْ أَلَّا يُعَذِّبَهُمُ اللَّهُ
Maaltu isaanif ta'e? ka allaahan isaan hin adabneef
وَهُمْ يَصُدُّونَ عَنِ الْمَسْجِدِ الْحَرَامِ
Haala isaan dhorkaniin masjiida kabajamaa irraa
وَمَا كَانُوا أَوْلِيَاءَهُ
Haala isaan hin taanen aantota isaa
إِنْ أَوْلِيَاؤُهُ إِلَّا الْمُتَّقُونَ
Waa hin taane aantonni isaa warroota allaahan sodaatan malee
وَلَكِنَّ أَكْثَرَهُمْ لَا يَعْلَمُونَ (34)
Garuu irra hedduun isaanii hin beekan
وَمَا كَانَ صَلَاتُهُمْ عِنْدَ الْبَيْتِ
Waa hin taane salaanni isaanii beetii biratti
إِلَّا مُكَاءً وَتَصْدِيَةً
fiissuu ( Siiksuu ) fi harka dhahuu ( shubbisuu ) malee
فَذُوقُوا الْعَذَابَ
Adabbii dhandhamaa
بِمَا كُنْتُمْ تَكْفُرُونَ (35)
Sababaa waan isin taataniif ka kafartan
إِنَّ الَّذِينَ كَفَرُوا يُنْفِقُونَ أَمْوَالَهُمْ
Warroonni kafaran qabeenyawwan isaanii ni kennatan
لِيَصُدُّوا عَنْ سَبِيلِ اللَّهِ
Akka dhorkaniif karaa allaaha irraa
فَسَيُنْفِقُونَهَا
Ammaa isii kennitanii
ثُمَّ تَكُونُ عَلَيْهِمْ حَسْرَةً
Eega sanii isaanirratti taati gaabbii
ثُمَّ يُغْلَبُونَ
Eega sanii ( ammaa ) injifataman
وَالَّذِينَ كَفَرُوا إِلَى جَهَنَّمَ يُحْشَرُونَ (36)
Warroonni kafaran gara jahannamiititti walitti qabaman
لِيَمِيزَ اللَّهُ الْخَبِيثَ مِنَ الطَّيِّبِ
Allaahan akka addaan baasuufi fokkataa gaarii irraa
وَيَجْعَلَ الْخَبِيثَ بَعْضَهُ عَلَى بَعْضٍ
Akka taasisuufi fokkataa garii isaa garii irratti
فَيَرْكُمَهُ جَمِيعًا
Walitti tuulee haala mara ta'aniin
فَيَجْعَلَهُ فِي جَهَنَّمَ
Akka jahannamiin keessatti taasisuuf
أُولَئِكَ هُمُ الْخَاسِرُونَ (37)
Jarrii sunniin isaani hoongoftoonni
قُلْ لِلَّذِينَ كَفَرُوا
Warroota kafaraniin jedhi
إِنْ يَنْتَهُوا
Yoo dhorkaman ( kufrii irraa )
يُغْفَرْ لَهُمْ مَا قَدْ سَلَفَ
Wanni dhugaa dabre isaaniif dhiifama
وَإِنْ يَعُودُوا
Yoo isaan deebi'an ammoo
فَقَدْ مَضَتْ سُنَّةُ الْأَوَّلِينَ (38)
Dhugaa dabrite aadan warroota durii
وَقَاتِلُوهُمْ حَتَّى لَا تَكُونَ فِتْنَةٌ
isaanin lola haga hin taanetti rakkinni ykn shirkiin
وَيَكُونَ الدِّينُ كُلُّهُ لِلَّهِ
haga ta'utti gabbartiin marti isaatu allaahaf
فَإِنِ انْتَهَوْا
Yoo isaan dhorkaman ( lola irraa )
فَإِنَّ اللَّهَ بِمَا يَعْمَلُونَ بَصِيرٌ (39)
Allaahan argaadha waan isaan dalagan
وَإِنْ تَوَلَّوْا
Yoo isaan gara galan
فَاعْلَمُوا أَنَّ اللَّهَ مَوْلَاكُمْ
Beeka; allaahan gargaara keessani
نِعْمَ الْمَوْلَى وَنِعْمَ النَّصِيرُ (40)
Waa tole gargaaran, waa tole tumsaan
*"""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""*
Hadiisaa fi Qur'aana
Barumsaa diin islaama hadiisaa fi qur'aana fi k.kf
AS WR WB
Hordoftoota page HADIISA FI QURAANA
AQIIDAA TEENYA
tokkuma Rabbiitti ni amanna
Mootummaan samiifi dachii kan Isaa ta'uus ni amanna:
{لِلَّهِ مُلْكُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ يَخْلُقُ مَا يَشَاءُ يَهَبُ لِمَنْ يَشَاءُ إِنَاثًا وَيَهَبُ لِمَنْ يَشَاءُ الذُّكُورَ (49) أَوْ يُزَوِّجُهُمْ ذُكْرَانًا وَإِنَاثًا وَيَجْعَلُ مَنْ يَشَاءُ عَقِيمًا إِنَّهُ عَلِيمٌ قَدِيرٌ} [الشورى: 49، 50]
"Mootummaan samiifi dachii kan Rabbiiti. Waan fedhe uuma. Nama fedheef dubara kenna; nama fedheef immoo dhiira kenna. Yookiin dhiiraafi dubara makaa kenna. Nama fedhe immoo maseena godha. Inni beekaa, danda’aa dha."
Kanas ni amanna:
{لَيْسَ كَمِثْلِهِ شَيْءٌ وَهُوَ السَّمِيعُ الْبَصِيرُ (11) لَهُ مَقَالِيدُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ يَبْسُطُ الرِّزْقَ لِمَنْ يَشَاءُ وَيَقْدِرُ إِنَّهُ بِكُلِّ شَيْءٍ عَلِيمٌ } [الشورى: 11، 12]
"Fakkaataan Isaa (Allaah) hin jiru. Inni dhaga’aa, argaadha. Furtuun samiifi dachii kan Isaati. Nama fedheef kennaa bal’isa; (kan fedhe immoo itti) dhiphisa. Dhugumatti Inni waan hunda beekaa dha."
Ammas kana ni amanna:
{وَمَا مِنْ دَابَّةٍ فِي الْأَرْضِ إِلَّا عَلَى اللَّهِ رِزْقُهَا وَيَعْلَمُ مُسْتَقَرَّهَا وَمُسْتَوْدَعَهَا كُلٌّ فِي كِتَابٍ مُبِينٍ} [هود: 6]
"Lubbu qabeeyyiin tokkollee sooranni ishee Rabbi irratti ta’u malee dachii keessatti hin taane. Iddoo jireenya isheetiifi iddoo du’a ishees ni beeka. Hundumtuu kitaaba ifa ta’e keessa jira."
Kan kanatti aanus ni amanna:
{وَعِنْدَهُ مَفَاتِحُ الْغَيْبِ لَا يَعْلَمُهَا إِلَّا هُوَ وَيَعْلَمُ مَا فِي الْبَرِّ وَالْبَحْرِ وَمَا تَسْقُطُ مِنْ وَرَقَةٍ إِلَّا يَعْلَمُهَا وَلَا حَبَّةٍ فِي ظُلُمَاتِ الْأَرْضِ وَلَا رَطْبٍ وَلَا يَابِسٍ إِلَّا فِي كِتَابٍ مُبِينٍ} [الأنعام: 59]
"Furtuuwwan fagoo (ghaybii) Isa bira jira. Isa malee homtuu ishee hin beeku. Inni waan dachii keessa jiruufi waan bahra keessa jirus ni beeka. Baala irraas tokkollee inni beeku malee hin kufu. Firiin dukkana dachii keessaa, jiidhaafi gogaanis kitaaba ifa ta’e keessa jiraatu malee hin hafu."
Ammas jecha Rabbii kanatti ni amanna:
{إِنَّ اللَّهَ عِنْدَهُ عِلْمُ السَّاعَةِ وَيُنَزِّلُ الْغَيْثَ وَيَعْلَمُ مَا فِي الْأَرْحَامِ وَمَا تَدْرِي نَفْسٌ مَاذَا تَكْسِبُ غَدًا وَمَا تَدْرِي نَفْسٌ بِأَيِّ أَرْضٍ تَمُوتُ إِنَّ اللَّهَ عَلِيمٌ خَبِيرٌ} [لقمان: 34]
"Dhugumatti, Rabbiin beekumsi Qiyaamaa Isuma bira jira. Roobas ni buusa; waan gadaamessa keessa jirus ni beeka. Lubbuun tokkos waan boru carraaqqattu hin beektu. Lubbuun tokkos dachii kamitti akka duutu hin beektu. Dhugumatti, Rabbiin beekaa, keessa hubataa dha."
Rabbiin ol ta'e waan fedhe yeroo fedhe akka fedhetti dubbata.
{وَكَلَّمَ اللَّهُ مُوسَى تَكْلِيمًا} [النساء: 164]
"Rabbiin haasofsiisuudhuma Muusaa haasofsiise."
{وَلَمَّا جَاءَ مُوسَى لِمِيقَاتِنَا وَكَلَّمَهُ رَبُّهُ} [الأعراف: 143]
"Yeroo Muusaan beellama keenyaaf dhufee Rabbiin isaa isaan dubbatu"
{وَنَادَيْنَاهُ مِنْ جَانِبِ الطُّورِ الْأَيْمَنِ وَقَرَّبْنَاهُ نَجِيًّا} [مريم: 52]
"Nutis moggaa mirga (gaara) Xuur irraa isatti lallabnee, maqoo itti haasa’uunis (of itti) isa dhiheessine!"
Kan armaan gadiittis ni amanna:
{لَوْ كَانَ الْبَحْرُ مِدَادًا لِكَلِمَاتِ رَبِّي لَنَفِدَ الْبَحْرُ قَبْلَ أَنْ تَنْفَدَ كَلِمَاتُ رَبِّي} [الكهف: 109]
“Odoo galaanni qalama jechoonni Gooftaa kiyyaa (ittiin barraa’u) ta’ee, silaa odoo jechoonni Gooftaa kiyyaa hin dhumne galaanni dhuma ture."
{وَلَوْ أَنَّمَا فِي الْأَرْضِ مِنْ شَجَرَةٍ أَقْلَامٌ وَالْبَحْرُ يَمُدُّهُ مِنْ بَعْدِهِ سَبْعَةُ أَبْحُرٍ مَا نَفِدَتْ كَلِمَاتُ اللَّهِ إِنَّ اللَّهَ عَزِيزٌ حَكِيمٌ } [لقمان: 27]
Odoo wanti dachii keessa jiru muka irraa qalamii ta’ee, galaannis booda isaatii kan galaanni torba jiru itti ida’amuudhaan (gargaaree ittiin barreeffameeyyuu) jechoonni Rabbii hin dhumu. Rabbiin injifataa beekaa dha.
Akkasumas haasaan Rabbii haasaa oduu keessatti dhugaan guutameefi murtii keessatti haqaan guutame, dubbii keessatti bareedina qabu ta'uu amanna. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "Jechi Gooftaa keetii dhugaafi haqa haala ta'een xumurameera." (Al-an'aam: 115). Ammas Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "Eenyumatu haasawa keessatti Rabbirra dhugaa dubbata?" (Annisaa'i: 87).
Qur'aanni haasawa Rabbii kan Inni dhugaan isa dubbate ta'uus ni amanna. Inni gara Jibriilitti isa darbe. Jibriil immoo gara qalbii Nabiyyichaatti (saw) isaan bu'e. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "Ruuhii qulqulluu (Jibriiltu) dhugaadhaan Rabbii kee biraa isa buuse' jedhi." (Annahl: 102). Ammas Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "Dhugumatti, inni (Qur’aanni) buufamaa Gooftaa aalama hundaati. Ruuhii amanamaa ta’e (Jibriiltu) isaan bu’e. Akka ati akeekkachiiftota irraa taatuuf jecha onnee kee irratti (buuse).Qooqa Arabiffaa ifa ta’een." (Ashu'araa'i: 192-195).
Rabbiin ol ta'e zaata Isaatiifi sifaata Isaatiin uumama Isaa gubbaa ta'uu ni amanna. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "Inni ol ta'aa guddaadha." Ammas ni jedhe: "Inni gabroota Isaa irratti mo'ataadha; Inni ogeessa keessa beekaadhas." (Al-an'aam: 18).
ASSALAAMU ‘ALEYKUM WARAHMATULLAAHI WABARAKAATUHU.
Hordoftoota page HADIISA FI QURAANA
Obboleyyan tiyya mee worra Qur'aanaafi sunnaa Rasuulaatti (sallallaahu ‘Aleyhi Wasallam) qishnaa godhu (baldu), Rabbiin waan jedhuun dubbisaatii keessatti uf laalaa. Subhaanallaah.
وَلَٮِٕن سَأَلۡتَهُمۡ لَيَقُولُنَّ إِنَّمَا ڪُنَّا نَخُوضُ وَنَلۡعَبُۚ قُلۡ أَبِٱللَّهِ وَءَايَـٰتِهِۦ وَرَسُولِهِۦ كُنتُمۡ تَسۡتَہۡزِءُونَ (٦٥)
wallaahi yoo munaafiqtoota tana gaafatte (yaa
Muhaammad صلى الله عليه وسلم), hin jedhan: “Nu
ka taane (yaa Rasuula), ni haasofnaa bar, ni
taphanna, (haasawa kara’aan ufirraa
gabaabsinuunii, karaa dheeraa akkana malee
hin kunnuu, dhuga’aan hin jennee),” jedhan.
Jedhi (yaa ergamaa صلى الله عليه وسلم ): “Si
Allaahuuf, aayatoota Isaatiifi, ergamaa
Isaatitti balda (qishnaa) godhattanii? Kanaan
taphattanii? (Suuraa At-Tawbah 9:65).
لَا تَعۡتَذِرُواْ قَدۡ كَفَرۡتُم بَعۡدَ إِيمَـٰنِكُمۡۚ إِن نَّعۡفُ عَن طَآٮِٕفَةٍ۬ مِّنكُمۡ نُعَذِّبۡ طَآٮِٕفَةَۢ بِأَنَّہُمۡ ڪَانُواْ مُجۡرِمِينَ (٦٦)
Rakkoo hin himatinaa, (“Kanaaf Jenne,
Taphaaf jenne,” jettanii), dhugamatti
kafartanii jirtanii eega dur iimaana
muldhiftanii. Yoo irra dabarre tuuta
isin irraa taatee (isiin towbattee),
tuuta taan hin qaxxaana ammoo (ta
hin towbatin) sababa isaan kufriif
cubbuu ira taa’uutiif. (Suuraa At-Tawbah
9:66).
Asalamualeykum Warahamatullahi Wabarakahatuhuu akkam jirtu Hordoftoota page HADIISA FI QURAANA
Sura Al-Ghashiya
بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَٰنِ الرَّحِيمِ
Maqaa Rabbitinin jalqaba maqaan isaa Rahmaan fii Rahiim kha
tehe
________________________________________
هَلْ أَتَاكَ حَدِيثُ الْغَاشِيَةِ
Dhageeysee yaa Ergamaa Rabbi, oduu hagoyduu guyyaa qiyaamaa
________________________________________
وُجُوهٌ يَوْمَئِذٍ خَاشِعَةٌ
Fuulli ummata kaafiraa guyyaa qiyaamaa xiqqaattuudha
_____________________________________________
عَامِلَةٌ نَاصِبَةٌ
Duniyaaratti dilii daleeyduudha, aakhiratti cinqamtuudha
___________________________________________
تَصْلَىٰ نَارًا حَامِيَةً
Ni seenti, ibidda akkan nama gubu seenti
____________________________________________
تُسْقَىٰ مِنْ عَيْنٍ آنِيَةٍ
Ni obaafamti laga akkaan danfaa taherraa
_________________________________________
لَيْسَ لَهُمْ طَعَامٌ إِلَّا مِنْ ضَرِيعٍ
Isaaniif waa hin jiru nyaanni, nyaata fokkotaa warra jahannam malee
________________________________________________
لَا يُسْمِنُ وَلَا يُغْنِي مِنْ جُوعٍ
Namallee hin gabbisu, beelallee nama hin baasu
_______________________________________________
وُجُوهٌ يَوْمَئِذٍ نَاعِمَةٌ
Fuulli ummata mu'minaa guyyaa qiyaamaa san qananooytuudha
___________________________________________
لِسَعْيِهَا رَاضِيَةٌ
Dalagaa isiidhaa jaalattu dha
________________________________________
فِي جَنَّةٍ عَالِيَةٍ
Jannata darajaa isii olfuudhamtuu kheeysa qubatan
_____________________________________
لَا تَسْمَعُ فِيهَا لَاغِيَةً
Jannata kheeysatti waan hamtuu hin dhageeysu
_________________________________________
فِيهَا عَيْنٌ جَارِيَةٌ
Jannata kheeysa laga yaa'utuu isaanii jira
__________________________________
فِيهَا سُرُرٌ مَرْفُوعَةٌ
Jannata kheeysa sireelee olfuudhamtuu taatee isaanii jira
______________________________________
وَأَكْوَابٌ مَوْضُوعَةٌ
Weelkaalee khaayamtuu taatee isaanii jira
___________________________________
وَنَمَارِقُ مَصْفُوفَةٌ
Ammalee Makhaddaalee (Boraatii) saffin khaayamtuu taateetu isaani jira
_________________________________________
وَزَرَابِيُّ مَبْثُوثَةٌ
Afaa jannataa afamtuu taatetu isaanii jira
________________________________________
أَفَلَا يَنْظُرُونَ إِلَى الْإِبِلِ كَيْفَ خُلِقَتْ
Hin laalaltanii, gaala akkataa Rabbiin itti uume
___________________________________
وَإِلَى السَّمَاءِ كَيْفَ رُفِعَتْ
Samii hin laaltani, akkaataa Rabbiin utubaa malee olfuudhee dhaabe
________________________________________
وَإِلَى الْجِبَالِ كَيْفَ نُصِبَتْ
Gaara hin laaltanii, akkaataa Rabbiin dachiira dhaabe
_______________________________________
وَإِلَى الْأَرْضِ كَيْفَ سُطِحَتْ
Dachii hin laaltani, akkaataa Rabbiin itti ballise
_____________________________________
فَذَكِّرْ إِنَّمَا أَنْتَ مُذَكِّرٌ
Gorsi yaa ergamaa Rabbi, ati wanni sirra jiruu gorsuu dha .
______________________________________________
لَسْتَ عَلَيْهِمْ بِمُصَيْطِرٍ
Iimaana isaan kheeysatti dirqii dhaan itti uumuu hin dandeeysu
__________________________________________
إِلَّا مَنْ تَوَلَّىٰ وَكَفَرَ
Haataatuu namni islaamummaarraa garagalee kafree
____________________________________________
فَيُعَذِّبُهُ اللَّهُ الْعَذَابَ الْأَكْبَرَ
Rabbiin azaaba guddaan isa azzaba
___________________________________
إِنَّ إِلَيْنَا إِيَابَهُمْ
Eega du'aanii deebiin saanii gama kheenya
____________________________________
ثُمَّ إِنَّ عَلَيْنَا حِسَابَهُمْ
Dalagaa isaanii hundarra isaan gaafachuun nurra jirti
Please
SHARE
SHARE
SHARE
Aselamulayekum waarhamaatulaahi waabaarakaatuu Ya Gabrotan Rabbi akkam oltaan Inshaa'Allah Hikaa Qur'aana Suratul Al _Buruj walin ha ilaaluu✍👇👇👇☝ please ....
Suraa Al-Buruj
بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَٰنِ الرَّحِيمِ
Maqaa Rabbiitinin jalqaba maqaan isaa Rahman fi Rahiim khan tehe.
____________________________________________
وَالسَّمَاءِ ذَاتِ الْبُرُوجِ
Samii urjii qabduun khakhadhe
_______________________________________________
وَالْيَوْمِ الْمَوْعُودِ
Guyyaa qiyaamaatin khakhadhe
______________________________________________
وَشَاهِدٍ وَمَشْهُودٍ
Guyyaa jummataatiin khakhadhe, guyyaa arafaatiin khakhadhe
_______________________________________________
قُتِلَ أَصْحَابُ الْأُخْدُودِ
Abaarsa fuudhan, warri ummata mu'uminaatiif boolla qote.
______________________________________________
النَّارِ ذَاتِ الْوَقُودِ
Warra boolla qotee, ibidda itti qabsiise.
_______________________________________________
إِذْ هُمْ عَلَيْهَا قُعُودٌ
Ummanni kaafiiraa san, naanawa ibbidaa tata'aan.
____________________________________________
وَهُمْ عَلَىٰ مَا يَفْعَلُونَ بِالْمُؤْمِنِينَ شُهُودٌ
Umanni kaafira, waan ummata mu'uminaa irratti dalagan ijaan laalan
_______________________________________________
وَمَا نَقَمُوا مِنْهُمْ إِلَّا أَنْ يُؤْمِنُوا بِاللَّهِ الْعَزِيزِ الْحَمِيدِ
Ummanni kaafiraa san, ummata mu'umina waan biraatiif haluu irraan baane, waan isaan Rabbii dhugoomsaniif malee, Rabbiin jabaa waa hunda injifatu, Rabbiin waan hunda kheeysatti faarfamaadha.
_______________________________________________
الَّذِي لَهُ مُلْكُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۚ وَاللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ شَهِيدٌ
Rabbiin sanuu mottumaan samii fi dachii kha isaa kha teehe, Rabbin waan hunda quba qaba.
________________________________________________
إِنَّ الَّذِينَ فَتَنُوا الْمُؤْمِنِينَ وَالْمُؤْمِنَاتِ ثُمَّ لَمْ يَتُوبُوا فَلَهُمْ عَذَابُ جَهَنَّمَ وَلَهُمْ عَذَابُ الْحَرِيقِ
Warri dhiira mu'minaatiifi dubartii mu'minaa, boolla ibiddaati guban, amantii isaanirraa gara galchuuf, eegassii badii saniiraa hin toowbatiin azaaba jahanammi isaanif jira, ammale azaaba isaan kheessa gubatanii isaani jira.
______________________________________________
إِنَّ الَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ لَهُمْ جَنَّاتٌ تَجْرِي مِنْ تَحْتِهَا الْأَنْهَارُ ۚ ذَٰلِكَ الْفَوْزُ الْكَبِيرُ
Warri Rabbi dhugoomsee dalagaa gaarii dalage,jannataatu isaani jira khan laggeen kheeysa ya'aan, san arkachuun milkii gurgudooraahi.
______________________________________________
إِنَّ بَطْشَ رَبِّكَ لَشَدِيدٌ
Qabiinsi Rabbi kheetii jabaa dha.
_____________________________________________
إِنَّهُ هُوَ يُبْدِئُ وَيُعِيدُ
Rabbiiin kha uumaa waa hunda jalqabe isa, kha deebi'ee khaasulleen isa.
_____________________________________________
وَهُوَ الْغَفُورُ الْوَدُودُ
Rabbiin nama gama isaa deebi'ee araarama barbaaduf araaramaa dha, Rabbiin gabrootan isaa nijaalata.
___________________________________________
ذُو الْعَرْشِ الْمَجِيدُ
Rabbin abbaa arshii guddaa kha tehe.
______________________________________________
فَعَّالٌ لِمَا يُرِيدُ
Rabbiin waan fedhe dalaga.
______________________________________________
هَلْ أَتَاكَ حَدِيثُ الْجُنُودِ
Dheegeysee yaa eergamaa Rabbii, oduu warra khaafiraa
_____________________________________________
فِرْعَوْنَ وَثَمُودَ
Waraanni sanuu waraana Fir'oownaa fi waraana Samuud kha tehe.
_____________________________________________
بَلِ الَّذِينَ كَفَرُوا فِي تَكْذِيبٍ
Dhugaa ummani kaafira diin khijibsisu kheeysa jiran.
_____________________________________________
وَاللَّهُ مِنْ وَرَائِهِمْ مُحِيطٌ
Rabbiin ummata kaafiraa duraa duuba isaani marsee jira( haala isaani akkan beekha)
_______________________________________________
بَلْ هُوَ قُرْآنٌ مَجِيدٌ
Dhugaa Qur'aani khun gudda khabajamaadha.
______________________________________________
فِي لَوْحٍ مَحْفُوظٍ
Qur'aana khana Lowhil Mahfuzirrahi sitti buufne.
____________________________________________
Share
Share waliif godhaa jzkl
ﺍﻟﺴﻼﻡ ﻋﻠﻴﻜﻢ ﻭﺭﺣﻤﺔ ﺍﻟﻠﻪ ﻭﺑﺮﻛﺎﺗﻪ
Hordoftoota page HADIISA FI QURAANA
Barnoota tawhiidaa
itti dhihaadhaa sher walif godhaa jzk
tafsiira (hiikkaa) aayatul kursiyyaa :
() ﺍﻟﻠَّﻪُ ﻻ ﺇِﻟَﻪَ ﺇِﻟَّﺎ ﻫُﻮَ ﺍﻟْﺤَﻲُّ ﺍﻟْﻘَﻴُّﻮﻡُ ﻻ ﺗَﺄْﺧُﺬُﻩُ ﺳِﻨَﺔٌ ﻭَﻻ ﻧَﻮْﻡٌ ﻟَﻪُ ﻣَﺎ ﻓِﻲ ﺍﻟﺴَّﻤَﺎﻭَﺍﺕِ ﻭَﻣَﺎ ﻓِﻲ ﺍﻟْﺄَﺭْﺽِ ﻣَﻦْ ﺫَﺍ ﺍﻟَّﺬِﻱ ﻳَﺸْﻔَﻊُ ﻋِﻨْﺪَﻩُ ﺇِﻟَّﺎ ﺑِﺈِﺫْﻧِﻪِ ﻳَﻌْﻠَﻢُ ﻣَﺎ ﺑَﻴْﻦَ ﺃَﻳْﺪِﻳﻬِﻢْ ﻭَﻣَﺎ ﺧَﻠْﻔَﻬُﻢْ ﻭَﻻ ﻳُﺤِﻴﻄُﻮﻥَ ﺑِﺸَﻲْﺀٍ ﻣِﻦْ ﻋِﻠْﻤِﻪِ ﺇِﻟَّﺎ ﺑِﻤَﺎ ﺷَﺎﺀَ ﻭَﺳِﻊَ ﻛُﺮْﺳِﻴُّﻪُ ﺍﻟﺴَّﻤَﺎﻭَﺍﺕِ ﻭَﺍﻟْﺄَﺭْﺽَ ﻭَﻻ ﻳَﺆُﺩُﻩُ ﺣِﻔْﻈُﻬُﻤَﺎ ﻭَﻫُﻮَ ﺍﻟْﻌَﻠِﻲُّ ﺍﻟْﻌَﻈِﻴﻢُ ) ( ﺍﻟﺒﻘﺮﺓ 255: ) .
" Rabbiin Isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru; (Inni) jiraataadha; waan hundaan dhaabbataadha. Mugaatiis ta’ee hirribni Isa hin qabatu. Wanti samii keessa jiruufi wanti dachii keessa jiru (hundi) kan Isaati. Inni hayyama Isaatiin ala Isa biratti araarsu eenyuma? Waan fuuldura isaaniitiifi waan duuba isaaniis ni beeka. Beekumsa Isaa irraas waan Inni fedhetti malee hin marsanu. Kursiin Isaa samiifi dachii irra bal’ateera. Isaan lamaan tiksuun Isa hin dadhabsiisu. Innis ol ta’aa, guddaa dha." (Albaqaraa :255 ) .
Kan armaan gadiis ni amanna :
( ﻫُﻮَ ﺍﻟﻠَّﻪُ ﺍﻟَّﺬِﻱ ﻻ ﺇِﻟَﻪَ ﺇِﻟَّﺎ ﻫُﻮَ ﻋَﺎﻟِﻢُ ﺍﻟْﻐَﻴْﺐِ ﻭَﺍﻟﺸَّﻬَﺎﺩَﺓِ ﻫُﻮَ ﺍﻟﺮَّﺣْﻤَﻦُ ﺍﻟﺮَّﺣِﻴﻢُ * ﻫُﻮَ ﺍﻟﻠَّﻪُ ﺍﻟَّﺬِﻱ ﻻ ﺇِﻟَﻪَ ﺇِﻟَّﺎ ﻫُﻮَ ﺍﻟْﻤَﻠِﻚُ ﺍﻟْﻘُﺪُّﻭﺱُ ﺍﻟﺴَّﻼﻡُ ﺍﻟْﻤُﺆْﻣِﻦُ ﺍﻟْﻤُﻬَﻴْﻤِﻦُ ﺍﻟْﻌَﺰِﻳﺰُ ﺍﻟْﺠَﺒَّﺎﺭُ ﺍﻟْﻤُﺘَﻜَﺒِّﺮُ ﺳُﺒْﺤَﺎﻥَ ﺍﻟﻠَّﻪِ ﻋَﻤَّﺎ ﻳُﺸْﺮِﻛُﻮﻥَ * ﻫُﻮَ ﺍﻟﻠَّﻪُ ﺍﻟْﺨَﺎﻟِﻖُ ﺍﻟْﺒَﺎﺭِﺉُ ﺍﻟْﻤُﺼَﻮِّﺭُ ﻟَﻪُ ﺍﻟْﺄَﺳْﻤَﺎﺀُ ﺍﻟْﺤُﺴْﻨَﻰ ﻳُﺴَﺒِّﺢُ ﻟَﻪُ ﻣَﺎ ﻓِﻲ ﺍﻟﺴَّﻤَﺎﻭَﺍﺕِ ﻭَﺍﻟْﺄَﺭْﺽِ ﻭَﻫُﻮَ ﺍﻟْﻌَﺰِﻳﺰُ ﺍﻟْﺤَﻜِﻴﻢُ ) ( ﺍﻟﺤﺸﺮ : - 22 24 ) .
" Inni Allaahiidha; Isa gabbaramaan dhugaa isa malee hin jirre. (Inni) Beekaa fagoofi dhihooti. Inni akkaan rahmata godhaa akkaan mararfataadha. Inni Allaahii Isa gabbaramaan dhugaa isa malee hin jirre, mootii, hir'ina irraa qulqulluu, abbaa nagayaa, nageenya arjoomaa, Qeexaa, injifataa, guddaa (ol ta'aa), boonaadha. Waan isaan qindeessan hunda irraa Rabbiin qulqullaa'e. Inni Rabbii Uumaa (waan hundaa), (waan hin jirre) Argamsiisaa, bocaa ta'eedha. Isaaf maqoolee gaggaarii ta'antu jira. Wantoonni samiifi dachii keessaa Isa qulqulleessu (faarsu). Inni Injifataa ogeessa." (ALhashr :22-24 ) .
Baarumsa daabalataf link kana tuqa
👇👇👇👇👇👇👇
https://www.facebook.com/Barumsaislama.info/
SHEER
SHEER
«27» وعن أبي يحيى صهيب بن سنانٍ رضي الله عنه، قَالَ: قَالَ رسولُ الله صلى الله عليه وسلم: ((عَجَبًا لأمْرِ المُؤمنِ إنَّ أمْرَهُ كُلَّهُ لَهُ خيرٌ ولَيسَ ذلِكَ لأَحَدٍ إلا للمُؤْمِن: إنْ أَصَابَتْهُ سَرَّاءُ شَكَرَ فَكانَ خَيرًا لَهُ، وإنْ أصَابَتْهُ ضرَاءُ صَبَرَ فَكانَ خَيْرًا لَهُ)). رواه مسلم.
في هذا الحديث: فَضْلُ الشكر على السّرّاء والصبر على الضرّاء، فمن فعل ذلك حصل له خيرُ الدارين، ومَنْ لم يشكر على النعمة، ولم يصبر على المصيبة، فاته الأَجر، وحصل له الوِزْر.
Hadiisaa Abii Yahayaan ergamaa Rabbii erraa nuuf odeesse kanaa maal erraa hubannaa laataa woyii
🔶Ergaamaan Rabbii sallaallaahuu Alayihii wassallam akkanaa jedhan woyii na ajaabsiisee amiriin mu'umintootaa amirin sun cuftinuu kan isaanif kayrii taatee
🔶Ammallee hintaanee amiiriin kun mu'umintootaaf malee namaa biraatif kan hin taanee amiriin sunis>
🔶Mu'mintoonnii Yeeroo waan isaa gammachiisuu argatee ykn qunnamee Rabbii ofii galateeffataa Alhamdulillah jedha ajirii ittiin argataa
🔶mu'umintoonnii ammallee Yoo hamtuun ykn musiibaan isaa tuqxee sanifillee nisabbaraa obsee muusiibaa isaa tuqtee kanarratii Rabbiin galateeffataa Alhamdulillahaa jedha sanumaan ajirii argataaa
(Muslimtuu odeessee)
Alhamdulillaahaa kan isilaamaa nugootee Ammallee islaamummaa erratii nuajjeesii islaamummaa erraatii nukaasiiii Yaa allah
Aselamulayekum waarhamaatulaahi waabaarakaatuu
Ya Gabrotan Rabbi akkam oltaan Inshaa'Allah Hikaa Qur'aana Suratul Al _ishiqaq waliin haa ilaaluu ☝👇👇👇🖊🖊 SHARE SHARE SHARE WALIIF GODHAA JZK
Suraa Inshiqaq
بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَٰنِ الرَّحِيمِ
Maqaa Rabbitiniin jalaqaba ,maqaan isaa Rahmaani fi Rahiim kha teehe
_________________________________________________
إِذَا السَّمَاءُ انْشَقَّتْ
Gaafa samiin ajaja Rabbitiin babaqeeyxe
________________________________________
وَأَذِنَتْ لِرَبِّهَا وَحُقَّتْ
Rabbii isii uume caqaste, dhugaa isaati amrii Rabbii isi caqasuun
_______________________________________________
وَإِذَا الْأَرْضُ مُدَّتْ
Gaafa dachiin addan dhifamtee ballifamte
_______________________________________________
وَأَلْقَتْ مَا فِيهَا وَتَخَلَّتْ
Waan garaa isii kheeysatti awaalame ifiraa darbitee irraa qulqullooytee
______________________________________________
وَأَذِنَتْ لِرَبِّهَا وَحُقَّتْ
Rabbii isii uume caqaste, dhugaa isiiti amrii Rabbii isii caqasun
_______________________________________________
يَا أَيُّهَا الْإِنْسَانُ إِنَّكَ كَادِحٌ إِلَىٰ رَبِّكَ كَدْحًا فَمُلَاقِيهِ
Yaa ilma nama, ati dalagaa tee oofuu jirta, dalagaa tee waliin gama Rabbii deemu jirta, eega duutee dalagaa tee waliin fuula Rabbii dhaabachuu tessa
________________________________________________
فَأَمَّا مَنْ أُوتِيَ كِتَابَهُ بِيَمِينِهِ
Namni kitaaba dalagaa isaa harka mirgaatiin khanname
_________________________________________________
فَسَوْفَ يُحَاسَبُ حِسَابًا يَسِيرًا
Gaafii laaftuu gaafatamuuf ta'a
______________________________________________
وَيَنْقَلِبُ إِلَىٰ أَهْلِهِ مَسْرُورًا
Gama warra isaa kha jannata kheeysa jiraatanniti deebi'a, haala gamadaa taheen
_________________________________________________
وَأَمَّا مَنْ أُوتِيَ كِتَابَهُ وَرَاءَ ظَهْرِهِ
Namnii kitaaba dalaagaa isaa gama duubaatin khannamee
_____________________________________________
فَسَوْفَ يَدْعُو ثُبُورًا
Halaakha ifi khadhata
____________________________________________
وَيَصْلَىٰ سَعِيرًا
Ibidda seena
____________________________________________
إِنَّهُ كَانَ فِي أَهْلِهِ مَسْرُورًا
Duuniyaarratii warra isaa waliin gammachuu kheessa kha ibaadaa Rabbiirraa dagame tehe
_________________________________________________
إِنَّهُ ظَنَّ أَنْ لَنْ يَحُورَ
Eega du'ee gama Rabbi khan deebinee sehe
_________________________________________________
بَلَىٰ إِنَّ رَبَّهُ كَانَ بِهِ بَصِيرًا
Dhugaa Rabbiin dalagaa isaa kha arku tehe
_______________________________________________
فَلَا أُقْسِمُ بِالشَّفَقِ
Diimina yeroo maghriibaatin khakhadhe
________________________________________________
وَاللَّيْلِ وَمَا وَسَقَ
Ammalle halkaniifii waan inni wali qabeen khakhadha
________________________________________________
وَالْقَمَرِ إِذَا اتَّسَقَ
Hoggaa ji'ni guddatee guddate akkaan ifuunis khakhadha
______________________________________________
لَتَرْكَبُنَّ طَبَقًا عَنْ طَبَقٍ
Haala tokkorraa gama haala tokko dabarttan
_____________________________________________
فَمَا لَهُمْ لَا يُؤْمِنُونَ
Maaliif ummani kaafiraa Qur'aannatii amanuu dhaban
________________________________________________
وَإِذَا قُرِئَ عَلَيْهِمُ الْقُرْآنُ لَا يَسْجُدُونَ ۩
Hoggaa Qur'aani isaanira qaraame Sujuda hin bu'an
_______________________________________________
بَلِ الَّذِينَ كَفَرُوا يُكَذِّبُونَ
Dhugaa ummani kaafira Quraana Rabbi khijibsiisu kheesa jiran
________________________________________________
وَاللَّهُ أَعْلَمُ بِمَا يُوعُونَ
Rabbiin ni beekha waan ummani kaafira qomatti yaadan
________________________________________________
فَبَشِّرْهُمْ بِعَذَابٍ أَلِيمٍ
Himiif yaa Ergamaa Rabbi azaaba laaleeysa isaani jira
______________________________________________
إِلَّا الَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ لَهُمْ أَجْرٌ غَيْرُ مَمْنُونٍ
Warra Rabbi dhugoomsee dalagaa gaarii dalage male, galata addan hin cinne isaani jira
_____________________________________________
Click here to claim your Sponsored Listing.
Location
Category
Website
Address
Riyadh