Mana Da'awaa Muslima Oromoo Waliigalaa-Paltalk

Mana Da'awaa Muslima Oromoo Waliigalaa-Paltalk

Share

Mana Da3waa Muslima Oromoo Waliigalaa Kanaafuu koottaa irraa fayyadamaa isiniin jenna!

Manni Da3waa Muslima Oromoo Waliigalaa Da'awaa Ummata oromoo keenyaf Ulmaa'otaa fi Sheekota Bebbekamoo gargaarsifachuun Barumsa tamsaasa kallattiitin kennuu eegalee jira.

03/10/2019

Mana kee bakka zikrii Rabbii taasisi:

Ergamaan Rabbii ﷺ ni jedhan:

عَنْ أَبِي مُوسَى رضي الله عنه قَالَ: قَالَ النَّبِيُّ ﷺ: (مَثَلُ البيت الَّذِي يذكر الله فيه والبيت الذي لا يذكر الله فيه مَثَلُ الحَيِّ وَالمَيِّتِ.)
“Fakkeenyi mana isa Rabbiin keessatti zakkaramuufi mana Rabbiin keessatti hin zakkaramnee akka du’aatii fi fayyaati.” Muslimtu Abuu Muusaa irraa gabaase.

Kanaafuu mana ofii bakka zikrii Rabbii gosa hundaayyuu taasisuun dirqama.
Zikriin kun kan qalbii, zikrii arrabaa, salawaata, Qur'aana qara’uu, barnoota sharii’aa waliin qu'achuu yookiin immoo kitaabota adda addaa dubbisuu ta’uutu mala.

Manneen Muslimaa yeroo ammaa meeqaafi meeqatu zikrii Rabbii dhabuudhan duutee jirti. Kun immoo hadiisa sahiiha keessattis dhufeera. Inumaa yeroo zikriin ishee keessatti godhuma immoo sagalee shayxaanaa kan akka sirbaa, muuziiqaa, hamii, cubbuufi walitti naqaa ta’emmoo maal haa ta’u!

Ogga diliifi waan Rabbiin dhorge kan akka wal makannaa haraama ta’e, hijaabaan malee maqaa firoomaatiin, ollaa warra callisanii mana seenanuutiin kan muhrima hin ta’in waliin turuudhaan guutamtee jirtu immoo haalli manattii akkam ta’a laata! Maleykaan akkamumatti mana haala kana qabu seenti?

Rabbiin isin haa mararfatuu, mana keessan zikrii Rabbiitiin fayyisaa jiraachisaa

15/10/2018
03/10/2018

Ergamaan Rabbii ﷺ Sallallaahu Aleeyhi Wasallam akkana jedhan: Sadaqaan dhoksaan kennatan dallansuu (dheekkama) Rabbii dhaamsiti, Fira fufuun ammoo umrii namaa ida'a, Dalagaan gaariin ammoo kufaatii akka malee irraa nama tiksa"
Xabaraaniitu Gabaase

22/09/2018

ODUU GAMMACHIISAA
Hiikkaa Qur'aana Kabajamaa Juz'ii 30 biyya keessatti namni barbaaddan Finfinneetti Mana kitaabaa Madiinaa, (Al-Towbaa) Markaatoo, (Al-Aqsaa) Piyaassaa...
Lakk. Bilbilaa: 0911022388 / 0966273113
Riyadh 0538769724
Makkah 0535449187
Odeeffannoo dabalataatiif
SEND MESSAGE

12/09/2018

⁠⁠⁠Sadarkaa Guyyaa Aashuuraa’ fi Soomana Isaa

Galanni Rabbiif haa ga'u uumaafii jiraachisaa addunyaa hundaa. Nagayaafii Rahmanni Rabbii Rasuularratti haa jiraatuﷺ.

Qananii Rabbiitirraa gabroota ofiitif waqtii kheyrii itti heddummeeysatan baay’isuufiidha. Ji’a Hajjii Ulfaatatti aanun ammas Jiini kabajamaan Rabbii itti aanee dhufa, Sunis seensa waggaa irratti J’a Rabbii ‘Muharram’jedhama. Ji’a kana keessa wanti guddaan argame, Injifannoon ifa galaan, Dhugaan kijiba mooyatte, waqtii Rabbiin Muusaa fi tuuta isaa nagaya baasee fir’oowna fi tuuta isaa ammo bishaanin liqimse, guyyaa sadarkaa fi kabajaa guddaa qabu, guyyaan kuni guyyaa kurnaffaa ji’a Muharram irraayi innis guyyaa Aashuuraa jedhamee yaamama.
عَنْ ‏‏أَبِي هُرَيْرَةَ ‏‏رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ ‏‏قَالَ : ‏قَالَ رَسُولُ اللَّهِ ‏‏صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ ‏: " ‏أَفْضَلُ الصِّيَامِ بَعْدَ رَمَضَانَ شَهْرُ اللَّهِ الْمُحَرَّمُ ، وَأَفْضَلُ الصَّلَاةِ بَعْدَ الْفَرِيضَةِ صَلَاةُ اللَّيْلِ " .
أخرجهُ مسلمٌ)
Hadiisa Muslim Sahiiha isaa keessatti baase-Abii hureeyraan Rabbi irraa haa jaalatuu akka odeessetti, Ergamaan Sallallaahu aleeyhi wasallam akkana jedhan: “ Erga soomana Ramadaanatii soomanni mindatti irra caalumsa qabu ji’a Muharram jettanii moggaaftani, irra caaltun salaataa salaata dirqamaa booda; dhaabata halkaniiti”

Ammas Sahiiha keessatti ibn Abbaas Rabbi irraa haa jaalatu guyyaa Aashuuraa irraa gaafatamee jennaan akkana jedhe: “ Ani Rasuula Rabbii nagayaa fi rahmanni Rabbii isaanirra haa jiraatuu hin agarre isaa soomee sooma san keessatti sadarkaa ittiin barbaadu soomana guyyaa Aashuuraa fi Ramadaana malee’’.
Akkasumas, Hadiisa Sahiiheeynii keessatti Ibn Abbaas Rabbi irraa haa jaalatu akkana jedhe : “Ergamaan Rabbii S.A.W ﷺ yeroo Madiinaa dhufan Yahuudan isaanii guyyaa Aashuuraa sooman argan, ergasii Rasuulli S.A.Wﷺ akkana jedhaniin: “ Maali guyyaan soomtan kun?” jarris akkana jedhan: kuni guyyaa guddaa Rabbiin Muusaa fi tuuta isaa nagaya itti baase, Fir’oowni fi tuuta isaa ammoo bishaanin liqimse(fudhate), Muusan galata Rabbii isaatif soomanee, nutis soomna! Ergamaan Rabbii S.A.Wﷺ akkana jedheen : “ Nuti warra isinirra Muusatti haqa godhatuu fi dura aantota” Ergamaan S.A.Wﷺ ergasii soomanii akkasuma soomana isaatitti ajajan.
Caalumsa ajrii ji’a Rabbii Muharram irraa ammas sooma guyyaa Aashuuraa kana keessa diliin waggaa dabree dhiifama ,
عن أبي قتادة رضي الله عنه – قال : وسئل النبي صلى الله عليه وسلم عن صوم يوم عاشوراء فقال : " يكفر السنة الماضية " وفي رواية " صيام يوم عاشوراء أحتسب على الله أن يكفر السنة التي قبله "
Hadiisa Muslim Sahiiha keessatti Abii Qataadan Rabbi irraa haa jaalatu Namtichi tokko ergamaa S.A.Wﷺ waayee soomana guyyaa Ashuuraa irraa gaafatee akkana jedhan: “ Dilii waggaa dabree akka naaf dhiisu Rabbirraa herreegadha.”
Sahiiha Muslim keessatti, Ibn Abbaas Radiyallahu anhu akkana jedhe: Waqtii Ergamaan Rabbii S.A.Wﷺ Soomanii akka soomamu ajajan (sahaabdonni) akkana jedhan: yaa Ergamaa Rabbii kuni guyyaa yahuuda fi Nasaaran kabajju, Rasuulli S.A.W ﷺakkana jedhan: “ yoo waggaan itti aanu dhufe fedhii rabbiitin guyyaa saglaffallee soomna”. Jechuunis, kurnaffaa wajji soomna-warra kitaabaa(Yahuuda fi Nasaaraa) faallessuuf jecha. Ibn Abbaas akkana jedhe: osoo waggaan suni hin deebi’in Rasuulli Rabbii S.A.Wﷺ duniyaa kanarraa deemaan.

Rabbiin Bara haarawa kana kan bu’aa Islaamaa fi Muslimaa qabu haa taasisu! Waan ofii jaalatu keessatti umrii nu haa dheeressu!
Abdulmenan Menza

12/01/2017

TOWHIIDA JECHUUN MAALI? ما هو التوحيد؟

Towhiida Jechuun Ibaadaan Rabbi tokkichoomsuu, dalagaa Isaatiin Rabbi tokkichoomsuu, Maqaa fii sifa Zaata isaatiin Rabbi tokkichoomsuu dha.

Ibaadaan tokkichoomsuu hoggaa jennu Ibaadaa akka salaataa, du'aaii ykn kadhaa, gargaarsa barbaaduu, dirmachuu barbaaduu fii qodhaa godhuu k.k.f hunda Isa qofaaf godhuudha.

Dalagaa Isaatiin Rabbi tokkichoomnsuu jechuun dalagaa Rabbii tan akka uumuu, ajjeesuu, kaasuu, adunyaa tana garagaggalchuu, Razaquu, fi k.k.f hunda Rabbi qofaaf tokkichoomsuudha. Wanni biraa kan kana godhuu dandahu hin jiru jechuun amanuudha.

Maqaa fii Sifa Isaatiin Rabbi tokkichoomsuun Maqaa Rabbiin ifiin yaamee fi Rasuulli s.a.w Isaan yaame hunda Isa qofaaf godhuudha. Akkasuma Sifa Rabbiin ifiin yaamee fii Rasuulli s.a.w Isaan yaame isa qofaaf sabachiisuudha, kan hin fakkeeysine, kan hin dinne, kan akkaataa isii hin dubbanne.
Fakkeenyaaf Maqaa fii Sifa Rabbii tan akka Rahmaan, Rahiim, Waduud, Isa qofaaf malee waan biraatiif kennuu dhabuudha. Sifa Rabbii tan akka Jaalachuu, Dubbachuu, arguu, Ol tahuu, Arshiirratti ol tahuu, Harka qabaaachuu, Qur'aana Inni sagaleen dubbachuu Isaa fi k.k.f hunda Akka Isaan malutti kan hin fakkeeysine, kan hin dinne, kan hikkaa hin jijjirre, kan akkaataa isii hin dubbanne Isaaf sabachiisuu fii Isa qofaaf godhuun Towhiida maqaa fii sifa Rabbii je'ama.
...............
Towhiida akka armaan olitti ibsame kanatti namni hundi haffazee beekuun dirqama Isaati. Haala kanaan amanuun dirqama hunda keenyaati.
Share godhuun hin dagatin!!!
Peejii teenya like godhaa!

Photos 23/12/2016

اللَّهُمَّ صَلِّ عَلَى مُحَمَّدٍ، وَعَلَى آلِ مُحَمَّدٍ، كَمَا صَلَّيْتَ عَلَى إِبْرَاهِيمَ، وَعَلَى آلِ إِبْرَاهِيمَ، إِنَّكَ حَمِيدٌ مَجِيدٌ، وَبَارِكْ عَلَى مُحَمَّدٍ، وَعَلَى آلِ مُحَمَّدٍ، كَمَا بَارَكْتَ عَلَى إِبْرَاهِيمَ، وَعَلَى آلِ إِبْرَاهِيمَ، فِي الْعَالَمِينَ إِنَّكَ حَمِيدٌ مَجِيدٌ

17/05/2016

Sadarkaa Ji'a Sha'baan : Sunnaa keessa dalagamuu qabuu fii bid'aawwan irraa of eeguu qabnu!

Want your school to be the top-listed School/college in Riyadh?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Category

Address


Riyadh, Maather
Riyadh