20/04/2026
Mootummaan haaromsa mindaa hojjettoota mootummaa guddisuuf kaayyeffateef qarshii dabalataa biiliyoona 290 ifatti gaafatee.
Oduu Maraaf Media ( Ebla 20/2026)
Komishiniin Siivil Sarviisii gaaffiin maallaqaa kun qaama tattaaffii beenyaa hojjettoota mootummaa fooyyessuuf taasifamaa jiruu ta’uu mirkaneessee, gaaffiin jalqabaa Onkoloolessa bara 2017 kan dhiyaate yoo ta’u, bara 2018 irra deebi’ee mirkanaa’uu isaa ibseera.
Komishinarriin Komishiniin Siivil Sarviisii Dr. Makuriyaa Haayilee waltajjii marii Dhaabbata Bulchiinsa Gaarii Afrikaa-Gaanfa Afrikaa, filannoo waliigalaa 7ffaa dhufuuf qophaa’uuf kenniinsa tajaajila siiviil sarvisii irratti xiyyeeffate qopha'aa jiraachuu himaniiru.
Mootummaan haaromsa kanaaf bajata guddaa ramaduu isaa ibsuun, jireenya hojjettoota mootummaa haalaan ol kaasuuf kan kaayyeffate ta’uu Dr. Haayileen cimsanii dubbataniiru.
Keessattuu Paartiin Badhaadhinaa filannoo waliigalaa 7ffaa irratti injifannoo yoo mirkaneesse, jalqabbii mootummaa haala gaariin akka itti fufu abdii qabaachuu ibsaniiru.
Bara 2017tti daballii miindaa biiliyoona 90 dabalataan akka kennamuuf gaaffiin kan dhiyaate yoo ta’u, itti aansuunis baajata jiru dabaluudhaaf biliyoona 200 akka kennamuuf gaafatamaa jiraachuu komishinarichi himaniiru.
Kan hubatamuu qabu, Dr. Haayileen Dhaabbanni Siivil Sarviisii erga hundeeffamee waggoota 108 ol ta’uu isaa kan ibsan yoo ta’u, yeroo walgargaarsa hojjettootaa fi kenniinsa tajaajilaa irratti jijjiiramni guddaan kan mul’ate ta’uu ibsaniiru.
Qulqullina tajaajilaa fi sirreeffama beenyaa irratti fooyya’iinsi dabalataa fooyya’iinsa taasifameen walsimsiisuun hojiirra akka oolu mirkaneessuuf akka Hojjetamuu beeksisanii jiru.
Odeeffannoowwan dabalataa kanneen biroo argachuuf
Maraaf Media ( Ebla 20/2026)

Maraaf Media