Falmata Haqa

Falmata Haqa Saud Arabia Riyadh

Barana Akka Carraa Taanee Dhabnus Waggaa dhufu Nama Minaaf Muzdalifa Bulee Jamraa Aqabaa Darbatu Anaaf Ati Rabbi haa god...
29/06/2023

Barana Akka Carraa Taanee Dhabnus Waggaa dhufu Nama Minaaf Muzdalifa Bulee Jamraa Aqabaa Darbatu Anaaf Ati Rabbi haa godhu Aamiin

04/11/2021
31/10/2021

Daaw’attoota keenya kabajamoo,

TV OMN maqaa BTN jedhuun Saatalaayitii Intelsat 38 45°E Frequency 12690 H 5000 irra kan ture mootummaa Itoophiyaatiin Jam akka tahe kubbaaniyyaan Saatalaayitii nu beeksiseera. Sababa OMN chaanaloota hedduu Jam godhuu isaaniitiin ammas himanni gama adda addaatiin irratti banamee jira.

OMN ummata Oromoo biraan gahuuf carraaqqiin nuti goonu kan cimee itti fufu taha. Ammaaf OMN saatalaayitii Yahsat irra waan jiruuf gamasiin nu hordofuu dandeessu.

Galatoomaa,
OMN

15/06/2021

’Amboo qabsoo hin dhiifne, qabsootti jira’ – Bulchaa Godina Shawaa Lixaa

Dhaabni biyya bulchu duulli filannoo osoo hin xumuramiin guyyaa har’aa duula na filadhaa magaalaa Ambootti taasiseera.
Bulchaan Godina Shawaa Lixaa ammaaffi hooggansi duraanii OBN Obbo Diriirsaa Waaqumaan ‘’Amboon maaf qabsoo dhiise?‘’ jechuun kanneen gaafatan jiru jechuun himan.
‘’Amboon garuu qabsoo hin dhiifne. Gaafa kaayyoof qabsaa’an kaleessas har’as dhugaarra dhaabbatee ni qabsaa’a…
‘’Mana mataa keenyaaf ijaarranne, hin kunuunsina malee hin diignu. Qabsoo kan barachuu barbaadu ummata Shawaa Lixaafi Amborraa barachuu ni danda’a,’’ jechuun dubbatan.
‘’Paartiin Badhaadhinaa paartii seenaan jiraatu osoo hin taane seenaa hojjetaa paartii jiraatudha’’ jechuunis kanneen deeggarsa dhaabichaaf bahanitti dubbatan.
Itti gaafatamaan waajjiraa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa ergaa dabarsaniin dhaabni isaanii dhimmoota sadii irratti dursa kennee akka dalagu himan.
Kunneenis, beekumsaafi teknolojii, diinagdee akkasumas sirna ijaaruu ta’u himan. Kanaafis, ummanni dhaaba isaaniif akka sagalee kennu gaafatan.
‘’Oolmaa daa’immanni 3,000 kan ta’u ganda Oromiyaa hunda keessatti ni ijaarama,’’ jechuun kanneen har’a istaadiyoomii Yunivarsitii Amboo keessa walitit qabamaniif dhaamaniiru.
Ministir Di’eetaan Ministeera Nagaa Adde Warqinash Birruu, qondaaltonni magaalaafi godinaa kaanis kanneen irratti hirmaatan keessaati.
Hirmaattonni kumaatamaan lakkaa’aman duula har’aa irratti hirmaataniiru.
Haa ta’u malee, gara caalu kan maaskii Covid-19 ofirraa ittisuuf gargaaru kan godhatan akka hin taane gaazexessaan BBC taajjabeera.
Filannoo biyyaalessaa baranaa torban dhufu taasifamuu irratti paartileen mormituu keessumaa Oromiyaa keessaa akka irratti hin hirmaanne dursanii beeksisuun isaanii ni yaadatama.
Odeessa kaan dubbisuuf; 👉👉 https://bbc.in/3gtbRoW

15/06/2021

Ambaasaadar Leencoo Baatii Ministeera dhimmaa Alaa Saudi Arabiyaa Waliin marii godhani jiru.
Obboo Leencoon Marii Hariiroo dippiloomaati Saudi Fi Itoophiyaa;Lammiileen Keenya Kan mana hidhaa jiran,Dhimma lammilee Waraqaa eenyuma hin qabne seeran ala Saudi keessa jiraata jiran haala addabbi male gara biyyaa galu danda'aniifi;Dhimma Duula eddoo kana lammilee Itoophiyaa irratti humnaa nageenyaa Sauditin godhama jiru bal'inaan marii taasisani jiru.
Dhimmoni kunin Ariitiin akkaa furmaataa argatan Mootummaa Itoophiyaa fi Mootumman Saudi Xiyyeefannoo guddaa ittii kennanii Kan mari'atan yoo ta'u;Yeroo gababa keessatti hanga furmaata argatuu Of eegannoo gochaa Obsaan akkaa eegatan.

Address

You Have Any Other Way
Riyadh

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Falmata Haqa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The School

Send a message to Falmata Haqa:

Shortcuts

Share