Turkkii Ilmaa Amiin
πͺπΉπΈπ¦πͺπΉπΈπ¦πͺπΉπΈπ¦πͺπΉπΈπ¦πͺπΉπΈπ¦πͺπΉπΈπ¦πͺπΉπΈπ¦πͺπΉπΈπ¦πͺπΉπΈπ¦πͺπΉπΈπ¦ππππβοΈβοΈβοΈβοΈπβ€π
Oromoo akkami Nagayaa jirtanii
25/03/2022
Jumaa Mubarak
11/12/2021
BAREEDUMA NABIYYICHAA
|| Kutaa 1ffaa ||
β’Fuula Ergamaa RABBII ο·Ί
β‘Fuulli Ergamaa RABBII ο·Ί adii bareedaadha,geengoo tahee bifa cululuqaa xaliila qabu kan bifa diimaan wal makatee fi akka ji'a halkan goobanaa kan calaqqisuu ture. Yeroo gammadan; buburreen fuula isaanii duumessa calaqqee qabu kan aduun keessaan gadi baatuu fi akka waan murni ji'arraa citee lafa tanarraa ifuutti bareeda!
Dhugumatti osoo tasa karaa irratti sitti dhufanii: waan biiftuun aduu gaara duubaan sitti baate fakkaatu!
Bareedinni fuula isaanii yeroo dafqan: akka waan faayaatti calaqqisee ija hawata! Wallaahi fooliin dafqa sanii miskii irra akka urgaahu warra ulatee fuunfatetu nuuf hime ο·Ί
β‘Yeroo dallanan: fuulli isaanii akka waan maddii/boqoo isaanii keessatti firiin rummaanaa cabdetti diimata,
Dallansuun isaanii yoo daangaan RABBII caphe qofa !!!
β‘Funyaan isaanii gubbarraa hanga qacceetti wal qixa,qacceen isaa waan qara qabu fakkaata!
β‘Ergamaan RABBII ο·Ί Mallaan ykn maddiin isaanii lameenuu wal qixaafi bal'oodha,rifeensi jala ijaatiif gubbaa isiitti biqilu ykn laboobni haalaan bareeda,nyaarri ija gubbaas golboo tahuu wajji ni qal'ata,garuu wal hin tuqu. Qorattoonni seenaa gariin akkas jedhu;" nyaarri isaanii lameen wal tuqa,ijji isaanii lameen babal'oodha,addeenyi ija lamaanii xiqqo diiminaan wal makata,gurraachominni qarayyoo cimaa tahuu wajji,nyaarri isaanii baayyeefi dheeraa dha,osoo argite osoo hin kuulatin waan kuulatan fakkaatu " ο·Ί
β‘Ergamaan RABBII ο·Ί konkanni isaanii ol fuudhamaa dha,bareedina keessa ifatu irraa mul'ata,gurri isaanii lachuu guutuu dha,afaan isaanii xqqo bal'ina qabaachuu wajji akkaan bareeda,kaarruun isaanii adda bahee mul'ata,garuu akkaan ifa jedhan kaarruun,yeroo seeqatan ilkaan isaanii cabbii nuura ykn ifaa of keessaa qabdu fakkaatti! Yeroo dubbatan waan kaarruu san keessaan ifaan gadi calaqqisu fakkaata! Akkasumas dhooqa mormaatiinis irra bareedaa namaati,ibriiqa warqee irraa dalagame fakkaata,areedni isaanii guutuu tahuu wajji gurraacha ture,qaccee gurraa irraa hanga qaccee gurra kaaniitti guutee biqile,akkasumas morma isaanii guuttee
dhoksiti ο·Ί....
Fuulli isaanii Full tahee khalaqame!
Inshaa ALLAAH itti fufa...
_______
Asheetaafi bareeda lubbuun bira hin dabartu! Bareeduma kana SHARE godhi
By Qilleensi Nasrii Bubbise
02/12/2021
OMN - ODUU ( MUDDEE 2,2021) OMN - ODUU ( MUDDEE 2,2021)
Click here to claim your Sponsored Listing.
Location
Category
Telephone
Website
Address
W. M
Arab
8888