Islaammuummaan Lubbuu Tiyyaa

Islaammuummaan Lubbuu Tiyyaa

Share

Alhmdulilaah

18/09/2022
18/09/2022

As wr wb Yaa ummaatal Islam 💗

05/07/2021

Dhageeffadhu barumsaa jaba qaba

17/12/2020

Wantoota ergamaan rabbi irraa nu dhoowwe
Nabi Muhammad SAW..

1- Haala janaabdaa qabduun nyaachuu irraa, akkana jedhe ammas : inni hiyyummaa dhaala

2- Bitaan nyaachuu irraa ammas irkatanii nyaachuu irraa

3 - Qeensa ilkaaniin ifirraa ciruu/muruu irraa..

4 - Mana fincaanii keysattii fi yaroo fincaanutti jiran haasawuu irraa..

5- Bishaan kheysatti,fi muka firii qabu jalatti fincaanuu irraa..

6- Bishaan jilbiinfatanii dhuguu irraa akka beyladaati akkana jedhe ergamaan rabbi S A W harka keessaniin dhugaa isiin irra caalaa meeshaa keessaniiti..

7- Zahaba/fiddaa Keessatti dhuguu irraa ..

8- Nyaata afuufuu irraa yookaa bootaa sujuudaa afuufuu irraa..

9- Qabrii fi karaa fi bootaa gaalli itti hidhamuu fi ka'abaa gubbatti salaatuu irraa ..

10- Nama hamatuu irraa, nama nama hamatu dhaggeeyfachuurraa..

11- Qaama / owraa obboleessa muslima laaluu irraa akkana jedhe ergamaan rabbi S A W namni owraa obboleessa isaa ka muslima xiinxalee ilaale malaa'ikaa kuma torbaatamatu isa abaara..
12- Dubartiin owraa /qaama saalaa dubartii laaluu irraa..

13- Hayawaana ibiddaan gubuu irraa..

14- Kinniisa ajjeesuu irraa..

15- Fuula nama dhahuu ( rukutuu )irraa ..

16- Balfa ( qoshaashaa )mana keessa bulchuu irraa akkana jedhe ergamaan rabbi S A W mana keessan keessa hin bulchinaa balfa isiin teessuma sheyxaanaatii ..

17- Nama walitti diruurraa, nama nama walitti diru dhaggeeyfachuurraa..

18- Haasawa kijibaa haasawuurraa..

19- Guyyaa jum'aa haasahuu irraa..

20- Yeroo aduun olbaatu salaatuu irraa haga olfuudhamtutti likkii xiyyaa hoggaa isiin dhiitus.

21- Guyyaa jaha soomuu irraa, guyyaa fixrii, guyyaa shakkii , guyyaa gorraasaa , guyyaa ayyaamu attashriiq..
22- Miila tokkotti kophee uffatanii miila tokkoon qullaa deemuurraa..

23- Dubartiin janaazaa hordofuu irraa ..

25- Dubartiin if mimmiidhagsuu irraa jaarsa isiitiif malee..

24- Dubartiin sh*ttoo dibachuurraa..

25- Dubartiin mana isii irraa bahurraa hayyama jaarsa isii malee yoo baate malaa'ikaan samii keessa jirtu hundi ni abaarti wanni isiin bira dabritu hundi haga gara mana isii deebitutti ..

26- Dhala nyaachuurraa, dhala fudhachuurraa..

27- Gubboo nyachuurraa, gubboo nyaachisuurraa..

28- Wallee fi wallisaa dhaggeeyfachuurraa..

29- Suuraa kaasuu irraa akkana jedhe ergamaan rabbi S A W namni suuraa/fakkii kaase guyyaa qiyaamaa rabbiin isa ciinqa ruuhii itti afuufi jedheenii garuu itti afuufuu hin dandahu ...

30- Rabbitti qindeeysuu (sharraksiisuu) irraa

31- Rabbiin malee kakatuu irraa dhoowwe jira

Anaa fi isiniis nama waan dhagayetti fayyadamu RABBI nuhaa taasisu.

Beytaa maaliif dirqama sirratti taha share godhuun !?
sababaan namni ilmii diinii takka beekee isii nama hin barsiisin guyyaa qiyaamaa ni gaafatama
Akka sibiratti dhaabbatu hin taasisin namni keyrii irratti nama qajeelchu akkuma nama dalageeti.
...💚Jzk keyran ..🍃

09/12/2020

Abu Hureera {Ra} Irraa Odeffame Ergaama Rabbii{ﷺ} Akkana Jedhanii Dubartii waa Afuriisitiin fuudhanii
1🔃Bareedina Isii.
2🔃Kabajaa Warra Isii.
3🔃Qabeenya Isiitiifi.
4🔃Amantii Isiitiifi. Irraa Caaltun Isii Diin Qabdu Dubartii Diiinii Qabdu Fuudhi Ykn Nama Kasaare Taata.

{Sahiha Imaamu Bukhari & Muslim}

Abdalla Ibnu Amr Irraa Odeffame Ergamaan Rabbi {ﷺ} Nii Jedhanii Duniyaan Kun Qananii Dha.Irraa Caaltuun Qananii Duniyaa Dubartii Haaala Diinii Qabdu Ykn Dubartii Gaaridha Jedhanii Sallallaahu Alayi Wassallam.

{Sahiha Imaamu Muslim}

Saad Ibnu Abi Woqqas {Ra} Irraa Odeffame Ergama Rabbi {ﷺ} Akkana Jedhan Waa Afur Mallatto Milkii ti.
1🔃Dubartii Ykn Jaartii Gaarii.
2🔃Mana Ball'aa.
3🔃Ollaa Gaarii.
4🔃Yaabbii Gaarii Haara Nama Galfachiisu.

{Sahihaa Imaamu Muslim}

Umaar Ibnul Kaxxab {Ra}Akkas Jedha,Ilmi Namaa Waa Hin Badhaafamne Erga Rabbitti Amanuutii Akka Dubartii Gaarii Haala Gaaarii Qabdu Argatuutti Waa Takkalleenu Waa Hin Badhaafamne,Jedha

Jaartii Gaarii Haala Diin Qabdu Kan Akhlaaqa Gaarii Qabdu, Kan Isiin Jaalattu Kan Isiin Kabajju Kan Rabbi Sodaattu,Kan Ilmaan Diin Isiinif Deessu Kan Jennata Waliin seentan, Rabbiin Isiniif Haa kennu.

رَبَّنَا هَبْ لَنَا مِنْ أَزْوَٰجِنَا وَذُرِّيَّٰتِنَا قُرَّةَ أَعْيُنٍ وَٱجْعَلْنَا لِلْمُتَّقِينَ إِمَامًا

Photos from Islaammuummaan Lubbuu Tiyyaa's post 03/12/2020

Kana ni beekta?
1-Aadam guyyaa Juma'aa uumaame
2-Dhaabbanni Aadam dhundhuma 60
3-Ilmi Aadam guddaan Qaabil
4-Namni dura qalamaan barreesse Nabi Idriis
5-Ergamaan Rabbii (SAW) Amata 63 tti du'an
6-Abubakri Siddiiq Amata 63 tti du'e
7-Umar Ibn khaxab amata 63 tti du'e
8-Aliyyi Ibnu Abi-Xaaliib amata 63 tti du'e
9-Maqaan Gaala Ergamaan Rabbii Qaswaa jedhama
10-Ergamaan Rabbii (SAW) duula 27 duulan
11-Usmaan Ibn Affaan maleykaan irraa qaanfatti
12-Sahaabtichi du'aa'iin isaa lafa hin buune Sa'ad
Ibn Abiwaqas
13-Haati Rasuulaa keenya (SAW) bakka Abwaa
jedhamutti duute
14-Namni sadeen gazwaa taabuk irraa hafe "Ka'ab
Ibn Maalik, Muraaraa bin Al Raabi, fi Halaal bin
Umeeya
15-Sahaabtichi du'a isaatiif Arshiin Rahmaan
sochoo'e Sa'ad Ibn Mu'aaz
16-Masjiinni dura ijaarame masjiida Qubaati
17-Namni Ergamaan Rabbii (SAW) Fira'awnaan
Ummata kana jedheen? Abuu Jahaal (Amrii Ibn
Hishaam)
18-Nami dura Subhaana Rabbii Al'a'alaa jedhe?
Israafil
19-Suchiin hudeeybiyaa sanaa (6) hijraa ture
20-Yeroo duraatiif kan ummanni Islaamaa iida
godhan Shuwaala 1 hijraarraa Sanaa 2ffaa
21-Suuraan qur'aanaa dura buute Iqraadha
22-Haadha Miskiinaa jedhamuun namni beekame
Zeynab bint Jahshiiti
23-Namni Abbaa miskiinaa jedhamuun beekame
Jaafar Ibn Abixaalib
24-Namni eega hijraati dura Madiinatti dhalate
Abdallaah Ibn Zubeeri
25-Namni dura salaamtaa Nabii Rabbiitiin jedhe
Abazari ghifriti
26-Namni gaarri isa waliin Rabbiin qulqulleessa
Nabi Daawud
27-Guyyaan dura uumame guyyaa Ahadaati
28-suuraan miimiin of keessaa hin qabne Suuraa
kawsari
29-Guddaan Munaafiqootaa Abdullah Ibn Ubeey Ibn
Saaluul
30-Namni lola Uhud irratti Ergamaa Rabbiitiin
Fiidaaka Abi Wa Ummii Yaa Rasuulallah jedhe Sa'ad
bin Abi Waqaas
31-Namni Aliyyi Ibnu Abi-Xaaliib Ajjeesse
Abdurahmaan Ibn Maljam
32-Nabiyyiin Qur'aana keessatti Bakka hedduutti
dubbatame Nabi Muusaadha (AS) Yeroo 136
dubbatame
Kaliifonni afran (4) hagam bulchan ?
Abubakri Siddiiq amata (2) bulche
Umar ibnul khaxxaab amata (10) bulche
Usmaan Ibn Affaan amata (12) bulche
Aliyyii Ibn Abixaalib amata (6) bulche
Share godha

01/12/2020

Ziikrii tana qara'ii rafii

Want your school to be the top-listed School/college in Salwá?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Category

Website

Address


Salwá

Opening Hours

Monday 09:00 - 17:00
Tuesday 09:00 - 17:00
Wednesday 09:00 - 17:00
Thursday 09:00 - 17:00
Friday 09:00 - 17:00