ππ&ππ
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from ππ&ππ, Education, Salmiya.
Alhamdulillaah Guyyaa haaraa Salaata Fajriitiin banannee yaa Rabbi guyyaa gaarii nuuf godhi. Hamaa nurraa qabi gaarii nutti qabi falfalaafii gadhee qajeelchi iimaana nuuf dabali dilii nurraa buusii sawaaba nu argachiisi jennee kadhannee kunoo Sabtii haaraa eegalleerra.
Guyyaa keeyrii caalatti dalagannu Guyyaa caalatti hamtuurraa fagaannu nuuf godhi.
09/03/2024
^^ππ¨ππ¨π«π’π’ πππππ’π’π§ π
πππ‘π!^^.
https://t.me/wolaloonaartiidha
πΏπΏπΏπΏπΏπΏπΏπΏπΏπΏπΏπΏπΏ
Qooda keenya taanaan
Kunoo hardha geenne
Fedha Rabbiiti malee
Fedha keenna hin taanee
Hamma guyyaa hardhaa
Hireen teenna hin dhumne.
Yoo fidhan si ajjeesuu
Si beelessanii si dheebessu
Malee hin danda'anii
Guyyaa malee si ajjeesuu.
Woggaan tokko hardhaa
Baatii kudha lama
Baatii kana keessaa
Tobee shantamiilamatu
Fuudhama.
Torbee kanniin keessaa
Guyyoota dhibba
Sadihiif jahaatamii
Shantu lakkaawama.
Waa malee hin lakkoofnee
Woggaafii torbaani
Rabbiin galateessaa
Kanneen as geettani
Osoo bituu taatee
Biliyoonaan hin argattani.
Lotorii Rabbi nuuf kenne
Kan nuti ofitti hin beekne
Hundi keessan
baga geessan
Baga geenne.
"πππ¦πππππ§π§π’!"
Lotoriidha lotorii
Muslimootaa
Osoo achii qindeessuu
Gareen mushrikootaa
Osoo kuun nyaatee oolu
Muslimni soomataa
Baga ittiin nu geettee
Yaa Rabbi siif galata.
Ramadaanni lagaa
Hundatu dhiqataa
Dilii woggaa guutuu
As keessa dhiqataa
Farshoofii haraama
Meeqatu lagataa
Hunduu ni cufamtii
Hulaaleen ibiddaa
Hundatu saaqamaa
Hulaaleen jannataa.
Ramadaana keessa
Hundatu gammadaa
Harka ol fudhatee
Jannata kadhataa
Haajaa isaa hunda
Hidhee ol ergataa
Du'aaf jiraa isaa
Darumaan yaadataa
Muslimni daraanuu
Masjiida jaalata.
Ramadaanni obsaa
Yoo laaltu ijaanii
Namni sin arrabsuu
Yoo jiru isaanii
Sooma isaa eeggataa
Hin jiksu bishaani.
Soomanni fayyaadhaa
Qorannoon himanii
Sheeyxaana jajalloo
Kan nurraa hidhanii
Soomana keenyarraa
Nu jeeqaaf jedhanii.
Isa keessa jiraa
Halkan guddichi
Kan keessa nuuf darbuu
Kan woggaa murtichi
Ebalu hiyyoomee
Funyaan daaraa tuqaa
Ebalu duroomee
Boonee samii tuqaa
Gaafa guyyaa isaa
Hundumtuu ni du'aa.
Ebalu dhibamee
Hospitaala seenaa
Ebalu ni du'aa
Addunyarraa deemaa
Ebalu abbaa dhabaa
Ni ta'a yatiima.
Ramadaanni quufaa
Ramadaanni hiree
Nyaatee quufee bahaa
Inni waa harka hin jirree
Dondhatu arjoomee
Gadi dhiisa hiree
Mukatu daraaree
Gadi naqa firee.
Qur'aana heddummeessaa
Namni Rabbiin tolche
Kan muuziqaa irraa
Kaaliqni isa oolche
Qur'aana qara'aa
Hifatuun maletti
Soomanaan raawwataa
Faxaruun alatti.
Lubbuu ofii qabaa
Namni soomaan jiru
Kana hin hamatuu
San woliin hin diruu
Lubbuu ofii tiksaa
Namni soomaan jiru.
Baga geennee
Baga geessanii
Cufumaan milkaawaa
Hundi keessanii
Afoofnaa lillaahii
Baguma jiraannee
Galata ilaahii
Wolitti deebinaa
Bi'iznillaahi.
25/02/2024
"ππππ πππππππππ
ππππ!"
https://t.me/wolaloonaartiidha
Bara dhaloonni ππππ¦'π
Qubee guutee barreessuu
Bara dhaloonni woliif dhaame
Barruu dheeraa dheessuu
Rabbitu nu badhaasee
Hayyuu qoree barreessee
Lammii isaaf dhiyeessu.
Isin nuuf qaaliidhaa
Gooftaan isin haa tiksuu
Hamtuu isin oolchee
Gaarii isin haa kiisuu
Keeyrii teessan jaalatee
Hamtuu isiniif haa dhiisuu
Yaa Rabbi nuuf baay'isii
Hayyuu nama dinqisiisu.
Hamtuu woyii hin qabdanii
Dhaloota doomaa qartanii
Dhabaa qarqaarataa
Ashaaraa lafa kaayattanii
Akka inni na gammachiisu
Barruun isin qortanii
Nu jalaa hin dhokatinii
Xurreen isin gortanii
Irraa nu haa barsiisuu
Barruu isin qortani.
Barruu dheeraa baqatee
Dhaloonni dhaamee kakatee
Oromoon hin jaalatuu
Barruu tasa dheeratee
Jedhee wol qabsiisee
Mataa keessa kaayyatee
Isin nuuf fakkeenyaa
Worri barruu aadeffate.
Qubee guutuun hifatee
Dubbifamaa barreessaa
Dubbachiiftuu gatee
Nama beekutu dubbisaa
Cufti yoom hubatee
Bara kana keessa
Kun cufti nu muudate.
Akka lamaan gatanii
Qubee bara kanaa
Inni kuun ceem'eetii
Kuun wollaala gataa
Gowwaa itti dhiitee
Gamni guyyaan barataa.
Barruun teessan fakkeenyaa
Gameessa baruu fedhuuf
Worra hawwii qabu
Kan osoo baradhee jedhuuf
Worra korojoo baatee
Baddaaf lagallee ce'uuf.
Dhaloota kanaaf waa dhaammadhaa
Barruu dheeraa jaaladhaa
Ustaazee isin dinqisiifadhaa
Abdul-naasir itti dabaladha
Beekkumsa isiniif haa eda'uu
Dheerinna umrii isiniif kadhaa.
Rabbiin isin haa tiksuu
Fayyaaf nagaa qabaadhaa
Barruun keessan itti fuufaa
Anis isin dinqisiifadha.
Kana qofaanii mitii
Kitaabaan lafa kaawwadhaa.
Hardhaaf asitti dhaabbadhaa
Boru deebi'ee dhufaa
Gurra keessaa qabaadhaa.
Isinis baradhaa
Waa irraa guduunfadhaa
Hayyuun kan sabaatii
Mee nuuf jabeeffadhaa
Dilii narra jirtuuf
Dhiifama gaafadhaa
Waan toltuu ta'e hundaaf
Iklaasa Gaafadhaa.
04/02/2024
πΌπ‘πππ’ππͺπ‘ππ‘π‘πππ ππ¨π‘πππ’πͺπ’π’ππ ππππππππͺπͺ ππ€π€π©πππ.
---------- -------- -------- --------
https://t.me/wolaloonaartiidha
------- -------- ------------
Yeroo tokko tokko
Rakkinni humna keetii olii
yoo si mudatu argita.
Maali rakkoon kuni!
Maaf ta'e jettee shakkita.
Lubbuu kee himattee
Isii qofa yakkita.
Rakkinni sun
furmaata barbaada.
Furmaanni isaa
Ammoo sirraa fagaata.
Furmaata san fiduu
dadhabee
hedduun namaa
lubbuu ofii galaafata.
Nama muslima
dhugaa ta'e qofatu
lubbuu ofii eeggata.
"Ni beektu!"
Sheeyxaanni
diina keenyaa
galtee san
keessa daldalata.
Namni muslimaa
haala hamaa keessa
seenuu isaa of beeknaan
ni toowbata.
Muslimnis cufaa mitii
sadarkaa kana
iimaanaan argata.
Irra hedduun namaa
waanii obsaa waan hin beeoneef rakkata.
Beekkamaadha!
Obsi waan ulfaataadha
Musiibaan guddatee
Furmaanni dhabamee
Obsi yoo xiqqaate.
Jireenyaaf abdiin dhabamee
Jiraataan yoo garaa murate
Carraa kana fayyadamuun
Abbaan murroo yoo daldalate.
Gammadee mirqaanee
Kolfee hirqinfatee
Daaraa gubbaa gangalatee.
Gammachuun isaa maali
Jettee yoo gaafatte
Muslima tokkotu of galaafate.
Kanaaf Gammadee gangalate.
Rasuulli Rabbii s.a.w
Ergamaan aalamaa
Kan Rabbiin nuuf erge
Godhee Rahmata aalamaa
Nuu dhaamaniiru obsuu
Musiibaa buute
Hundaa liqimsuu.
Dalagaa Rabbiitii
Qadara dhugoomsuu
Faaruu Rabbii guddisanii
Isatti of irkisuu.
Anis ni du'aa
Homtuu hin hafuu
Maaliif hin obsine
Maaliif hin herreeganne!
Musiibaadhaan
Waan dhabe dhabee
Mindaa isaa obsaan
Maaf hin arganne!
Akka jennu
nuuf dhaamanii
Irra deddeebi'anii
Mindaa obsaa himanii
Irra caalaan namaa
Rasuulul-amiini. S.A.W.
Maarree obsuu qabnaa
Musiibaa buute cufaa
Haga turree turru
Nuufis guyyaan dhufaa
Uumamni hundi dhumee
Uumaan qofti hafaa
Maaliif obsa didee
Gaabbii qofaan rafa!?.
Qur'aanaan nuuf dubbatee
Yoo lubbuu
Jaalannu fudhate!
Yoo horiin jaalannu du'ee
Garaan xiqqoo nu mufate
Yoo midhaan facaafanne
Xiqqoo buusuu hanqate
Obsaa hin yaadinaa
Kan isiniif kenne anaa
Isa isiniif kennetu fudhatee.
Kana hunda keessaa
Nama waa mudate
Lubbuun baduu ta'ee
Qabeenya hirdhate
Jecha qur'aanaa kana
Nama guduunfate
Hojii Rabbiiti jedhee
Kan ciniinnate
Bakka badee san
Kan faaruu buufate
Ati gammachiisii
Jannata dhuunfatee.
Rabbitu jedhee
Qur'aana keessatti
Suuraa baqaraa laalii
Siif ifa dhugatti
Dubbiin obsaa kun
Waan cima dhugatti.
Nu haa sabarsiisuu
Cufa muslimootaa
Yeroo yerotti..
Musiibaan ni muudataa
Asirra hin deemuu
Asitti dhumataa
Fayyaafii nagaha
Isiniif hawwa turmaata
Musiibaa keenyaaf
Nuuf haa kennu furmaata
Furmaanni isaallee
Waan amma ilaallee
Akkaan ulfaataa
Galanni obsaallee
Nutis haa Obsinuu
Seenaa ilaallee.
02/02/2024
Mootummoota Shanan Gibee keessaa Limmuu Innaariyaa biyya Abbaa Bogibootiin wal baraa
****************************
https://t.me/glababor/1151
Konfaransii Nageenyaafi Galateeffannaa Jimmatti gaggeeffamuuf deemuun wal qabatee Seenaa shanan Gibee wal haa yaadachiifnu:
Carraa kanaan Limmuu Innaariyaatiin wal baraa
Shanan Gibee keessaa Limmuu Innaariyaatu jalqaba mootummaa hundeessee xumure. Shanan Gibee kunis dabareedhaan:
* Limmuu Innaariyaa
* Guumaa
* Gomma
* Jimma Abbaajifaariifi
* Geeraadha.
Limmu kan jedhamu ilma Jaawwii Maccaati. Innaaroo kan jedhamu immoo ummata osoo Oromoon Maccaa naannoo Gibee hin qubatin Limmuu ammaa keessa turaniidha. Maqaan Limmuu Innaariyaa jedhu tokkumma gosa Maccaafi Innaaroo kana agarsiisuuf kan moggaafameedha.
Kanaafuu biyyattiin Limmuu Innaariyaa jedhamaa turte.
Mootoleen Limmuun bulchan dabareedhaan kanneen armaan gadiiti:
Abbaa Gommol (Bofoo Bokkuu) (1800-1825)
Abbaa Bogiboo (Ibsaa Bofoo) [1825-1861]
Abbaa Gommol xinnaa (Doojjamoo Ibsaa) [1861-1882]
A/Bogiboo xinnaa (Jawwee Doojjamoo) [1882-1887]
A/Olii (Nagaβoo Jawwee) [1887-1931]
A/Maccaa (Takkaa Naga'oo) [1931-1934]
Obboleessa Takkaa kan Shaafii Nagaβoo jedhamuudha.
Mootoleen Limmuu kun hunduu Muslimoota turan. Hundi isaaniituu Abbaa Bokkuu Limmuu turan.
Hiddi latiinsa mootii Limmuu kana fakkaata:
Takkaa, Nagaβoo, Jawwee, Doojjamoo, Ibsaa, Bofoo, Bokkuu, Qacanee, Amboo, Irreelee, Kuyyuu, Aleeluu, Beeroo, Limmuu, Jaawwii, Maccaa, Raayyaati.
Gumaacha Addaa Limmu nuuf gumaache:
1. Islaama naannoo Gibee keessa babal'isuu irratti Limmu shoora olaanaa qaba ture. Dhuma jaarraa 18ffaa keessa sheekolee baay'eetu Limmuun keessa turan. Achi ka'anii Guumaa, Gomma, Jimmaafi Geeraa keessa amantii Islaamaa babal'isan. Sheekni Guumaa keessa jalqaba amantii Islaamaa babl'ise Sheyk Kabiiree Daassaa, Jimmaan keessa Sheyk Abdulhakiim, Gomma keessa Sheykii Abbaa Ya'oofi Abbaa Nasiibee yoo ta'an Geeraa keessa immoo dhiibbaa Abbaan Bogiboo godhaniifi Sheykolee daldaltoota baay'ee achi qubatantu ummaticha amantii Islaamaa barsiisan. Warri kun hunduu kallattii Limmuu irraan seenan.
2. Masaraan mootolee Limmuu bakka afur ture. Isaanis:
Masaraa Saappatti argamu kan A/Abbuuqaa
Masaraa Gaallee Garukkee kan A/Gommol guddaa
Masaraa Saqatti argamu kan A/Bogiboo guddaafi A/Gommol xinnaa
Masaraa Jireenitti argamu kan A/Bogiboo xinnaafi warra isaan boodaati.
Wanti nama gaddisiisu masaraa kana afranuu Naf**xanyoonni bara 1882-1887 jidduutti gubdee fixxe. Ummanni Limmuu gootummaa keessatti daanga dabraadha. Ammallee namni dhuunfaa isaaniis akkasuma. Jidduu bara 1882-1887 Limmuufi Naf*xanyaa jiduutti lola gurguddaa sadiitu geggeeffame. Sana boodas lolli hin dhaabbanne. Masaraan Saqaa kan Abbaa Bogiboo guddaa masjida of keessaa qaba ture. Innis gubamee bara 1887 bataskaanni Mikaa'eelii jedhamu achitti ijaaramee jira.
3.Seenaa sirna bulchiinsa Oromoo eeganii nuun ga'uu keessatti Limmu ga'ee guddaa qabdi. Sirna bulchiinsa gadaa sirriitti eeganii nuun ga'an. Gosoonni Limmuu Shanan Limmuu jedhamanii beekamu. Warri shanan Limmuu jedhaman kun Beeroo, Igguu, Burayyaa, Anuu fi Diimmaadha. Jarri kun shanan duraa duubaan gadaa Limmuu baadhatu. Dabareen gadaa Maccaa duraanii:
Birmajii,
Roobalee,
Michillee,
Melbaa fi
Duuloodha.
Garuu erga sirni gadaa kufee kaβee sababa hin beekamneen Roobaleen hangafa godhame. Armaan gaditti bara gadaafi gosoota Limmuu gadicha bulchan ilaalaa:
Maqaa Gadaa Gosa Bulchu
Roobalee Beeroo
Birmajii Igguu
Michillee Burayyaa
Melbaa Anuu
Duuloo Diimmaa
Gosoonni hafan Limmuun keessatti Warra barcumaa jedhamu. Isaanis:
Ganjii,
Sadacha,
Dagooyyeefi
Baaltoodha.
Warra barcumaa kan isaan jedhan gosa Shanan Gibee biroo keessatti gadaa qaban kanneen Limmuun keessa jiraataniidha. Fkn Ganjiin gosa Geeraa, Dagooyyeen gosa Guumaa, Baaltoon gosa Gommaa, Sadachi immoo gosa Jimmaafi Guumaa beekamaadha. Garuu bakka biroos ni jiru.
Silaa hambaa Limmuu wajjinin barreeffama kana isiniif maxxansa ture. Garuu Naf**xanyaan hambaa tokkollee nuuf hin hambifne waan ta'eef kaartaa shanan Gibee wajjin daawwadhaa.
01/02/2024
πππππ ππ¨π¨ ππ’ππ‘πππ‘ππ!.
~~~~~~~
Madaa koon himadhuu
Hidhadhee jiraadha π
Nutti dhiyaadhu jettuu!!!
Akkamiin dhiyaadha!!??
Isinumti naa deebisaa
Mee isin gaafadhaa
Gubaa lama baadhee
Akkamiin jiraadha!!???. Β²Γβ
Rabbiif haa galatuu
Diinii na barsiisee!
Ijoollummaa kootiin
Laalaa na garsiisee
Isumatu naaf jiraa
Kunoo na sabarsiise. Β²Γβ
Kan biraatii mitii
Isintu na dinqisiise!
Akka Rabbiitiif malee
Obsa na ficcisiisee
Dubbiin achii ka'e
Daandii na balleessee
Rabbiif haa galatuu
Isatu na deebisee. Β²Γβ
Madaa koo hidhadhee
Jiraadha yoomiyyuu
Dubbachuu hin fedhuu
Nan qaassu eennuyyuu. Β²Γβ
Gaaffii yeroo hundaa
Of gaafachuun dhiifne!
Akkamitti hambisuu
Wonta hafuuntaane!
Maaliif natti hin himne
Osoo oolteen bulle
Kunoo dhoksitanii
Homaa naafi hin finne!.Β²Γβ
Xalayaa cufaadhaa
Manaabaan ergadha
Akka si naaf dhaqqabu
Abdiidhaan eeggadha
Dhangaa jannataatiif
Kaaliqa siif kadha
Murtima Rabbiitii
Kanuma qabadha!.Β²Γβ
Jannata haa ta'uu
Qubsumni keessani
Ani kunoo jiraa
Firiin bu'aa keessanii
Fedhii koo hin turree
Narraa jarjartanii
Isinis jaalattaniimii
Ka deemtan dirqamtanii. Β²Γβ
Doonii jiruu yaabbadhee
Jireenyaan sirraa fagaadhee
Osoo jedhee yaadu
Jireenyaan si argadhee
Fedhii Rabbii taanaan
Kunoo kana muudadhe. Β²Γβ
Homaa natti hin tollee
Erga ati deemtee
Harmee tiruu kootii
Kutaa jiruu kootii
Aayyoo koo⦠..
kan na guddifte
Sababa taatee
Kan na muldhifte
Baayyee natti tolaa
Osoo naaf jiraattee. Β²Γβ
Deemuu kee na dhoksanii
Ofiif booyanii obsanii
Haa xiqqaatuu haa guddatuu
Imimmaan isaanii cobsanii
Anis si hin deebisuu
Kankoo maaf qoorsani!?. Β²Γβ
Jirti moo hin jirtuu
Bilbilee gaafadha
Naguma qabdii
ima odeeffadha
Sagalee kee dhagahuuf
Baayyee tattaafadha. Β²Γβ
Naaf hin milkoofnee
Si dhagahuu hin dandeenne
Beekeellee hin shakkinee
Akkas ta'a jedhee hin yaanne
Dhufee sirra
hin dhaabbannee
Booyee si hin awwaalannee. Β²Γβ
Turri koos hammaatee
Kana waa hin wollaalannee
Kunoo natti ππ'π madaaβ¦..
Madaa hin woldhaananne. Β²Γβ
Si deebisuun hin ta'uu
Waanuma fedhee godhu
Aarii koo hin bahuu
Waanuma fedhee jedhu. Β²Γβ
Kanaaf filadhe obsuu
Duudee imimmaan cobsuu
Osoo gaddaaf dukkanni
Qalbiif onnee koo cabsu. Β²Γβ
Eega dhufuuf qophaayee
Shaanxaa guuradhee
Gadi bahee
Deemsa koo dhiisee
Ol deebee gadi taa'ee
Mana duwwaa laalaaree
Ol ka'ee asii galee!!
Barruu tana barreessee
Yoo yaadannoo naaf ta'e.Β²Γβ
Muudannoo jireenyaa
Kan yeroo dhiyeenyaa
Komii nama keennaa
Maal jennee himannaa
Dursanii himuu woyyaa
Turree baruu mannaa
Maatii keenna cufaaf
Dubbii tana dhaammannaa
Haasofnee silaa hin dhumuu
Hardhaaf asitti dhaabbanna. Β²Γβ
π§π½ππ½ββοΈ "π«πΌπ©π©π°πΊπ»πΆπΆπ»π¨ πͺπΌππ¨π¨π"π§π½ππ½ββοΈ
Gaaffii hin gaafatinaa
Du'aa'ii hin dagatinaa
Sababa keessan
Miidhamaan baffatinaa. Β²Γβ
Jetteetiin kadhattaa
Yaa Rabbi araaramiifii
Yaa abbaa Rahmataa
Kan feete fudhttee
Kan feete dhiiftaa
Kan feete dhoowwattee
Kan feetee kennitaa
Yaa Rabbi nuu Rahmatii
Rahmanni kee guddaa. Β²Γβ
Dilii isaaniif dhiisii
Jannataan qananiisii
Firddosiin nuu qubsiisii
Taajallee nuu uffisii. Β²Γβ
Jedhu firiin keessanβ¦.
~~~
Xiqqoo wol yaaddoo qabnaa
Manaabaan nu garsiisii
Qaamaanillee dhabnu
Ruuhii nu ziyaarsisii
Lubbuu Rarraate tana
Mee nuuf bohaarsi
Imimmaan qooruudide
Mee xiqqoo nuuf Qoorsi. Β²Γβ
https://t.me/wolaloonaartiidha
Click here to claim your Sponsored Listing.
Location
Category
Telephone
Website
Address
Salmiya