11/01/2026
+ = Jireenya tasgabbaa’aadha .
Mataa waan ilmi namaa qabeenya horatuutii fi mataa qabeenya waan ilmi namaa horatuuti.
Waan ilmi namaa horachuu qabu keessaa irra guddaan kabajaadha.
Namni ilma namaa kabaju, kabajamaadha 🤝
Eenyummaan nama tokkoo hammam akka inni nama kabajuuni madaalama
Irra bareedaan waan ilmi namaa qalbii ilma namaa keessatti horatuu kabajaadha 💖
Kabajni qalbii bareecha, jireenya miidhagaa uum🌸
Jaalalaa fi kabajaan waan ilmi namaa xiqqaafis guddaafis, dhiiraafis dubartiifis akkaan barbaachisuudha ❤️
Kanaafuu 👉 jaalalti kabajaan bira hin jirre hin turtu,
akkasumas 👉 kabajni jaalalti bira hin jirrees laaftuudha yookaan foorjiikiidha ⚖️
✨ Jaalalli + Kabajaa = Jireenya tasgabbaa’aadha .
Wal Kabajnee wajji haa jiraannuu?
Yaa Rabbi nama kabajuu fi kabajamuus nurazzaqi.
10/05/2025
With Muaz Nezif – I'm on a streak! I've been a top fan for 7 months in a row. 🎉
02/05/2025
Rakkachuuf hin Uumamne jireenya lafaarratti!
Beela darbus dheebuu dhufa-Anumatti wal geeddarti! Lubbuun koo yoom hara galfatti, kaayyoon koo galma naaf gahee akka ilmoo namaatti? Akkam jirtan fayyumaa yaa joollee biyya koo? Nagaan isiniif haa tahu yaa obbolleeyyan koo!
Waa’een keessan kunoo dhamaase qalbii koo..
foon koo nyaate yaanni keessan madeesse qaama koo!
Rakkoon mul’atee namatti argamuu Sossobbii qaba mee obsi qaba. Kankeessaa garuu namnin hubatuu Gubee na waadaa nageenya sardaa!
Maal jatta yaa waaqa waa’eekoo? Ja’e Kedir Mertuwagga meqaa duraa
21/12/2024
𝐘𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐦𝐢𝐫𝐪𝐚𝐚𝐧𝐭𝐚𝐧 𝐝𝐮𝐫𝐚 𝐨𝐟𝐮𝐦𝐚 𝐛𝐢𝐫𝐚𝐚 𝐡𝐨𝐣𝐢𝐢 𝐄𝐞𝐠𝐚𝐥𝐚𝐚🤣🤣🤣🤣🤣
13/12/2024
Addunyaa tanarratti waan takkallee osoo qabaachuu baannelleedhaa Islaamummaa qofa waan qabnuuf baay'ee gammadoodha
08/09/2024
Murteessaan waan of harkaa qabdu osoo hin taane , ilaalcha ofiif qabduudha!
16/08/2024
Yoo bosona keessa jiraachuu qabda ta'e osoo hin adamsamne akka itti
adamsitu baradhu.
Jireenyaatu akkas sirraa barbaada.
08/08/2024
lamaatu dalagaa takka rawwachuudhaaf gara biyya biraa wajjiin imalan.!!
eega halkan walakkaa dabre magaala san dhaqaniiti hoteela qabatanii sababa dadhabaniif akkuma mana ol seenanitti hirribni isaaniin kute.!!
yeroo salaata subhiitif ka’an,isaan lamaan keeysa tokko diinaara 100 kiisha isaa keeysa dhabe yeroo sanitti diinarri 100 maallaqa guddaadha.!!
maallaqa dhabe kun ; diinara 100 ka kiisha kiyya keeysa ture arkitee jirtaa ja’en.?
isaa : Ee halkan keeysa ka’etiin haaja tiyya takka ittiin bahadhe siifin kafala ja’en.!!
Saahibni maallaqni jala bade kun ; rakkoo hin qabu haya ja’en.!
Bakka deemaniif san dhaqaniiti dalagaa isaani rawwatanii galgala hoteelichatti deebi’an.!
hoteela san qulqulleeysu isaani dhufeeti yeroon kutaa ciisicha keeysanii qulqulleeysun diinaara 100 kana siree jalaa arkee hoodhaa ja’en.!!
maallaqaa ; saahiba isaa kana ajaa’ibeeti naatu fudhate naan hin jannee ja’en?!
anaa fi si malee namni takka mana san keeysa hin jiru silaahin an hin fuune sin ja’e nu jiddu seene wal nu shakkisiisuun sodaadhe,obbolummaa teenya fi saahibummaa teenya dhabuun jibbe ja’en.!
Saniif liqii narratti taate siif kafaluu irra filadhe ja’en.!!
qayyim ;namni obbolesa eybiin maletti barbaade obbolessa malee hafa ja’a.!!
Gariin keenya gariidhaaf mucuca walirraa arkinu waliif irraa haa dabarru.!!
04/08/2024
✍️ Osoo addunyaan guutuunis barbaaddee si dhabde, ati bakkuma Rabbiin kankee sirraa barbaadu qofatti argami….!!