18/03/2026
📸No matter how hard you are, you have to bend down to get what you want.📸🏹
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Dær Fåràhàñè Ãhmēd, College & University, Nairobi Industrial Area.
18/03/2026
📸No matter how hard you are, you have to bend down to get what you want.📸🏹
05/01/2026
👉👈👉👈👉👈👉
*********************
Kan dhufu wallaallus
Waan haaraa dhalatu
Garuu har'a geenye
Waaqaf yaa galatu
*****************
Kaleessi seenaadha
Asi nutti hin deebi'u
Har'i ammoo kennaadha
Kan ifa nuuf ta'u
********************
Borummoo abdiidha
Kan itti abdannuu
Gaariis ta'u yaraa
Waan dhufu hin beeknu
👍👍👍👍👍👍👍👍👍
02/11/2025
Namni si jibbuu umrii Haa dheraatu! Sababni isaa bakka ati gessuu Arguu qaba !🫰🤟🤟🤟🤟✈️✈️
31/10/2025
Waan barbaadde dhabaa
Waan dhabde barbaadaa
Yaaddee qalbii cabaa
Fagoo gahuu yaadaa....!
Otoo boru jettuu
Borurra abdii keessee
Daandiisaa dagatta
Akkatti har'a geesse!
Imalli jireenyaa
Silas tabbaaf lagaa
Gammachuun addunyaa
Abdii keessaan marga💓💓💞💕
27/09/2025
28/08/2025
JAALALLEEKEE DHUGAAF QOODI
Maal jedheen si wamaa
Maqaa siif moggaasee
Akkamitti si waamu
Sagalee koo ol kaasee
Urjiikoo siin jedhuu
Ishee ifa kennitu
Dukkana halkanii
Ishee nuuf ibsitu
Warqeekoo siin jedhuu
Isa namni ittin of faayu
Warqeenuu xiqqoodhaa
Diamond hin wayyuu
Albuuda isa addaa
Naaf gati-jabeettii
Ati yoomuu anaaf
Hin qabdu fakkaattii
Ati utuu filattee
Maqaa isa siif malu
Gaafan ittiin si waamu
Kan baay'ee sitti tolu
Waan jechaa siif dhabeen
Maqaa siif barbaada
Sammuutu siif dhama'ee
Waan gaarii siif yaadaa
Jaalala ati naaf kenniteef
Moggaasi maqaa xiqqoodha
Olmaa ati anaaf ooltetu
Anarras baay'eedha
Gadduukoo koo hin feetuu
Yaadan na jajjabeessaa
Hamaa tokko hin qabdu
Jaalalaan ana tiksaa
Taphattee yeroo addaa
Gaafa waliin dabarsinuu
Miiraa sodaatiin taanee
Yerotti wal dhungannuu
Iji Keenya wal sodaatee
Yeroo keessi gammadu
Onnee isa onaa ture
Yeroo jaalalli waadu
Lubbuukoo kee adda
Walaloo hin dhumu
Utuu si jaalladhuu
Nagaa sitti dhaamuu?
Baay'een si jaalladha
Jaalala dhugaadhaan
Nagaayyuu hin argadhu
Sekoondiif si dhabnaan
Iddoo addaa qabdaa
Yoomuu ana keessaa
Jaalalaan na mootee
Olaanteema teessa❤️❤️🇨🇦❤️💤💘🇨🇦🇨🇦🇨🇦🇨🇦
28/08/2025
19/04/2024
YADDADHU! 💕 Wantii Atii Qabdu Kan Ati Hin Qabne Akka Caalu Yoo Hin Caalu Jettellee Si Walin Jira Situu Argaa Dhabee Malee.Osoo Salpha Ta,ee Namni Hundinu Ni Rawwata Turee.✍️💕💕💕♥️👆
26/02/2024
WALALOO ❤️
Siin jaaladha jechuu
isa oduu dhiisii
Akka na jaalattu
Gochaan argisiisii.
Yoo afaan qofaa
Hunduu jaalataadhaa
Afaanin odeessun
Hundaafuu salphaadhaa.
Meerre jaalalli kee
Eessa garam jiraa?
Gochaan natti himi
Oduu dhaabi narraa.
Oduu qofa taatee
ofin godhin zeeroo
Kan biraa hin fedhu
mee naaf kenni yeroo.👈
😍🥰
Wly Rabbiin Halkan kana Halkan milki Qabu san nuf haa godhuu. Yaada fi. Muraa keessan Rabbiin isaanif haa guutu