01/01/2023
MAALI?
Kadhannaan, namoonni akka isaa wajjin dudubbataniif, karaa Waaqayyoo qopheesse dha. Namootaa wajjin kan nuti waliif galuu dandeenyu yeroo wajjin haasofnu.
Maatiin tokko walii wajjin haasa‘uudhaan walitti dhufeenya isaanii cimsatu; gaddas ta‘ee gammachuu isaanii waliif hiru.
Bifuma kanaanis rakkoon isaan gidduutti uumame yoo ta‘e illee hiiku.
Kadhannaanis, akkuma kana, Abbaa keenya isa ta‘e, Waaqayyoo wajjin dudubbachuudhaan kan gadda keenya, gammachuu keenya, dadhabbii keenya, wanta nu barbaachisu, galata keenya, amannaa keenya itti himnu dha.
Hariiroon nuti Waaqayyoo wajjin qabnu illee miidhame jira yoo ta‘e, karaa Kadhata qalbii diddiirannaa hiikkachuu dandeenya.
Yeroon Waaqayyoo wajjin dubbannu ykn yeroon kadhannaa humna guddaa addunyaa kana jijjiiruu danda‘u kan gad-dhiisisuu danda‘u dha.
Inni ana in waammata, anis deebii nan kennaaf, yeroo rakkinaatti isaa wajjin na jiraadha, achi keessaas isa nan baasa, ulfina akka inni argatus nana godha.‖ (Far. 91:15)
Hojjechaa Qophoofnaa, Qophaa'aa Hojjenna; (Wang.Maat.24:44 fi 46).15 "Barichi raawwatameera, mootummaan Waaqayyoos dhi'aateera, yaada garaa geddaradhaa wangeelatti amanaa!" Wange.Maarqoos 1:15, ''Gooftaa Yesuusitti amani, ati ni fayyitaa, maatiinkees nii fayyu.'' Hoj.Erga 16:31
Working very hard while being ready.Being ready while working very hard (Matthew 24:44&46).for ''The time is fulfilled, and the kingdom of God is at hand: repent ye, and believe the gospel.''Mark 1:15 KJV The Kingdom of Heaven drew near to us when God himself came to earth as a man.Matthew 3:2, “believe on the Lord Jesus Christ, and thou shalt be saved” (Acts 16:31).
'' Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa! Kana malees kan barbaachisu hundinuu immoo isiniif in kennama.'' Wang.Maat.6:33
''Yaa abbaa keenyaa! Maqaan kee qulqulluu ta'ee haa eegamu; , jaalalli kee waaqa irratti akka ta'u, akkasuma immoo lafa irratti haa ta'u!
Soora har'aa bor nu barbaachisu "har'a nuuf kenni! Akkuma nuyi warra nu yakkaniif dhiifne, yakka keenyas nuuf dhiisi!''Wang.Maat 6:9-13
13 Qoramattis nu hin galchin, hamaa nu oolchi malee; [mootummaan, humni, ulfinnis baruma baraan kan kee ti.Ameen!]
"But seek first the kingdom of God and His righteousness, and all these things shall be added to you." Matthew 6:33:
"'Our Father in heaven, hallowed be your name, , your will be done, on earth as it is in heaven. Give us today our daily bread. And forgive us our debts, as we also have forgiven our debtors. And lead us not into temptation, but deliver us from the evil one. "
Matthew 6:9-13
Oromoo_TWWO in partnership with (walta'iinsa) & Matthews 25:35 Project ''Visiting the needy''