Oromia State University

Oromia State University OSU is one of the the higher educational institution in Ethiopia!!

Maatii Hayyoota Yuunivarsiitii Madda Walaabuu Balaa Konkolaataatiin Lubbuun darbe haa gargaarru!YNOCaamsaa 24, 2015 ALI ...
01/06/2023

Maatii Hayyoota Yuunivarsiitii Madda Walaabuu Balaa Konkolaataatiin Lubbuun darbe haa gargaarru!
YNO
Caamsaa 24, 2015 ALI
**********
Maatii Hayyoota Yuunivarsiitii Madda Walaabuu balaa konkolaataatiin lubbuun isaanii darbe gargaaruuf tumsa keenya barbaachisa. Deeggarsa karaa iftoominaa qabuu fi seera qabeessa ta’een sassaabuun akka danda’amu lakkofsi herrega baankii maqaa “Deeggarsa Barsiisotaa fi HojjattootaYMU Balaa Konkolaataatiin Miidhamaniif” jedhuun baankota armaan gaditti ibsamaniin banameera:
1.Baankii Daldalaa Itoophiyaa………... 1000545818217
2.Baankii Awaash …………………….. 013201162479800
3.Baankii Abisiiniyaa ………………… 138018695
4.Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa ……1022800122152
Haaluma kanaan, lammiileen quuqama qabdanii fi maatii lubbuun darbee deeggaruu barbaaddan karaa lakkofsa herregaa bankii kanaan maallaqa galii gootanii, hordoffiif akka gargaaru, naga’ee isaa karaa telegraama “Koree Gargaarsaa YNO” dhimma kanaaf hundeeffameen https://t.me/KGYNOYMW maxxansuun waliitumsuu keenya akka mirkaneessinu isin gaafanna.

Koree Gargaarsaa YNO Maatii Hayyoota YMW Balaa Konkolaatantiin Miidhamanii

Moodeela Qormaata Bahumsaa. Caamsaa 24, 2015YNO***Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa barattoota digirii 1ffaa bara kana 20...
01/06/2023

Moodeela Qormaata Bahumsaa.
Caamsaa 24, 2015
YNO
***
Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa barattoota digirii 1ffaa bara kana 2015 eebbifamuuf qophaa'aa jiraniif Moodeela Qormaata Bahumsaa (Exit Exam Model) kennaa jira. Barattoonni muummeewwan garaagaraa sagantaalee barnootaa Idilee, torbeefi galgalaatiin barataa turanii xumuruu gahan moodeela qormaataa kana mooraa YNO Baatuu jirutti argamuun kara kalatitiin (online) fudhachaa jiru.

Moodeelli Qormasta Bahumsaa kun qormaata bahumsaa idilee fudhachuuf kan isaan gargaaru ta'uun ibsameera.

𝗢𝗱𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗗𝗮𝗯𝗮𝗹𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗔𝗿𝗴𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳!
𝑾𝒆𝒆𝒃𝒔𝒂𝒂𝒚𝒊𝒕𝒊𝒊: www.osu.edu.et
𝑭𝒂𝒄𝒆𝒃𝒐𝒐𝒌: https://www.facebook.com/OSU.Batu
𝑻𝒆𝒍𝒆𝒈𝒓𝒂𝒂𝒎𝒂: https://t.me/OromiaStateUniversity
𝒀𝒐𝒖𝒕𝒖𝒃𝒆: https://www.youtube.com/
𝐇𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐚𝐚!

Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa fi "Adama Smart City Admnistration" Caamsaa 16, 2015YNO*******Sirni walharkaa fuudhinsa ...
24/05/2023

Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa fi "Adama Smart City Admnistration"
Caamsaa 16, 2015
YNO
*******
Sirni walharkaa fuudhinsa sanada qorannoo Adama Smart City Admnistration raawwate. Sanadni qorannoo Smart City Adamnistration Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaatiin qoratame dhihaatee irratti mari'atameera. Magaalonni magariisa, qulqulluu fi jireenya namaaf mijooftuu ta'uu waan qabduuf, yaadamni "Smart City Admnistration" kun barbaachisaa fi wayitaawaa ta'uu Walittiqabaan Boordii YNO Dr. Tolaa Bariisoo ibsaniiru. Qorannichi dhihaates irratti mari'atamee, walharkaa fuudhinsi sanadaa taasifameera. Hojii Misoomaa Magaalaa Adaamaa (Adama Smart City Admnistration) irratti waliin hojjachuuf Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaafi Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa waliigaltee hojii (MoU) mallatteessaniiru. Waliigaltichas kan mallatteessan Pirezidaantii YNO Dr. Garramaaw Hulluuqaa fi Kantiibaa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldooti. Kaayyoon waliigaltee kanaas, dandeettii raawwii bulchiinsa magaalichaa cimsuun guddinni magaalaa akka ariifatuufi fayyadamummaan ummataa akka dabalu taasisuudha. Akka waliigaltichaatti, YNO kaayyoolee Smart Adaamaa hundaa irratti kan deeggarsa kennu yoo ta'u, caalmaatti "Smart Governance" irratti xiyyeeffannoon hojjachuuf waliigalameera.

𝗢𝗱𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗗𝗮𝗯𝗮𝗹𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗔𝗿𝗴𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳!
𝑾𝒆𝒆𝒃𝒔𝒂𝒂𝒚𝒊𝒕𝒊𝒊: www.osu.edu.et
𝑭𝒂𝒄𝒆𝒃𝒐𝒐𝒌: https://www.facebook.com/OSU.Batu
𝑻𝒆𝒍𝒆𝒈𝒓𝒂𝒂𝒎𝒂: https://t.me/OromiaStateUniversity
𝒀𝒐𝒖𝒕𝒖𝒃𝒆: https://www.youtube.com/
𝐇𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐚𝐚!

To All OSU 2015 E.C Graduates (MA,MSc)Notifying the Thesis Submission and Presentation Date
22/05/2023

To All OSU 2015 E.C Graduates (MA,MSc)
Notifying the Thesis Submission and Presentation Date

Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa balaa konkolaataa qaqqabeen lubbuun darbuu hayyoota Yuunivarsiitii Madda Walaabuutiin g...
20/05/2023

Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa balaa konkolaataa qaqqabeen lubbuun darbuu hayyoota Yuunivarsiitii Madda Walaabuutiin gaddi guddaan kan itti dhaga'ame ta'uu ibsaa; maatiifi firoota isaanii hundaaf jajjabina guddaa hawwa.

Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa

FYI
18/05/2023

FYI

Leenjii hoggansaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar marsaa 2ffaa  Caamsaa 4, 2015YNO *******Leenjiin hoggansaa Bulchiinsa maga...
12/05/2023

Leenjii hoggansaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar marsaa 2ffaa
Caamsaa 4, 2015
YNO
*******
Leenjiin hoggansaa Bulchiinsa magaalaa Shaggar marsaa 2ffaa Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaatti, ogeessota yuunivarsiitichaatiin kennamaa jira. Leenjicha haasawaan kan banan Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Shaaggar Dr.Tashoomaa Addunyaa, kaayyoon leenjichaa saayinsii hoggansaa fi kenna tajaajilaa irratti hubannoo gahaa uumuun hoggansa akka magaalaaf ta’utti qopheessuu ta’uu ibsaniiru. Yeroo jijjiiramaa kanatti hoggansa siyaasa, dinagdee fi dhimmoota hawaasummaa beekmsa gahaan, qormaata isa muudatu carraatti jijjiiruun hogganu qabaachuuf leenjiin kun barbaachisaa ta’uu I/A Pirezidaantii Dhimma Misooma Hoggansaa YNO Obbo Abarraa Olaanaa ibsaniiru.
Leenijichi mata dureewwan “Leadership & Leadership Ethics” fi “Customer Service Delivery” jedhaman irratti kennama. Leenjicha irratti kan hirmaataa jiran hoggantoota magaalaa Shaggar 604 yoo ta’an, leenjichis guyyoota 3f itti fufa jedhamee eegama.

𝗢𝗱𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗗𝗮𝗯𝗮𝗹𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗔𝗿𝗴𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳!
𝑾𝒆𝒆𝒃𝒔𝒂𝒂𝒚𝒊𝒕𝒊𝒊: www.osu.edu.et
𝑭𝒂𝒄𝒆𝒃𝒐𝒐𝒌: https://www.facebook.com/OSU.Batu
𝑻𝒆𝒍𝒆𝒈𝒓𝒂𝒂𝒎𝒂: https://t.me/OromiaStateUniversity
𝒀𝒐𝒖𝒕𝒖𝒃𝒆: https://www.youtube.com/
𝐇𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐚𝐚!

Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa barattoota Idilee  qormaata bahiinsaa fudhachuuf qophaa'aniif leenjii kennaaraCaamsaa 0...
10/05/2023

Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa barattoota Idilee qormaata bahiinsaa fudhachuuf qophaa'aniif leenjii kennaara
Caamsaa 02,2015
YNO
******
Leenjiin ogummaa fayyadama kompiitaraa barattoota YNO Idileen barataaran, qormaata bahumsaa (Exit Exam) fudhachuun bara kana eebbifaman hundaaf kan kennamaaru yoo ta'u, barattoonni salphaatti qormaaticha hojjachuu akka danda'an isaan qopheessuuf ta'uu I/G W/ra l/A /Pirezidaantii Dh/Kenna Barnootaa Dr. Nigusee Taaddasaa ibsaniiru. Leenjichis
Ogeessota Kolleejjii Saayinsii fi Teeknooloojii Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaatiin kannamuu itti fufeera.

𝗢𝗱𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗗𝗮𝗯𝗮𝗹𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗔𝗿𝗴𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳!
𝑾𝒆𝒆𝒃𝒔𝒂𝒂𝒚𝒊𝒕𝒊𝒊: www.osu.edu.et
𝑭𝒂𝒄𝒆𝒃𝒐𝒐𝒌: https://www.facebook.com/OSU.Batu
𝑻𝒆𝒍𝒆𝒈𝒓𝒂𝒂𝒎𝒂: https://t.me/OromiaStateUniversity
𝒀𝒐𝒖𝒕𝒖𝒃𝒆: https://www.youtube.com/
𝐇𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐚𝐚!

Leenjiin hooggansa bulchiinsa magaalaa Shaggariif kennamaa ture xumurame.Ebla 28, 2015YNO*********Mata dureewwan:- "Saay...
06/05/2023

Leenjiin hooggansa bulchiinsa magaalaa Shaggariif kennamaa ture xumurame.

Ebla 28, 2015
YNO
*********
Mata dureewwan:- "Saayinsii fi Naamusa Hooggansaa" fi "Kenna Tajaajilaa" irratti guyyoota sadiif ogeessota Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaatiin leenjiin hooggantoota bulchiinsa magaalaa Shaggariif Baatuutti kennamaa ture xumurame.
Cufiinsa leenjichaa irratti kan argaman Gorsaa Muummicha Ministeeraa Obboo Aaddisuu Araggaa, hubannaa fi gorsa leenjicha irraa argatan gara hojiitti jijjiiruu akka qaban dhaamaniiru.

Saayinsii hoogansaa beekanii hooganuun barbaachisaadhaa kan jedhan Obbo Aaddisuun, aangoo fi hooggansa ummata irraa argataniin haqummaa fi naamusaan ummata tajaajiluu akka qaban dhaamaniiru.

Leenjisuu qofa osoo hin taane, madaalliin deeggaramuu akka qabus kan ibsan Pirezidaantiin Yuunivarsiiti Naannoo Oromiyaa Dr.Garramaaw Hulluuqaa, hubannoo leenjicharraa argatan hojii qabatamaatti jijjiiruu akka qaban dhaamaniiru. Leenjichis har'a xumurameera.

𝗢𝗱𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗗𝗮𝗯𝗮𝗹𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗔𝗿𝗴𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳!
𝑾𝒆𝒆𝒃𝒔𝒂𝒂𝒚𝒊𝒕𝒊𝒊: www.osu.edu.et
𝑭𝒂𝒄𝒆𝒃𝒐𝒐𝒌: https://www.facebook.com/OSU.Batu
𝑻𝒆𝒍𝒆𝒈𝒓𝒂𝒂𝒎𝒂: https://t.me/OromiaStateUniversity
𝒀𝒐𝒖𝒕𝒖𝒃𝒆: https://www.youtube.com/
𝐇𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐚𝐚!

ከትግራይ ክልል ጊዜያዊ የሽግግር አስተዳደር የመጡ የትግራይ ክልል መለስ ዜናዊ አመራር አካዳሚና የካቢኔ አባላት የኦሮሚያ ስቴት ዩኒቨርሲቲ የስራ እንቅስቃሴን ጎበኙ።ሚያዚያ 27, 2015 ዓ/...
05/05/2023

ከትግራይ ክልል ጊዜያዊ የሽግግር አስተዳደር የመጡ የትግራይ ክልል መለስ ዜናዊ አመራር አካዳሚና የካቢኔ አባላት የኦሮሚያ ስቴት ዩኒቨርሲቲ የስራ እንቅስቃሴን ጎበኙ።
ሚያዚያ 27, 2015 ዓ/ም
ኦስዩ
***
የጉብኝቱ አላማ ቀድሞ የነበረውን የስራ ግንኙነት ለማስቀጠልና በተመሳሳይ የስራ ዘርፍ ልምድ በመለዋወጥ ፣ በተገኘው መልካም ተሞክሮ አገልግሎት ዘርፎችን አጠናክሮ ለማስቀጠል ነው።

በተለይም በጦርነት ምክንያት የተጎዳውን የክልሉን ሁለንተናዊ አቋም መልሶ ወደ ስራ ለማስገባት እንደ ኦሮሚያ ስቴት ዩኒቨርሲቲ ያሉ አቻ ተቋማት ያስፈልጉናል ያሉት የልዑካን ቡድኑ መሪና የካቢኔ አባል ዶ/ር አልጋነሽ ተሰማ በሰው ሃይል፣ በማቴሪያልና በመሳሰሉት በመደገፍ አካዳሚውን መልሶ ወደ ስራ ለማስገባት መደጋገፍ አስፈላጊ መሆኑን ገልጿል።
ክልሉን መልሶ ለማቋቋም ሁሉም አካላት የሚጠበቅባቸውን ርብርብ እያደረጉ መሆኑን የተናገሩት የልዑኩ ቡድን መሪ አባ ገዳዎችና ሃዳ ሲኒቄዎች ክልሉን ለመርዳትና ለማበረታታት ቀድሞው ወደ ክልሉ በመሄዳቸው የተሰማቸውን ደስታ ገልጸው ምስጋናም አቅርቧል።
የኦሮሚያ ስቴት ዩኒቨርሲቲም ስልጠና በመስጠት ድጋፍ እንዲያደርግ ጠይቀዋል።

የልዑካን ቡድኑን እንኳን ደህና መጣችሁ ያሉት የኦሮሚያ ስቴት ዩኒቨርሲቲ ፕሬዚዳንት ዶ/ር ገረመው ሁሉቃ አካዳሚውን መልሶ ወደ ስራ ለማስገባት የሚጠበቅብንን ሁሉ እናደርጋለን ብለዋል።

በጦርነቱ ምክንያት ለጠፋው ህይወትና ንብረት ሁላችንም አዝነናል ያሉት ዶ/ር ገረመው ቀደም ሲል የነበረንን የስራ ግንኙነት ወደ ነበረበት በመመለስ ማህበራዊ ተጠቃሚነትን ለማረጋገጥ በጋረ ልንሰራ ይገባናል ብለዋል።

የዩኒቨርሲቲውን የተለያዩ የስራ ክፍሎችን የጎበኙት የልዑካን ቡድኑ የኦሮሚያ ስቴት ዩኒቨርሲቲም የተጎዳውን የትግራይ መለስ ዜናዊ አመራር አካዳሚን እንዲጎበኙ ጋብዘዋል።

ለበለጠ መረጃ
ዌብሳይት: www.osu.edu.et
ፌስቡክ: https://www.facebook.com/OSU.Batu
ቴሌግራም: https://t.me/OromiaStateUniversity
ዩቲዩብ: https://www.youtube.com/
ይከታተላሉ

Leenjiin Hoggansa Bulchiinsa Magaalaa Shaggariitiif Yunivarsitii Naannoo Oromiyaatiin kennamuu eegale.Eebla 26, 2015YNO*...
04/05/2023

Leenjiin Hoggansa Bulchiinsa Magaalaa Shaggariitiif Yunivarsitii Naannoo Oromiyaatiin kennamuu eegale.
Eebla 26, 2015
YNO
*******
Yunivarsitii Naannoo Oromiyaatti leenjiin Hoggantoota Magaalaa Shaggar kutaalee magaalichaa adda addaa irraa dhufaniif ogeessota yuunivrsiitichaatiin kennamaa jira. Leenjichi matadureewwan: “Saayinsii fi Naamusa Hoggansaa” fi “Kenna Tajaajila” irratti kan kennamaa jiru yoo ta’u, hoggantoonni 604 ta’an irratti hirmaachaa jiru.
Pirezdaantiin YNO Dr.Garramaaw Hulluqaa akka ibsanitti, yuunivarsiitichi Hoggansaa fi Pabliik Sarvaantii naannoo keenyaa gahoomsuuf; akkasumas, jaarmiyaalee naannoo keenya keessa jiran ceesisuuf xiyyeeffannaa guddaan hojjachaa kan jiru ta’u ibsaniiru.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggar, Dr.Tashoomaa Addunyaa, Yunivarsitiin Naannoo Oromiyaa leenjii kana qopheessuu isaatiif galateeffachuun; leenjichi hoggansaaf beekumsaa fi ogummaa hoggansaa kan cimsu waan ta’eef, gahumsaan hogganuuf leenjiin kun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Magaalaan Shaggar haaraa kan hundeeffamtee ta’ushee ibsuun, bakka jireenya mijooftuu, filatamtuu, nageenyi waaraa keessatti mirkanaa’ee taasisuun barbaachisaa waan ta’eef, leenjiin kunis milkaa’ina hojii kanaatiif barabaachisaa ta’uu Kantiibaan Magaalichaa Dr.Tashoomaa Addunyaa dabalataan ibsaniiru. Leenjichis guyyaata itti aanan lamaaf ni tura jedhamee eegama.

𝗢𝗱𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗗𝗮𝗯𝗮𝗹𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗔𝗿𝗴𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳!
𝑾𝒆𝒆𝒃𝒔𝒂𝒂𝒚𝒊𝒕𝒊𝒊: www.osu.edu.et
𝑭𝒂𝒄𝒆𝒃𝒐𝒐𝒌: https://www.facebook.com/OSU.Batu
𝑻𝒆𝒍𝒆𝒈𝒓𝒂𝒂𝒎𝒂: https://t.me/OromiaStateUniversity
𝒀𝒐𝒖𝒕𝒖𝒃𝒆: https://www.youtube.com/
𝐇𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐚𝐚!

Beeksisa Barattota Seeraa YNO tiifማስታወቂያ ለኦሮሚያ ስቴት ዩኒቨርስቲ የህግ ተማሪዎች በሙሉ𝗢𝗱𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗗𝗮𝗯𝗮𝗹𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗔𝗿𝗴𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳!𝑾𝒆𝒆𝒃𝒔𝒂𝒂𝒚𝒊𝒕𝒊𝒊: www...
02/05/2023

Beeksisa
Barattota Seeraa YNO tiif
ማስታወቂያ
ለኦሮሚያ ስቴት ዩኒቨርስቲ የህግ ተማሪዎች በሙሉ

𝗢𝗱𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗗𝗮𝗯𝗮𝗹𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗔𝗿𝗴𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳!
𝑾𝒆𝒆𝒃𝒔𝒂𝒂𝒚𝒊𝒕𝒊𝒊: www.osu.edu.et
𝑭𝒂𝒄𝒆𝒃𝒐𝒐𝒌: https://www.facebook.com/OSU.Batu
𝑻𝒆𝒍𝒆𝒈𝒓𝒂𝒂𝒎𝒂: https://t.me/OromiaStateUniversity
𝒀𝒐𝒖𝒕𝒖𝒃𝒆: https://www.youtube.com/
𝐇𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐚𝐚!

Address

Ziway
209

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia State University posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The School

Send a message to Oromia State University:

Shortcuts

Share

Category