Galgalo Katelo Galgalo

Galgalo Katelo Galgalo Haadaa citee male garaan cite hin guduunfamuu
Dubbiin aabboo WAAQA
yoo jiraadhee ,naaf Liqimsa
Yoo du'ee ammoo ,qulaammoo

13/03/2026

"Waraabessi kophe nyaate faanaan hin ejjuu" Jedha Boorani! .Yaadanno Mudannoo.

Harka Harka NyaatuAkkamiin harki harka nyaataKan waliin nyaatan afaan haqate Gulana isuma waliin nyaataHamoommate afaan ...
28/02/2026

Harka Harka Nyaatu

Akkamiin harki harka nyaata
Kan waliin nyaatan afaan haqate
Gulana isuma waliin nyaata
Hamoommate afaan banate

Konyeen ammaare ammaarro sakkabata
Waliin nyaatan fudhata dabsa
Yoo kaan gaafatu Mormate gangalata
Bira jiraachu baatu dhosse dalamsa
Ufi ka bori gula saame sakkabata
Gara jabaate kaan har'aayyu agabsa

Ati jiraachuuf waliin nyaatta
Inni si nyaachuuf amoommata
Ati milkaa'uuf waliin yaalta
Inni si kuffisuuf karoorfata

Ati homa hin dhowwattu
Qoto waliin haqooqqatte
Ati homa hin dhoffattu
Boriif waliin karoorfatte

Waliin jirtan dansa keeti
Icciti garaa Si baase
Inni ada hama keeti
Dhossa te ormaatti baase
Ya able Siin qalu qarate
Gaade ati hin beenne baase

Gaafa afaaniin dansaa yo tolfatu
Rakko keef dhukkubsate guggubata
Yaada Isa keessaan Kan mul'atu
Si kuffisuuf karoorfate dhundhumata
Gocha irraan kaayyoo yoo ilaaltu
Bokku siin qaacersu qunqumata

Rakkoon geejjiba tun magaala Yaaballo qofaaniti.Magaala Meeggaatti ummati gabaya oole galu hedduun geejjiba dhabee dira ...
21/02/2026

Rakkoon geejjiba tun magaala Yaaballo qofaaniti.Magaala Meeggaatti ummati gabaya oole galu hedduun geejjiba dhabee dira buluutti jira.kanaaf qaami dhimmi Kuni ilaallatu rakko tana atatamaan furmasta itti nuu barbaada.

Harka harka nyaatu!
21/02/2026

Harka harka nyaatu!

Gabaasni hojiilee mannen barnootaa ji'a gurraandhala sadarkaa aanaattii ilaalameera.**°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°Wa...
21/02/2026

Gabaasni hojiilee mannen barnootaa ji'a gurraandhala sadarkaa aanaattii ilaalameera.
**
°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°
Waajjira Barnootaa Aanaa Dirree
Gurraandhala 13/2018
Hojiileen manneen barnootaa keessaattii hanga ammaattii rawwatamee sadarkaa aanaatti ilaalameera.
Maanneen barnoota keenya hojiilee isaan hojjachaa turan kannen akka
↪️saaqinsa manneen barnootaa
↪️Haala Galmee Barattootaa ALP
↪️nyaata barattootaa
↪️Qophii lafa qonnaa fi haala qophii qorumsa barattoota Kutaa 6ffaa, 8ffaa fi 12ffaa irratti gabaasa isaanii ilaalameera. akkasumaas haala saaqinsaa maannen barnootaa ilaalamanii dub-deebii isaanii dhiheesuun hanqinoota mul'atan irraattii marii taasiisuun hogganaa waajjira Barnootaa B/saa Waaqoo Diidaa kallattii hojii fulduraa ka'aameera.Hojji gaari hojjachuutti jirtan jabaadha!!!

"Dhiira Mirgi Miliqe Wallaalaan Dhaba Se'a", Jedha Warri keenna.Baga Milkoofte Jarjara "Dhiira! Qora  ..Dhiira waliin qo...
18/02/2026

"Dhiira Mirgi Miliqe Wallaalaan Dhaba Se'a", Jedha Warri keenna.Baga Milkoofte Jarjara "Dhiira! Qora ..Dhiira waliin qorteetti beeka"
"Abri ...Dhiira waliin lolteetti beeka".Dhabi gaaddisa "Wallaalaa" Dhaba ala "Abba Beekuutti Beeka".Dhiira waan dhaba hin beekneetti dhaba Dhiira haasa'a oola.garaan baanan namaan bada diqquma waan dhibi hin haasa'ini, baga gammadde kiyya.
Milkaa'u ke dhageennaaan waan jedhu wallaale .garuu yoomiiyyu caala yeroon cimu qabdu hamma akka ta'e waan sitti himan hin se'u.Asumaan Baga "Sooma Ramadaana", nagaan dhaqqabde!. Saakkeen Warra

YaadannoYaadanno yerootti fidaa malee , Ka yaadatu mata. garuu waan yaadadhe xuphi hin jenne. WAAQI waan yaadattanii Fi ...
09/02/2026

Yaadanno
Yaadanno yerootti fidaa malee , Ka yaadatu mata. garuu waan yaadadhe xuphi hin jenne. WAAQI waan yaadattanii Fi mata wa yaadatu Isan hin dhowwatini

Guyyu Galati Afaan Nu Hin Buhu.Walalo Kana  Wagga Sadiin(3) Dura Maxxanse.Sadaasa 21, 2015 Barreesse , Ebla 21, 2015 Max...
17/01/2026

Guyyu Galati Afaan Nu Hin Buhu.Walalo Kana Wagga Sadiin(3) Dura Maxxanse.Sadaasa 21, 2015 Barreesse , Ebla 21, 2015 Maxxansee. Obseen , Carraaqa Jiruu Ammo .Adeemsa Jiddu Tana Jiru Guutumaan Guutuutti Ibsuulle Yoo Dadhabee Afaan Bane Galateeffachu Hin Dadhabu.Walalichi Waan Bira Na Yaadachiise , Waan Hamma yaadadhe Gaafa Isiin Haasa'a Toltu Gurra Isan Buusa .Warra Galata Ta'a Jechu Barbaade.
OBSITU TIYYAAF!!!
fagoo dhaabbadhe si ilaale
hunduma waliin si madaalee
haalaa fi amala kee ilaallaan
hin argamne kan si caalee

agartaa teetiif kara jira
mee maal siif haa bitu?
gama cufaan si madaale
obsaan namu si hin gitu

kanaaf si amana
hin qabu birrannoo
hunda siitti caalaa
hin qabu filannoo

DHAAMSA KIYYAA

haalaan fagaadhuullee
dhugaa ani si hin obsu
keessii koo siif banaadha
icciti koo si hin dhoksu

icciti walitti himaannus
jabeessine walii dhoksina
haallis yoo jajjaabaatee
ciniinnannee Waliin obsina
doggorrii yoo jiraates
teessimne wali gorsina

rakkinna walgargaarree
akka maati walii taanaa
hammaa deemsa eegalla
daandi dheera Waliin yaana

kayii deemsa jalqabi
kara dheerraatti nu hafa
waadaan waan jabduu
jabeessii eegi akka nafa

ballanus Walumaan ballanna
hiyyoommanus Waliin daarraa
ijoollumaan wali jaalanne
dulloommannus Waliin jaarraa

SADAASA 21/2015 Carraaqaan
✍️ Jiruuti Anuma .
Dawo Nagaa Bula!

akkanatti WAAQI guddo nu qarqaare me nami nu wajiin gamnaddan walda Qaliywooti Fulo Roomsoo
08/12/2025

akkanatti WAAQI guddo nu qarqaare me nami nu wajiin gamnaddan walda Qaliywooti Fulo Roomsoo

Obboleetti tiyya Loko Katelo baga aabbo WAAQI siblalla sibiila irra Si hambise. ammalle aabbo WAAQI si fayyise sirra xuu...
23/11/2025

Obboleetti tiyya Loko Katelo baga aabbo WAAQI siblalla sibiila irra Si hambise. ammalle aabbo WAAQI si fayyise sirra xuuxinna .

15/09/2025

Big shout out to my newest top fans! Galma Kuu Halake

Address

Yabello
Yabelo

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Galgalo Katelo Galgalo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The School

Send a message to Galgalo Katelo Galgalo:

Share

Category