03/04/2026
TO'ANNOO FI ITTISA DHIBEEWWAN MAXXANTOOTA KEESSAA BEEYLADAA KEESSATTUU YEROO ROOBAA KANA.
Beeyladni keenya madda diinagdee fi jireenya keenyaa waan ta'aniif, fayyaa isaanii eeguun dhimma dursa kennamuufidha. Maxxantoonni keessaa (Internal Parasites) osoo nu hin beekamin beeylada keenya huqqisanii, oomisha hir'isanii, akkasumas du'aaf saaxiluu danda'u.
1️⃣. Maxxantoota Keessaa Beekamoo fi Miidhaa Isaanii
Maxxantoonni keessaa bakka gurguddaa sadiitti qoodamu:
◼️Raammoo Sombaa fi Mar'ummanii (Nematodes): Keessattuu loon, hoolota fi ree'ee irratti baay'inaan mul'atu.
◼️Dhibee Tiruu (Liver Fluke/Fasciola): kun bakka ciisni bishaanii jiruutti beeylada keenya miidha.
◼️Maxxantoota Garaacha/Sombaa (Cestodes/Trematodes): Nyaata beeyladni nyaatu irraa qooddachun beeylada huqqisu.
2️⃣. Mallattoolee Maxxantoota Keessaa🔎
Beeyladni keessan maxxantuun miidhamuu isaa mallattoolee kanaan adda baafachuu dandeessu:
▪️Beeyladni nyaata gaarii nyaatus huqqachuu.
▪️Dhuufaa (diarhea) ykn bifa boombii qabuun sagaraa gadi lakkisuu.
▪️Rifeensi beeyladaa luqqa'uu, haphatuu fi bifa qulqulluu dhabuu.
▪️Areeda jalaan madaa'uu ykn iita'uu (Bottle jaw).
▪️Garaan beeyladaa dhangala'aan guutamuu (Iita'uu garaa).
▪️Hanqinni dhiigaa mudachuu (Anemia) fi kkf
3️⃣. Mala Ittisaa fi To'annoo (Prevention and Control)🛡
Akkuma beekamu "Ittisni yaala irra wayya." Kanaafuu, tarkaanfilee armaan gadii fudhadhaa:
🎯. Qulqullina Mooraa fi Nyaataa
Iddoo nyaataa qulqullinaan eeguu. Mooraa beeyladaa yeroo hunda qulqulleessuun, akkasumas dhoqqee loonii yeroo yeroon gogsuu ykn akka hin tuulamne gochuu. Bakka bishaan ciisaa jiru irraa beeylada dhowwuu (keessattuu dhibee tiruuf). Beeylada dhibee qaban warra fayyaa irraa adda baasanii eeguu.
🎯. Dabareen Dheechisuu (Rotational Grazing)
Bakka dheedumsaa tokko irratti yeroo dheeraaf beeylada dhowwuu dhiisuu. Iddoo dheedumsaa yeroo yeroon jijjiiruun akka killeen raammoo dachee irratti hin baay'anne gochuu. Torban 2-3 booda bakka dheedumsaa jijjiiruu