15/05/2024
Naannoo Oromiyaa Magaalaa Walisootti qorumsa biyyaalessaa fi naannoo milkeessuuf hojjatamaa jira.
@@@
Guyyaa 06/09/2016 magaalichaatti qorumsa kutaa 6ffaa, 8ffaafi 12ffaa milkeessuuf xiyyeeffannaan hojjatamaa jiraachuu Waajjirri Barnoota magaalichaa beeksise.
Magaalichatti milkaa'ina qulqullina barnootaa akka lafa qabatu taasisuuf sochiin jalqaba waggaa baranarraa kaasee hirmaannaa hawaasa magaalichaa cimsuu taasisuu keessatti hojii bal'aan hojjatamaa turuu, Ittigaafatamaan Waajjira Barnootaa Magaalaa Walisoo Obbo Biraanuu Tigiree ibse.
Qorumsa naannoo kutaa 6ffaa fi 8ffaa barana kennamu karaa qulqullina qabuu fi hanqina tokko malee akka galma gahu hojiin caasaa barnootaa sadarka sadarkaan jiran waliin qindoominaan hojjatamaa jiraachuu isaanii dubbatanii, kana malees maatii barataa fi koreewwan manneen barnootaa dabalatee qulqullina barnootaa milkeessuu keessatti hubannoon jiru daraan fooyya’uu qaba jedhan.
Akka magaalichatti, barana manneen barnoota kutaa 6ffaa, barattoota 1636 kutaa 8ffaa barattoota 2103 fi kutaa 12ffaa barattoota 1853 kan qorsiisan manneen barnootaa sad.1ffaa 10 fi sad.2ffaa 5 keessatti barattoota 5592 qorumsa biyyaalessaa fi naannoo kan fudhatan yoo ta'u; akka barattootni qabxii gaarii galmeessaniif deeggarsi barsiisonni taasisaa jiran kan jajjabeeffamuudha jedhan.
Kana malees, Gumii Tiraanisformeeshinii Barnootaa manneen barnoota hundatti hundaa'uu eeranii, kunis qulqullina barnootaaf galtee guddaa ta'aa jiraachuu ibsaniiru.
Manneen barnoota hundatti qophiin qorumsa biyyaaleessaa fi naannootiif taasifamaa jiru karoora hojii darbiinsa barattootaa qabanne kan milkeessuudha jedhan.
Dabalataaanis hanga guyyaa qormaataatti barsiisonnii fi manneen barnootaa keenya ciminaa fi kutannoon qabxii gosa barnoota barsiisanii fooyyessuuf akka hojjatan dhaamanii jiru.