Kennaa Tashaalaa

Kennaa Tashaalaa kiristoos jireenya

16/05/2026
01/05/2026
FIIXAAN BA'EERAGola seenaa hin dhumne Burqaa jecha danuu Yaadanno hin badne Kan jechoota qabu Dhiigaan hojjatamee Kanan ...
12/04/2026

FIIXAAN BA'EERA

Gola seenaa hin dhumne
Burqaa jecha danuu
Yaadanno hin badne
Kan jechoota qabu
Dhiigaan hojjatamee
Kanan golaa qabu
Baasee yoon dubbise
Eenyu kan na dhaabu
Naaf hojjatameera
Ani komii hin qabu*2

Ceesisa

Gaafan sakatta'u
Sammuu kootti yaadee
Ol ba'ee gad bu'ee
Gaafan babarbaade
Hojii fayyina koo
Of keessa barbaade
Lakkaa'uun jalqabe
Tokko lama jedhee
Edaa ofan sobaa
An zeeroon argadhe

Ceesisa
Yesusi kan hojjate
An zeeroo ta'uunsaa
Ofan oolchan se'e
Edaa soba hundisaa
Gatii barbaachisu
Naaf kaffale ofiisaa
Hoolaa faasikaa ta'e
Maaltu baasa gatiisaa
Barabbaa naaf ta'ee
Barabbummaa hambisaa *2

Ceesisa

Fiixee jireenya kootii
Hoolicha araaraa
Na oolchite du'a
Du'a bara baraa
Sichi firdii hin qabu
Siin naaf hojjatameera
Akka hin deebinetti
Seerichi fiixaan ba'eera *2
AMEEEEN AMEEEN!!!
Yesus daadhii dhangaggaa'aa sana erga afaaniin qabee booddee, “Fiixaan ba'eera” jedhe; mataa isaas jal'isee hafuura isaa kenne.
Yohannis 19:30

.com3
28/03/2026

.com3

Address

Woliso
BAANTUU

Telephone

+251936974354

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Kennaa Tashaalaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category