02/11/2025
Rakkoolee Caphiinsa Barnootaa Furuuf, Gaheen Nama Hundaa Murteessaadha Jedhame.
Onkololessa 23/2018
Godina Booranaa waaajira Barnootaa Aanaa Taltalleetti Fooramiin barnootaa kutaalee hawaasaa fi hoggansa barnootaa sadarkaan jiran hirmaachise gaggeeffamaa jira.
Sagantichi iddoo hoggansi gandaa, abbootiin Amantaa, jaarsi biyyaa, maatiin barattootaa, fi Gumiin Tiraansifoormeshiinii Barnootaa Aanichaa argamanitti gaggeeffameera.
Sagantaa Fooramii barnootaa kanarratti sanadni xiinxalaa fi qorannnoo garagaraa of-keessaa qabu dhiyaateera.
Barattoota mana barumsaatti erguu qofa osoo hin taane; barattoonni gara barumsaa ergaman maal akka baratan hordofuu qabnaa jedhan maatii barattootaa.
Dhimmi barnootaa, dhimma sammuu namaa irratti hojjachuu waan ta'eef, hojiilee barnootaa keessatti qaamoleen hawaasaa fi hoggansi manneen barnootaa gahee isaan irraa eeggamu qixa sirrii ta'een bahuu qabu jedhan Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Taltallee Aabb/Raashiid Gufuu.
Caphiinsi barnootaa, caphiinsa dhalootaa waan ta'eef, yoo barnootni kufe namni hundi akka waliin kufeetti ilaalanii, qaamoleen sadarkaan jiran, hojii barnootaa irratti gahee isaan irraa eeggamu bahuu qabu jedhan I/G Waajjira Barnoota Aanichaa Aabb/Guyyoo Kunnii.