17/01/2026
Ji'a sagaliifi torban lama garaatti baatte. Gidiraa yeroo ulfaa hunda dandeesse. Da'een guddifadha, ittin boqodha jettee abdatte. Miixattee, ciniinnattee deesse.
Deessee ija keessa ilaalti. Daa'imashee kichuu kana, marartuu kana akka hanqaaquutti kunuunsiti. Daa'imnis jabaateefii, kunoo akkuma argitan kana lapheesheetti maxxanfattee mararfatti.
Kaleessa gara ganamaa lafa nagaa gammachuudhaan mucaashee qabattee dhimmaaf gara Finfinnee deemuuf kaate. Mucaa egereef abdattu, dhala bor gaaddisa godhattu - qabeenya ishee isa qaalii qixxee hin qabne kana fudhattee konkolaataa yaabdee deemsa eegalte!
Maal godharee...godina Shawaa Kaabaa, magaalaa balaa uumameen lamaansaanii bakka tokkotti lubbuu dhaban! Seenaan reefuu jalqabu asumatti raawwate! Isheenis, abdiinshees qilee seenan! Baay'ee nama dhukkubsa dhugaa!
Balaa kanaan namoota 15 ta'antu du'e. Kun hunduu maatii qaba, kun hunduu fira qaba. Kun hunduu kaayyoof deema.
Akkasitti balaa konkolaataan akka fixeensaatti harca'aa oola uummanni keenya! Gaaffii deebii dhabe, gudunfaa hiikkaa dhabe, rakkoo hamaa xiyyeeffannoo dhabe!
Nagaan boqodhaa yaa uummata koo!