Gamaa fi Gamanaa

Gamaa fi Gamanaa Mettu poly Technic college is stablished in 1990 for the reason of creating competent and self reliant citizens.

Mettu Skill Development Center set up in Oromia Regional State, Ilu Abba Bor Zone, Mettu Town at the beginning of January, 1990 E.C. It was started functioning to certify trainees who completed grade 12 in 10+1 and 10+2 in different occupations namely; Building Construction, Electronics/Electricity, Surveying/ Drafting, Metal Work, Building Technology, Automotive and Wood Work.

20/10/2024

50.5K likes, 2271 comments. β€œπŸ₯°πŸŒπŸŒŽπŸŒβ€

Akka baran dhiisanii, akka baraatti jiraatu! Learn online!   safe,   Home!Dhibeen CORONA sochii diinagdee, Siyaasaa fi H...
26/04/2020

Akka baran dhiisanii, akka baraatti jiraatu! Learn online! safe, Home!

Dhibeen CORONA sochii diinagdee, Siyaasaa fi Hawaasummaa hedduu ugguruun, qorqalbii nuti shaakala isaa hin qabne hedduu keessa nu seensiseera. Ay yaa corona Rabbii umurii kee haa gabaabsu! Umurii keenya keessatti waan kanaan dura arginee hin beekne coronan waan hedduu nu agarsiisaa jira. Safuudha.

Xiyyeeffannoo keenya barnootaafi leenjii irra yoo taasisnummoo...Haalli kenninsa barnootas dhibeedhuma kana duuka waan bifa geeddarate fakkaata. Barnoonni sadarkaa gadi aanaa irraa kaasee jiru miidiyaa adda addaa jechuun TV, Radio, Facebook, Telegram, whatsapp, youtube fi kkf fayyadamuudhaan hanga danda'ame qaqqabsiisuuf yaaliin taasifamaa jira. Deeggarsa Leenjistoonni taasisaniin, Leenjifamtoonni keenyas akkaataa walitti siqeenya isaaniitiin dhimma kana irraa akka fayyadama jiran odeeffanneerra.
Muuxannoon kun akka jalqabiitti gaariidha. Itti fufuus qaba.

Haata'u iyyuu malee qaqqabummaan isaa kan mirkana'e waan hin taanef akkasumas tarsiimoo BLTO giddu galessa waan hin godhannef hanga qajeelfamni addaa hin kennamnetti, barnoonni haala kanaan kennamu barnoota idilee kennamu bakka hin bu'u.

Hirmaanna ho'a Leenjistoonni keenyaa taasisaa jirtaniif, galanni keenya danuudha.
Horaa bulaa, Deebanaa!! KPT MATTUU!

  AND SANITING MACHINEAkkuma isiniif waadaa seenne Kolleejjiin Poolii Teeknika Mattuu ammas Teekinolojii Ajaa'iba Rakkoo...
08/04/2020

AND SANITING MACHINE

Akkuma isiniif waadaa seenne Kolleejjiin Poolii Teeknika Mattuu ammas Teekinolojii Ajaa'iba Rakkoo Hawaasaaf furmaata kennu kalqa Haaraa ''Cleaning and Saniting Machine'' kunooti isiniin jedha.

Leenjistoonni keenya halkaanif guyyaa nan dadhabe, nan mudhuka'e osoo hin jedhin beekumsaa fi dandeetti qabaniin hawaasichaaf gumaacha ol aanaa taasisaa jiru. Mana eegnaan sareef qoricha ta'u akkuma jedhamu, taanaan akkasika.

Yeroo darbe kolleejjiin keenya, Teekinoloojii ''Pedal hand Wash'' Ummataaf akka gumaachee ni yaadatama. Fakkeenyummaadhaanis maqaan isaa sadarkaa biyyalessatti ol kaafameera. Kun immo jabina nuuf ta'eera. Amma immoo fuctionality'n isaa kan mirkanaa'e, '' cleaning and saniting machine'' hojjechuun isiniif jira Lammiikoo jedha irra deebi'e, kolleejjiin KPT Mattuu.

Faayidaan isaa, Alkoolii, sanitizerii fi sooftii haala salphaa ta'en akka itti fayyadamuu dandeessan isin taasisa. Tuttuqaallee nii hambisa. fayyadamuuf salphaa, elektirikaa kan hin gaafanne # gatiin isaa salphaa fi Mechanical waan ta'ef golee kam irrattu tajaajila kennuu ni danda'a. Walumagalatti jiruuf jireenya ummataa kan foyyeessuu kalqaa haaraa yeroo waliin deemu ta'un isaa mirkanaa'eera. kalqa kana gumaache nuu galateeffadha.

Kolleejjii Poolii Teeknika Mattuu giddugala kalqa Teekinoloojii bu'a qabeessummaan isaa mirkanaa'e, ni taasifna.! Horaa Bulaa!
Mattuu
. Amanuel

Kolleejjota Kilaastera keenya jala jirtan maraaf:Meeshaan isin suuraa irratti argitan kun dhibee yeroo ammaa addunyaaf b...
02/04/2020

Kolleejjota Kilaastera keenya jala jirtan maraaf:

Meeshaan isin suuraa irratti argitan kun dhibee yeroo ammaa addunyaaf balaa hamaa ta'e, of irraa ittisuu qooda guddaa qaba. Akkuma beekamu dhibeen vaayirasii koronaa kan inni ittin daddarbu keessaa tokko tuttuqaa qaama taasifamuuni dha. Yeroo bishaanii fi samunaa waliin fayyadamnu rakkoon akkasii nii hammaata.

Egaa rakkoo kana dhabamsiisuuf, meeshaa millaan socho'u/ foot operated/, itti fayyadamuuf salphaa ,yeroo kan qusatu, akkasumas meeshaan inni irraa hojjetamu salphaatti naannoo keenya irraa waan argamuuf, hangaa humni keessan oomishuu danda'u waajjiralee mootummaa fi mit mootummaa, abbaa qabeenya waliin ta'uun, hedduminaan Oomishnee, Lammii keenya Dhukkuba COVID-19 irraa yaa Ittisnun ergaa keenya. KPT MATTUU

DETAIL DRAWING ISAA QOPHAA'EERA! Link Telegram ykn Email keessan karaa ergaa gabaabaa nuuf ergaa/barreessaa. Nutti siqadhaa.
Telegram:0912686246
Email:[email protected]

28/03/2020
COVID-19 Hand Wash MachineDhukkuba koronaa ittisuuf keessumattuu tutuqqaa yeroo harkaa dhiqannaa uumamuu danda'u hambisu...
28/03/2020

COVID-19 Hand Wash Machine

Dhukkuba koronaa ittisuuf keessumattuu tutuqqaa yeroo harkaa dhiqannaa uumamuu danda'u hambisuuf, ammas Leenjistoonni KPT Mattuu Teekinolojii bu'a qabeessa uumaniiru.

Teekinolojichatti fayyadamuun salphaa, yeroo kan qusatu, bishaanis ta'e samunaa harkaan osoo hin taane faana millaatiin salphaatti kan dalagu dha.

Kolleejjii PT Mattuu Meeshaa kana hojjechuudhaan, Bulchinsa Magaala Mattuu tiif Gumacheera. Bakka Uumanni itti baay'atu ka'amee tajaajila ummataatiif akka oluu walii galameera.

Kolleejjiin Poolii Teeknikaa Mattuu fuulduratti Madda Teekinoloojii bu'a qabeessa, rakkoon ummataa safisaan iddoo itti furmaata argatu ni taasifna. Dhihootti, Teekinolojii adda addaa bu'a qabeessa ta'an fudhannee ni deebina. GALATOOMA!

COVID-19You can protect yourself and help prevent spreading the virus to others if you:DoWash your hands regularly for 2...
27/03/2020

COVID-19

You can protect yourself and help prevent spreading the virus to others if you:

Do

Wash your hands regularly for 20 seconds, with soap and water or alcohol-based hand rub

Cover your nose and mouth with a disposable tissue or flexed elbow when you cough or sneeze

Avoid close contact (1 meter or 3 feet) with people who are unwell

Stay home and self-isolate from others in the household if you feel unwell

Don't

Touch your eyes, nose, or mouth if your hands are not clean

OF SOCIAL DISTANCING AT METTU POLYTECHNIC COLLEGE ON MANAGEMENT MEETING.

TEEKINOLOJII FI DHUKKUBA VAAYIRASII KORONAA (COVID-19)........................................KPT MATTUUDhibeen koronaa ...
23/03/2020

TEEKINOLOJII FI DHUKKUBA VAAYIRASII KORONAA (COVID-19)........................................KPT MATTUU

Dhibeen koronaa vaayiras (COVID-19) lubbuu namoota hedduu akka balleessaa jiru beekamadha. Dhukkuba kanaaf qorichi ykn dawwaan hanga yoonatti saayintistootaan argame hin jiru. Haata'u iyyuu malee dhibee kanaaf waan fala ta'u argachuuf saayintistoonni addunyaa kanarraa, halkaaniif guyyaa dhimma kana irratti qorannoo taasisaa jiru.

Bu'a qorannoo isaanii keessaa inni tokko, dhukkubni kun kan inni daddarbu tutuqaadhaan akka ta'efi, namni hundinuu harkaa isaanii bishaanii fi saamunaadhaan akka dhiqatan akkasumas fageenyi giddu lamman namootaa jiru meetira 2 ol giddutti, jiruuf jireenya isaa akka gaggeeffatan akeekaniiru.

Bu'uuruma kanaan naannoo keenyattis harka dhiqachuun idileeffamaa waan jiru fakkaata. Haata'u iyyuu malee yeroo baayyee bakka dhiqannaa harkaa kanatti tutuqqaan waan hedduummatuuf, rakkoo kana maqsuuf Leenjisaa Kolleejjii Poolii Tekinika Mattuutiin Teekinoloojii tokko as ba'eera. Itti siqadhaa!

HOJJETTOONNI YUNIVARSITII MATTUU HOJII KAIZEN FI FALASAMA ISAA IRRATTI, GARA KOLLEEJJII KEENYAA DHUFUUN, MUUXANNOO YEROO...
14/02/2020

HOJJETTOONNI YUNIVARSITII MATTUU HOJII KAIZEN FI FALASAMA ISAA IRRATTI, GARA KOLLEEJJII KEENYAA DHUFUUN, MUUXANNOO YEROO FUDHATAN.

Good starting. Coorperation between us needs consistency. We have to look forward, to create better future. Thanks for b...
13/02/2020

Good starting. Coorperation between us needs consistency. We have to look forward, to create better future. Thanks for being,cooperated with us!

Garee kubbaa millaa Kolleejjii poolii Teekinika Mattuu. 2011 E.C.@@@ M.Sport Champion.
08/02/2020

Garee kubbaa millaa Kolleejjii poolii Teekinika Mattuu. 2011 E.C.@@@ M.Sport Champion.

Muummee IEMDS...
06/02/2020

Muummee IEMDS...

Address

Sebeta

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gamaa fi Gamanaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The School

Send a message to Gamaa fi Gamanaa:

Shortcuts

Share

Category