26/03/2026
قال النبي ﷺ: "مَن صامَ رَمَضانَ ثُمَّ أتْبَعَهُ سِتًّا مِن شَوّالٍ، كانَ كَصِيامِ الدَّهْرِ" .. [رواه مسلم].
عن أبو هريرة: "أَوْصَانِي خَلِيلِي بثَلَاثٍ لا أدَعُهُنَّ حتَّى أمُوتَ: صَوْمِ ثَلَاثَةِ أيَّامٍ مِن كُلِّ شَهْرٍ، وصَلَاةِ الضُّحَى، ونَوْمٍ علَى وِتْرٍ" .. [رواه البخاري].
Hadiisa Soomana Shawwaal:
Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan:
"Namni Ramadaana soomanee, ergasii ji'a Shawwaal irraa guyyaa jaha (6) itti aansee soomane, akka nama waggaa guutuu soomaneeti."
[Muslimtu gabaase]2️⃣ Dhaamsa Ergamaa Rabbii ﷺ:
Abuu Hurayraa (R.A) irraa akka gabaafametti:
"Jaalalleen koo (ﷺ) waantota sadiin na gorse, hanga du'utti isaan hin dhiisu: Ji'a hunda guyyaa sadii soomuu, salaata Duhhaa raawwachuu, fi osoo hin rafiniin dura witiirii salaatuu."
[Bukhaariitu gabaase] #الطريق #حديث #شوال
#الطريق #حديث #شوال