World Education Team -WET

World Education Team -WET โ˜…๐Ž๐ฎ๐ซ ๐ฉ๐š๐ ๐ž ๐ข๐ฌ ๐ ๐ข๐ฏ๐ž ๐ž๐๐ฎ๐œ๐š๐ญ๐ข๐จ๐ง ๐Ÿ๐จ๐ซ ๐ฒ๐จ๐ฎ๐ซ'๐ฌ

28/08/2024
28/08/2024

Waamicha Diyaaspooraa Oromootiif: Irreecha 2024'f (ALA) Gara Biyya Abbaa Keessanii Koottaa!

Kabajamtoota Diyaaspooraa Oromoo;

Jala bultii kabaja ayyaana Irreechaa bara 2024 ALA/2017 ALI kanatti, obboloota keenya biyya alaa jirtan hundaaf gara biyya keessanitti deebitanii ayaanicha akka nuwaliin dabarsitan affeerraa onneerraa madde isiniif dhiheessuun barbaada.

Irreechi eenyummaafi achii-dhuftee keenya. Irreechi hafuura sochoโ€™aa ummata Oromoo waggoota kumaatamaa ofkeessaa qaba. Hambaan seenaafi duudhaan badhaadhe kun, addunyaa kanarra eessayyuu yoojiraanne, hidda dhiigaa keenya keessaa kan naanaโ€™uudha. Sirni ayyaanichaa, araara jireenyaafi dila dilbii arganneef, galata Uumaa keenya Waaqaf qabnu, akkasumas marartoo waliif qabnu ibsachuuf, xurree abbootii keenyaa argachuuf, akkasumas hidhata cimaa dachee nubaattu waliin qabnu haaromfachuuf carraa nuuf kenna.

Mirgi kabaja ayyaana Irreechaa ummata keenyaa jaarraa tokkoo oliif sarbamee turuun isaa seenaa kaleessaati. Sirnoonni walirraa lufan duudhaa kana moggeessuuf itti duulaniiru; hidhata ummanni keenya ittiin qabu kutuuf hojjetaniiru. Taโ€™us abbootiin keenya hinjilbifanne. Wareegama hin leeyyamfamneefi qabsoo bara dheeraatiin bada olchaniiru. Adeemsi kun, jabina, dandamannaafi kutannoo hinreeqqifne ummanni Oromoo hambaa aadaa isaa tiksuufi kunuunsuuf qabuf, ragaa yoomiyyuu hin dhokanne taโ€™ee dhaabbata.

Tokkoo tokkoon kabaja ayyaana Irreechaa, agarsiiftuu injifannoo cunqursa irratti argameefi bilisummaa cichoomina, kutannoofi gatii qaaliin dhugoomeeti. Nubira darbee, sirna hambaafi dhaalmi abbootiifi haadholii keenyaa itti kabajamu. Waggaa waggaan yemmuu Hora Harsadi, Hora Finfinnee, Malka Ateeteefi iddoowwan ulfoo birootti walitti qabamnu, gatii bilisummaa keenyaaf bahe nuyaadachiisa.

Kurnee lama dura yaa'ii lakkoofsa namoota xiqqaan, Hora Harsadiitti irradeebiin kan jalqabe Irreechi, harโ€™a feestivaala damboobaa taโ€™eera. Waggaa shanii as ammoo, Irreechi Hora Finfinnee haaromee, magaalaa guddoofi handhuura Oromiyaa, Magaalaa Finfinneetti kabajamuun madda gammachuufi milkii miliyoonotaa taโ€™aa jira. Harโ€™a Irreechi duudhaa yaadatamu qofa osoo hintaane, hambaa kiliyaafi taatee addaa muuziqaa, faarfannaa, hurrisaafi miira tokkummaa cimaa taโ€™een jiraatamuudha. Akkasumas, gara ayyaana guyyaa galateeffannaa biyyoolessaafi kaarniivaala gammachiisaa namni kamuu keessaaf alaa waloon irratti hirmaatuufi jaalalaan itti wal affeerutti ceโ€™eera.

Akkaataa harโ€™a Irreechi harka diriirsee nama kamuu simatu arguun heddu kan nama boonsuudha. Namoonni dudduubee garagaraafi sabaan Oromoo hintaanellee kabaja ayaanichaa irratti hirmaachuu qofa osoo hintaane, faajjii nagaa, walmararfannaa, milkiifi tokkummaa taasisuun fudhachaa jiru. Golee Itoophiyaa hundarraa, namoonni hedduun Irreecha ulfeessuuf, eebba isaa irraa hirmaachuuf, akkasumas ulfina hin sheeyinofne kana irratti ummata keenya walalchuuf tokkummaan argamaa jiru. Irreechi madda isaa ummata Oromoo bira darbee, sabootaaf mallattoo abdii, ofkaltiifi araaraa ta'eera.

Wanti ajaa'ibsiisaan biraa, Irreechi daangaa Oromiyaafi Itiyoophiyaa qaxxaamuruu isaati. Bara darbe, obboloonni keenya Oromoo biyya Keeniyaa, daangaa idil-addunyaa ceโ€™uun nuwaliin hirmaachuun gamtummaa cimaa qaban nuuf ibsaniiru. Bara kana ammoo Oromoon addunyaa mara irra jiru ayyanichaaf fuula isaa gara lafa eenyummaa isaatti akka deebifatu abdanna. Irreechi ummata Oromootiif faajjii tokkummaa daangaa siyaasaa, bakka jireenyaa, amantaafi ilaalcha siyaasaa caalu taโ€™eera.

Haataโ€™u malee, qaamni murteessaan ammallee guutummaatti qooddataa eebba kanaa hintaane nijiraโ€” diyaaspooraa Oromoo. Argamuun diyaaspooraa Oromoo deebii dhumaa hibboo keenyaati. Akka dhala Oromoo daangaa addunyaa maratti faffacaโ€™etti, hirmaannaan keessan hirdhuu kabaja ayyaanicha guuta; fageenyi kamuu walitti dhufeenya hambaa, aadaafi eenyummaa ummata keenyaa waliin qabnu kan hinhirdhisne taโ€™uu agarsiisa. Oromoota idil-addunyaa gidduutti mallattoo tokkummaa oljiraa taโ€™ee tajaajila.

Waan taโ€™eef, dhaloota lammaffaa diyaaspooraa Oromootiif waamicha onnee irraa madde addatti isiniif dabarsuun barbaada. Kun waamicha hirmaannaa ayyaanichaa qofa miti; affeerraa kadhaa hundee keessan waliin deebitanii akka hidhata ummattan isiniif taasisuudha. Mee Hora Harsaditti, dhaโ€™annaa onnee waloo Oromoota miliyoonotaa, uffata kuula gargariin dirame uffatan, sirba sagalee kilolee, faarfannaa โ€œMareehoo, hursafi qawwisaa, ifa booqaa Birraa, qilleensa lallaafaa nama qirqirsu, urgaa Abaaboo Birraa haaraa daraaree iddoofi saโ€™aa tokkotti argamu keessatti ofyaadaa.

Mee akkuma abbootiin keessan jaarraa hedduuf raawwataa turan, yeroo marga magariisa bishaan qulqulluu keessa cuuphuudhaan walitti dhufeenya yabbuu lafaafi Waaqa waliin qabdan haaromsitan ofyaadaa. Irreechi kakuu jiraataa kan darbeefi kan jiru, abbootiifi dhala keessan egeree riqicha taโ€™ee walqunnamsiisuudha. Yeroon gara lafa eenyummaa keessaniitti imaltan amma taโ€™uu kan qabu kanaafi.

Imalli kun feestivaala irratti hirmaachuun achitti, hidhata hundee ofii haaromsuudha; carraa hubannoo eenyummaa ofii dhugaa waliin qabnu jabeessuudha. Carraa magaalotaafi gandoota Oromiyaa yeroo ta'e abbaafi akaakayyuun keessan itti horanii horsiisan, naatoo teessuma lafaa, faaruu sinbirrootaa, akaakuu biqilootaafi bineensotaa โ€” sirboota, walaloofi afoola isaanii keessatti siniif caqasaa turan ijaan arguuti.

Irreecha 2024 ALA/2017 ALI irratti nuwaliin hirmaachuun ayyaana tokko qofa qooddachuu miti; qaama seenaa hambaa jiraataa yeroofi hirbuun umamee taโ€™uudha. Akkasumas, walitti hidhamiinsa Oromoo, Oromiyaadhaa hanga golee addunyaa fagootti jiru jabeessuudha.

Irreecha 2024 ALA/2017 ALI irratti argamuun, hidhata hidda keessan waliin qabdan deebistanii hapheessuu qofa osoo hintaane, dhaloota dargaggoota Oromootiif xombora kaka'umsa ta'aa. Kabaja eenyummaa keessaniif qabdaniin, kutaa addunyaa gargarii irraa imaltanii dhufuun keessan, humnaafi icciitiin Oromummaa dilbii taโ€™uu kan itti agarsiisuudha. Dachee keessanitti fuula deebifachuun keessan, hafuura tokkummaa, kutannoofi abdii dhaloota biyya jiruu kan haromsu, akkasumas egereen keenya michichila amansiisarra dhaabbatee caalaatti akka mul'atu kan misiraachuudha.

Imalli kun, baay'ee keessaniif carraa addaa gara qe'eefi biyya abbaa keessaniitti deebi'uu kan banuudha. Ayyaana ulfoo kana nuwaliin qooddachuun, milkii Irreechaa hundee eenyummaa keessanii ishee dhugaatti deebi'aa. Gamtaan taanee ofkaltii darbeef galata dhiyeessinee, abdii egereef waadaa gallee, yeroo milkaa'ina ummata keenya waliin haromsinu haataasifannu.

Irreechi isiniin guutuu taโ€™a; malkaan isiniin miidhagaa koottaa! Nuti gama keenyan, fuula ifaafi miira obbolummaatiin, biyya abbaa keessaniitti isin simachuufi isin keessummeessuuf qophoofnee isin eegaa jirra.

Irra deebiin, gara lafaafi nama keessaniitti deebiโ€™uun, Irreechaa bara 2024 ALA/2017 ALI mararfannaan akka waliin oollu, maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin waamicha kabajaa isiniif dhiyeessuun barbaada.

28/08/2024
28/08/2024

Address

Robe
MWU

Telephone

+251992947071

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when World Education Team -WET posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category