Yadessa Guder

Yadessa Guder This page is official page

08/09/2023

Isiraa'eel hidda yaafata,
Roorroon darbee wal iyyaafata,
Manni Yaayiqoob hudhee daraara
Abbaan aangoo.......

08/06/2023
30/08/2022
Maaliifan tamboo xuuxaa?Maaliifan horiikoo fixaa?Maaliifan sombakoo fixaa?Hamman tamboo xuuxeeFooliikoo ajeessu,Ammumaa ...
05/05/2022

Maaliifan tamboo xuuxaa?
Maaliifan horiikoo fixaa?
Maaliifan sombakoo fixaa?
Hamman tamboo xuuxee
Fooliikoo ajeessu,
Ammumaa jalqabee maaliifan tamboo hin dhiisu?

# Akkas jedha ture kitaaba Afaan Oromoo kutaa 8ffaa durii irraa

19/04/2022

OBN Ebla 11, 2014- Qormaata Biyyaaleessaa Bara 2013 qabxii Barattootaa irratti komii dhiyaateefi murtoon darbeera.

Ministeerri Barnootaafi hoggantoonni Biiroolee Barnootaa Naannolee waliin ta'uun komii qabxii barattootaa qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2013 kenname irratti naannolee rakkoon nageenyaa mudatee jiru irratti bu'uureffachuun murtoon addaa kennamee jira.

Haaluma kanaan, qormaata Biyyaaleessaa bara 2013 kutaa 12ffaa barattoonni 598,679 ta’an kan fudhatan yoo ta’u, kanneen keessaa barattoonni 253,572 ta’an Oromiyaa keessatti argamu.

Barattoota akka biyyaatti qormaata fudhatan keessaa barattoonni qabxii digirii jalqabaa barachuuf carraa argatan 268,628 yoo ta’u, Barattoonni 134,010 (49.9%) ta’an Oromiyaa keessaa qabxii darbiinsaa kan argatanidha.

Barattoota akka biyyaatti armaan olitti digirii jalqabaa akka barataniif carraa argatan keessaa Yuunivarsiistii Mootummaatti galanii kanneen barachuu danda’an 152,014 yoo ta’an; Oromiyaa keessaa ammoo barattoonni 78,997 (52%) qabxii fidaniin Yuunivarsiistii Mootummaa galanii carraa barachuu argataniiru
Akka komiitti naannoleen rakkoo nageenyaa qaban bifa addaan akka ilaalamuuf gaaffii dhiyeessan;

1. Naannoo Amaaraa
2. Affaar
3. Beeniishaangul Gumuz fi
4. Oromiyaa yammuu ta’an;

Akkaatuma gaaffii naannolee irraa dhiyaateen barattoonni bifa addaan murtoo addaan ilaalameef 8,080 ta’an Yuunivarsiistii seenanii akka barataniif carraa argataniiru.

Kanneen keessaa gaheen naannolee
 Oromiyaan Barattoota- 3,628
 Amaaraan barattoota - 4,339
 Affaar Barattoota-31
 Beeniishaangul Gumuz barattoota- 82
Yoo ta’an; akka waliigalaatti barattoonni carraa yuunivarsiitii mootummaa galanii barachuu danda’an walumatti 160,094 yoo ta’u as keessaa barattoonni 82,625 (51.6%) ta’an Oromiyaa keessaayi.

Akka Naannoo Oromiyaatti, godinaaleefi Bulchiinsa Magaalotaa rakkoo negeenyaa qaban qabxii yuunivarsiitii isaan galchu hin argatiin hafan komii dhiyaate bu’uureffachuun carraan biraa akka kennamuuf gaaffii dhiyaateen qormaata biyyaalessaa bara 2014 kennamu keessatti hammatamanii idileedhaan barattoota isaanii kanneeni qorsiisan;

1. Qeellam Wallaggaa
2. Wallaggaa Lixaa
3. Wallaggaa Bahaa
4. H/ G/ Wallaggaa
5. Sh/Lixaa
6. Gujii fi
7. Gujii Lixaa guutummaan barattoonni irra deebiin qormaaticha kan fudhatan yoo ta’u;

Godinaaleefi aanaaleen muraasni bakkeewwan rakkoo nageenyaa addatti qaban ammoo;

 Godina Shawaa Kaabaa aanaalee 7
 Darraa
 Hidhabuu Abootee
 Yaayyaa Gullallee
 Dagam
 Giraar Jaarsoo
 Warra Jaarsoo fi
 Kuyyuu
 Godina Booranaa aanaa 3
 Areeroo
 Mi’oo fi
 Dilloo
 Godina Jimmaa
 Limmuu Saqqaa
 Noonnoo Beenjaa
 Godina Harargee Lixaa aanaa 2
 Mi’eessoo fi
 Gumbii Bordoddee
 Godina Shawaa Bahaa aanaa 2
 Fantaalleefi
 Boosat
 Godina Harargee Bahaa aanaa 1
 Cinaaksan
 Bulchiinsa Magaalaa Naqamtee fi
 Amboo
Barattoota isaanii irra deebiin akka qorsiisaniif murteen addaa kennamee jira.

Murtoon addaa kun akka Naannoo Oromiyaatti carraa guddaa waan ta’eef, barattoonni carraa kana argattan tasgabbiin qo’achuun qophii keessan haalaan akka itti fuftan Biiroon Barnootaa Oromiyaa dhaamsa dabarseera.
Maddi: BBO

12/04/2022
"SEENAA RIRMI HIN NYAATU" jedhe Gootni Oromoo!
02/03/2022

"SEENAA RIRMI HIN NYAATU" jedhe Gootni Oromoo!

02/03/2022

Address

Ano
Nekemt
065754

Telephone

+251917680016

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Yadessa Guder posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The School

Send a message to Yadessa Guder:

Shortcuts

Share