Tokkummaa Barattoota Kolleejjii Barnoota Barsiisota Naqamte

Tokkummaa Barattoota Kolleejjii Barnoota Barsiisota Naqamte East wollegga Nekemte city

01/05/2025

Barsiisaan hojjetaa mootummaatimoo?

24/04/2025

Barattootni keenya nagaa jirtuu?

06/02/2025

Hordoftoota koo haaraadhaaf haamilee! Toora irratti isin qabaachuu koof gammachuu guddaatu โ€‹โ€‹natti dhaga'ama! Biru Bue, Qajelaa Nugusee Odaa

14/01/2025

๐˜ฝ๐™–๐™–๐™ฎ'๐™š๐™š๐™ฃ ๐™™๐™ž๐™ฃ๐™ฆ๐™–๐™ข๐™š!...๐Ÿ™‰
Waanan takkaa argee hin beeknetu ta'e. Akka gammaduu ta'een quqummaade. akkanatti darba jedhees yaadee hin beeku. Gocha mootummaan qajeelfama haaraan deeggaree nuuf godhe amanuun dadhabe. Walgahii gabaaduu nu waamuun akkas nuun jedhan. " Isin abbaa ogummaa maraati. Ogeessa hunda isintu oomisha. Addunyaan tun osoo isin hin jirree dukkanatti kufti ture. Barsiisaan madda qaroominaati. Ammaa achi kunuusatu isiniif mala. Akka nutti barfatemmoo ni beekna. Isaaf nu oofkalchaa!" jedhee yaada isaa goolabe. Ministeera barnootaa keessaa akka ergame odeeffanne. Dubbichatti dinqama yaanee gara mooraa mana barumsa keenaatti qajeelle. Akkuma mooraa ol seenneen, hoogganaan mana barumsa keenyaa "Daree seenuun dura kutaa sana seenaa waan isiniif qophaa'e fudhadhaa" nuun jedhe. Ambaasaaddara guutuu karabaataa waliin nutti hiran. Nu ajaa'ibe. Hoogganaan mana barumsaa yemmuu gadi baanu "Uffattan malee daree seenuu qajeelfamatu dhowwa" jedhe nutti seeqaa. Istaafii seennee, uffata keenya duraa, nu waliin rakkataa ture ofirraa yaafnee uffata hร araafi miira gammachuun guutameen meeshalee barnootaa qabannee dareetti qajeelle karabaataa keenya qaqqajeelfataa! Yemmuu daree seennu gabatee adiitu (white board) daree keessa jira. Gabatee gurraacha daree yaasaniiru. Barattoota akkuma nagaa gaafannee kaaneen qulqulleessitoonni paarkerii halluu garagaraa fidanii dhufan. Hunduu barnoota laannee boqonnaaf gara Istaafitti dachaane. "Barsiisonni mana jireenyaa hin qabne ragaa kana guutuun guyyaa sadiiin booda mana kiraatii baatanii atattamaan achitti galtanii yaaddoo malee dhaloota qartu" nuun jedhe dura bu'aan xalayaa ergame harkaan nutti mirmirsaa. Dhugaatti baay'ee gammanne. Ililchinee tokkummaan soofarraa ol kaanee harka rukunne. Bakka nuuf malu reefu arganne jennee walitti asaasne. Akka yaaddoo tokko malee tasgabbiin dhaloota kana qarru waadaa seenne. Osoo hin turin alarm,n bilbila koo iyyite. Utaalee yemmuun ka'u uffatuma koo durii sanaanan jira.

18/07/2024

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Bekele Mosisa, Gammee T Soorii, Masi Tarfa, Chala Shuguxi, Dereje Etefa, Dachaas Toofiq, ร˜lii Stรคล™, Tefasa Temesgen

02/02/2022

Waa'ee barnootaa irratti yaada qabdan maxxansaa!

03/05/2021

Yeroo barattanis, yeroo barreessitanis, yeroo dubbistanii fi yeroo kamiyyuu qubee seeraan qubbeessuun aadaa haa ta'u.

12/06/2020

Peejii kanarratti qoosaa garaagaraa,walalooo,baacoo fi wantoota barnootaan walqabatan maxxansaa.

10/06/2020

Namni beekumsa isaatti hin hojjenne ibsaa gaanii keessaati.

23/05/2020

Koroonaan cimeera of eeggannoonis haa cimu.

13/05/2020

Yeroo rakkoo kanatti of eeggachaa barnoota keenya haa hordofnu

Fayyaan faayya

Address

Nek'emte

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Tokkummaa Barattoota Kolleejjii Barnoota Barsiisota Naqamte posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The School

Send a message to Tokkummaa Barattoota Kolleejjii Barnoota Barsiisota Naqamte:

Shortcuts

Share

Category