Leadstar Academy Nekemte

Leadstar Academy Nekemte Producing global leaders

11/04/2026

Baga Ayyaana Yaadannoo Du'aa ka'uu Gooftaa keenya yesuusiin isin gahe !

Guyyaan kun ilmoo namaarraa guyyaa itti abaarsi cabee , guyyaa du'a keessaa gara jireenyaatti dhufnee fi jireenya argine, guyyaa dukkana keessaa ifatti baane, guyyaa itti jireenya barabaraatti darbine akkasumas guyyaa misiraachoo guddaa keenya.

Abbaan Ilma isaa tokkicha qabu osoo hin mararfatin dabarsee nuuf kennuu isaatiin nuti warra du'i itti murtaa'ee ture yesuusiin dabarsee nuuf kennuun du'a keenya du'ee warra jireenya barabaraa jiraatan nu godhe.

Yesuus warra isa dabarsanii kennan,warra isatti faradan, warra isa fannisan, warra uffata isaatti buusii buufatan, warra hadhooftuu obaasan, warra ajjeesan, warra dhagaa irra ka'aaniin yaa Abbaa waan godhan hin beekanii dhiisiif jedhee kadhate.
Kanarraa mal barra yoo jenne jaalalli Yesuus ilmoo namaa hundumaaf qabu guddaa ta’uu isaa fi lubbuun ilmoo namaa hundumaa dhiiga isaatiin qulqulluu ta'uu isaati.

Har'a sabni Keenya jaalala isarraa argine akka waliif qabaannu, garaa waliif laafuu isa irratti argineen akka garaa waliif laafnu,Dhiifama isarraa barreen dhiifama akka waliif goonu, sanyii fi qomoo lakkoofnee jibba facaasuu irra jaalalli mo'aa ta'uu isaa beeknee jaalala akka waliif qabaannun dhaama.

Dhumarrati yeroo Ayyaana guddaa kana kabajnu obboleessa fi obboleettii keenya rakkoo adda addaa qaban harka qabnee gargaaruu fi waan qabnu waliin soorachuun akka kabajnun jedha.

Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa fuula keenya dura jirus nagaan akka geggeefamee milkii gaarii argatuuf akka kadhattan waamicha jaalalaa siniif gochaa Ayyaanni kun kan Nagaa, jaalalaa, Araaraa fi gammachuu hundumaa keenyaaf haa ta'uun Hawwii Kooti !

Tv'n Mo'aas Ayyaana Kana Sababeeffachuun Qophiilee inni isiniif qopheesse daawwadhaa.

Nimoonaa Ittaanaa Daayirektara Ol'aanaa Tv MO’AA

11/10/2025

Obbo Dastaa Buubaa Du'aan Addunyaa Kanarraa Boqotan. Hojii Wangeela Baballisuu fi Dhalootni akka baratuufillee dhimma Barumsaa irratti Hojjechaa kan turan Abbaan Luba Professor Gammachiis Dastaa ; Obbo Dastaa Buubaa Du'aan Addunyaa kanarraa Boqotaniiru. Hoggansi isaa fi Hojjettoonni Tv Mo'aa fi Tv'n Mo'aa, Gadda Itti Dhagahame Ibsaa Maatii fi Firoottan isaanii maraaf Jajjabina Hawwina. .

Congratulations 🎊
08/10/2025

Congratulations 🎊

Address

Oromia
Nek'emte

Telephone

+251912677803

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Leadstar Academy Nekemte posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The School

Send a message to Leadstar Academy Nekemte:

Shortcuts

Share

Category