17/07/2021
Nagaan Dhaloota Jaarraa DIMA'f haa baay'atu:Akkam Jirtu?!........................................................................................................................
Egaan yaa dhaloota ABJUU IFABAAS akkam jirta? Nagaan waaqarraa dabalee daddabalee mee nuuf haa baay'atu. Abboolii keenya nagaa nuuf haa taasisu. Harmoolii keenyaaf umurii dheeraa haa kennu. Dhaloota Abjuu isaa dhugoomsuuf fiigu nu haa taasisu. Beekaan wallaalaa haa qaru. Kan qarame bu'aa biyyaaf haa buusu. Biyyi keenya Itiyoophiyaan nagaa nuuf haa taatu. Loowwan goodaa nagaan haa dheedan. Bushaayeen kosorruu nagaan haa funaannattu. Nama waliif boo'u waliif oo'u nu haa taasisu. Yaanniif yaaddoon dhaloota jaarraa DIMA irraa haa fagaatu. Gammachuuf jireenyi gaariin biyyittii kanarratti haa faffaca'u.
Egaan yaa dhaloota DIMA akkam naaf jirta?! Barii hirribaa yoo kaatu waaqakee waammataa? Oolmaan guyyaa kee karooraan akka ta'u xiqqoo callisaan of dhaggeeffattaa? Kaayyoo keef abjuu keef guyyaa guutuu fiiguuf barii hunda karoorrattaa? Hiikkaa namummaa kee yaadaan samiitti ol hidhattaa? Kennaa waaqarraa gad-siif hiixatame oogummaaf of eeggannoon fayyadamtaa? Uumama kabajjaa ? Uumaa sodaattaa? Mee waggaa kuma naaf jiraadhu !!!!
Daa'imman jaarraa DIMA mee akkam jirtu? Oolmaaf bultiin keessan nagaa qabaa? Yaadaaf yaaddoorraa isin naaf bilisaa? Abbooliif harmoolii keessan kabajjuu? Tekinooloojii amma dhufe kana karaa kennaa keessan ganamaa hin miineen itti fayyadamtuu? Gorsaa fi oriisaa ayyaa fi abbaa dhageessuu? Mee isin akkam nagaan baatanii nagaan naaf galtuu? Egaan yaa daa'imman jaarraa DIIMAA suutuma suutaan waliin waa marii gochuu haa eeggalu. Gaaffii keessa keessan jiru mee baasaa!!! Oogummaaf gamnummaan bara keessan jiraadhaa. Isin kennaa 3000 ol ta'u of keessatti tuultanii baattu;kana beektuu laata? Meeqa keessantu Saayintistii ta'uuf abjuu qaba. Meeqatummoo ogeessa fayyaa ta'uuf Abjoota? Meeqa keessantu daldalaa cimaa ta'uuf carraaqa? Meeqatummoo kalaqaaf waa uumaa ta'uuf xiinxala akkasumas warreen birooo........ Egaan yaa dhaloota jaarraa DIMA abjuu waa ta'uu qabdu taanaan guyyuun daqiiqaa 30f qofaa taa'uun bakka bareedaa filadhaa ol gara samiitti ilaalaa hidhata onnee keessanii waaqa uumaa ganamaa waliin mee jabeeffadhaa. Mee eessatti akka deemuu qabdan maaltu akka isiniif fiixaan ba'u, kennaa keessan hunda keessaa kamirratti dursuun shaakaluuf gatii baasuu akka eegaltan tasgabbii yaada sammuu dhala namaan waaqa keessan mee gaafadhaa. As deebi'aas karooraan kaayyoof jiraachuuf ofii keessaniif waadaa galaatii...deemsa abjuu fi kaayyoo ifa baheen guutamte jiraachuuf guyyaa har'aa daqiiqaa kanaa eegaluun carraaqqii eegalaa. Humna guddaa samiirraan itti cichaa.Yoosuu nimootu. AMEEN!! Itti fufna jedha Dhaloonni jaarraa DIMA...