24/10/2022
Seenaa Muftii Sheekh Aadam Tuulaa (Rahimahullah)
Sheekh Aadam Ahmad Hammarroo Al-Oromii.
Goodina Harargee Bahaa, Aanaa Kombolchaa, Tuulaa ganda je’amtutti Abbaan Isaa Ahmad Hammarroo Amata 90 dura Ilma Aadam je’ee Moggaase Rabbiin kenneef. Kan booda Sheekha Sheekkootaa tahuuf taa’u.
Inni Ulamaa’ii biyyi teenya qabdu guddichaa fii Hangafa. Barsiisaa ulamaa’ootaa, leenjisaa Ustaazootaa, abbaa ilmaaniiti.
Barnoota Islaamaa joollummaan barachuu jalqabe. Barnoonni Islaamaa Itti Mi’aawee dargaggumma Isaa Beela, Oowwa, qabbana, osoo hin janne barnootumarratti dabarse. Ulamaa’ii akka aduutti dukkanna wallaalaa ibsaa turan hunda irra deemee barnoota Isaan qaban irraa fuudhatee jira.
Sheekootii Isaa Gurguddoo fii Beekkamoo.
Sheekh Abdullaahi Tuqoo Al-Oromii, Sheekh Abdullaahi Tuqoo addeeysaa Aqiidaa fii Sunnaah, Mujaahida Harargee, Arsii fii Baalee Towhiidaan Ibse ture.
Abdullaahi Tuqoo Bahara beekkumsa Islaamaa, Abbaa Hadiisaa fii Towhiidaa kan miilaan Ilmii barbaada biyyaa bahe, Eegas Doonii yaabbatee garaa Baharaa gubbaa guyyaa 15 Nyaataa fii dhugaatii malee taa’ee Makka gahuu dandahe.
Biyyaa fii Biyyaa alatti baratee Ulamaa’ii hanga ammaa Towhiidaan biyya teenya Ibsaa jiran barsiisee biraa Akhiiraa gale Rabbi Rahmata haa godhuuf.
Sheekh Aadam Tuulaa Sheekkootii akkanaa tanarraa barate.
Sheekh Ahmad Basiiraa, Inni haafiza hadiisa Rasuulaa ﷺ kan Ijaan hin agarre ture. Sheekh Ahmad Basiiraa barnoota barachuuf Hararghee ka’ee Jimmaa Abbaa Jifaar hoggaa dhaqu Saahiba Isaatu harka qabee Isaan deemaa ture.
Waahilli Sheekh Ahmad Basiiraa harka qabee karaa itti garsiisaa, Harargeerraa Miilaan deemaa Jimmaa Abbaa Jifaar guyyaa hedduu booda hoggaa gahan, dhukkubsatee ciise. Maaliif Dhukkubsate beeytaa? Sheekh Ahmad Basiiraa Ijaan waan hin Agarreef saahiba Isaa yeroo hedduu duubaa itti gufataa karaa dheeraa deeman, Waahilli Isaa miilli Isaa gama hirphaa gadiitiin dhiiguu fii Madaawuu jalqabe. Garuu hanga Jimmaa gahanii Obsee deemaanii ture.
Jimma hoggaa gahan garuu dhuk