04/05/2023
Saayikoloojii ......................
Personality disorders (Jeeqama Saansakaa) kurnan kana dubbisii , qoodi!
❇️"Antisocial personality disorder"
Namootni saansaka farra hawaasummaa qaban kun eenyufaa akka ta'an..
Namootni naannoo keessanitti mi'a baay'ee miyaa ta'e tokko bakka rakasa geessanii gurguran argitanii beektuu? Teeppii mana keessaa fuudhanii sigaaraa ykn caatiitti kan jijjiiran argitanii berktuu? Namoota sababa malee ampuulii ibsaa caccabsani, ykn waan hawaasni jaallatu barbadeessu...amaloota armaan olii kan qaban saansaka farra hawaasummaa (anti social personality) qabu.
❇️"Narcissistic personality disorder" Jarri kun namoota garmalee of jaallatanidha. Yeroo dheeraaf fuula daawitii dura of dhaabu. Bifa isaanii baayyee jaallatu. Maqaasaanii jaallatu. Namootaa ol akka tahanitti of yaadu. Walumaa galatti jaalala ofiin kan of xaxanidha.
❇️"Histrionic personality disorder "Jarri kun immoo wiirtuu xiyyerffannoo of gochuu barbaadu. Mumullachuu garmalee fedhu. Dhaggeeffachuurra dhaggeeffatamuu barbaadu. Yoo namni biroon isaan biraa dubbataa jiraate afaansaa ukkaamsanii waa'ee ofii dubbachuu jalqabu.
❇️"Obsessive-Compulsive personality disorder" Namootni mana nyaataa ol seenanii burcuqqoo miiccamaa gaggalagalchanii ilaalanu ykn miiccamaa irra debi'anii miiccisiisani si qunnamanii beekuu? Namoota akkasii waliin waa nyaachuun hin ulfaata! Reesturaantii keessatti nyaata waliin nyaachuuf ajajattanii utuu eegdanii gidduutti "Yoona namichi nyaata qopheessu furrii isaa haqachaa jira" siin jedhu. Namootni kun ammaa ammaa harka isaanii miiccatu. Sammuu isaanii keessa "Obsession" dhaan guutamee jira. "Compulsion" ammoo gocha isaaniiti.
❇️"Schizoid personality disorder" Namootni kun ammoo nama waliin wal arguu hin fedhanu. Qophuma dhiphatu.
❇️"Dependent personality disorder" Waan hojjetan kamiifuu gorsa nama biraa barbaadu. Uffata bitachuuf, bsrachuuf, gaa'ila keessa seenuuf, ....hundayyu namaan mariyachuu barbaadu. Yaada ofiin murtoo hin kennanu. Yaada nama kamiiyyu keessummeessaa oola.
❇️"Paranoid personality disorder" Jarri kun ammoo shakkitoota. Namootni kun utuma sin waliin oolanii sin shakku. Maal na godha, maal naan jedhaa jira?...Namoota garmalee nama shakkan gaaddidduu isaanii hin amananu.
❇️ "Avoidant personality disorder" Namootni kun ammoo tasuma namni biraa akka isaan ceepha'an hin fedhanu. Dheekkamsuus hin fedhanu. Wanti hojjetan hundi akka ajaa'ibsiifamuuf barbaadu.
❇️"Schizotypal personality disorder "Amalli jara kanaammoo garmalee of fageessuu fi namaa waliin hariiroo uumuu dadhabuu. Yaadota hin baratamne yaadu. Waa hunda hafuura(sprit) waliin wal qabsiisanii hubachuu yaalu. Haalli uffannaa isaaniillee namoota irraa addadha. Yaadni isaanii daangeffamaafi suuta jedhaadha. Haalotatti gammachuu isaanii hin ibsatanu.
❇️"Borderline personality disorder" Jarri kun yeroo bayyee namoota lubbuu ofii ofiin balleessanidha. Namatti hin madaqanu. Jireenya hawaasummaa keessaa hin qabanu.
***********************,***
Mee kan nama beekamaa tokkoo komentiin kennaa!