24/10/2025
"Sagantaan Tuutoriyaalii Barnootaa Kutaa 12ffaaf Yeroon Kennuu Eegaluun Bu'aa Qabxii Barattootaa Ni Fooyyessa."
(Dr. Tolaa Bariisoo .. Hog. BBO)................
BBO ...13/02/2018 Sagantaan Tuutoriyaalii barnootaa barattoota kutaa 12ffaaf yeroon kennamuu eegalun bu'aa qabxii barattootaa kan fooyyessu ta'uu hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo dubbataniiru.
Muuxannoo waggoota lamaan dabran irraa ka'uun barattootni sagantaa tuutoriyaalii barsiisotni isaanii kennaniif walitti fufiinsaan hordofan qabxii fooyya'aa galmeessaa dufuun ragaan manneen barnootaa irraa nu dhaqqabu irraa hubachuun danda'ameera kan jedhan, Dr. Tolaan barsiisotni hedduun barattootni isaanii qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa qabxii fooyya'aa akka galmeessisan sagantaa tuutoriyaalii qopheessun guyyaa Sanbaa, Dilbataafi yeroo boqonnaa qabanitti barsiisuu irraa kan ka'e qabxiin barattoota keenyaa fooyya'aa dhufaa jira.
Haata'u malee, sagantaa tuutoriyaalii barnootaa kennamu irratti manneen barnootaafi manneen barnootaa, barsiisotaafi barsiisota jidduutti garaagarummaan waan jiruuf bu'aan barbaadamu yeroo barbaadamu keessatti galma gahuu hin dandeenye.
Kanaafuu, jedhan Dr. Tolaan, kanaafuu, bu'aan qabxii barattootaa manneen barnootaa hunda keessatti haala walfakkaatuun akka fooyya'u
Manneen barnootaa kutaa 12ffaa qabu hunduu sagantaa tuutoriyaalii yeroon eegaluu qaba. MB hanga har'aa hin jalqabin. Ji'a Onkololeessaa_kanarraa akka jalqaban haala mijeessuufi barsiisotni barattoota isaanii deeggaruu akka itti adeeman,
Barattoota Qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2018 fudhatan keessaa kanneen 'Online'n fudhatan gamanumaa gahoomsaa adeemuu har'umarraa jalqabamuu qaba jechuun Dr. Tolaa Bariisoo ergaa dabarsaniiru.
Dhumarratti, Gosoota Barnootaa Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa:
π -Nat Sc
1- English
2- Maths
3- Scholastic Aptitude
4 -Chemistry
5- Physics
6 -Biology
π B - Soc.Sc
1- English
2- Maths
3- Scholastic Aptitude
4- History
5- Geography
6- Economics