Bush Educational Institution P.L.C

Bush Educational Institution P.L.C Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Bush Educational Institution P.L.C, School, Mek'i.

Baga Gammaddan!
16/10/2023

Baga Gammaddan!

27/08/2022
Hagayya 17,2014- Sirni Barnootaa Bara 2015'tti hojiirra oolu akkaataa gurmaa'insa haaraan 6+2+4 ta'uusaa Biiroon Barnoot...
24/08/2022

Hagayya 17,2014- Sirni Barnootaa Bara 2015'tti hojiirra oolu akkaataa gurmaa'insa haaraan 6+2+4 ta'uusaa Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksise.

Sirni Barnootaa haaraan bara 2015 jalqabamu Barnoota Sadarkaa Tokkoffaan duraa umrii 5fi6 keessatti waggaa lamaaf erga barataniin, booda kutaa 1ffaa-6ffaa Sadarkaa 1ffaa kutaa 7ffaa - 8ffaa Jiddu galeessa jedhameera.

Gosni barnootaa kutaalee kanniin keessatti kennaman kan Kutaa 1ffaa- 6ffaa Barnoota Afaan tokkoffaa, Barnoota Afaan Ingilizii, Barnoota Afaan Lammaffaa (kutaa 5ffaa-6ffaa), Barnoota Saayinsii, Barnoota Herregaa, Barnoota Gadaa, Ogartiiwwan,Jabeenya Qaamaafi Fayyaafi Barnoota Safuuti jedhame.

Kutaa 7ffaafi 8ffaa keessatti gosoonni barumsi kennaman ammoo Barnoota Afaan tokkoffaa, Barnoota Afaan Ingilizii, Barnoota Afaan Lammaffaa, Barnoota Herregaa, Barnoota Saayinsii Waliigala, Barnoota Hawaasaa, Barnootaa Gadaa,Barnoota Ogartiiwwanii,Barnoota Jabeenya Qaamaafi Fayyaa, Barnoota Lammummaafi Barnoota ‘IT’ sirna Barnoota haaraan akka kennamu ragaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa argame ni muldhisa.

Haaluma kanaan Sirna Barnootaa haaraa keessatti kutaa 6ffaa fi kutaa 8ffaa irratti akka Naannootti qorumsi kennamuun barattootni qorumsa akka Naannootti dabran akka baratan kan qophaa'eedha.
Karaa biraatiin bara 2015 Sirni Barnootaa hojiirra oolan Kutaa 1ffaa, 3ffaa, 5ffaa, 7ffaafi 8ffaa yoo ta'an, kutaa 2ffaa, 4ffaafi 6ffaan bara barnootaa 2016 hojiirra akka oolu kanaan dura himamuus Biirichi eereera.

Kutaa 9ffaa hanga 12ffaa kanneen jiraniif ammoo bara 2016 eegalee hojiirra oolchuuf qorannaa yaalii gaggeeffamaa jira jedhameera.

Address

Mek'i

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Bush Educational Institution P.L.C posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category