M/B Aallee Sadarkaa 1ffaa

M/B Aallee Sadarkaa 1ffaa M/B Aallee Sadarkaa 1ffaa kottaa waliin haa guddisnuu!!

  Oomoo Naaddaa Magaalaa Aallee Mana Barumsaa Aallee Sadarkaa 1ffaatti hojiiwwan gumiilee garaagaraatiin hojjetamaa jira...
25/12/2025

Oomoo Naaddaa Magaalaa Aallee Mana Barumsaa Aallee Sadarkaa 1ffaatti hojiiwwan gumiilee garaagaraatiin hojjetamaa jiran

1.Gaaguraa aadaa
2.Daree barnootaa Miidhagsuu(Koornesii)galchuudhaan
3.Barattoota harka qalleeyyii uffisuu(Kophee, Surree fi shaamizii)

 'ATA  √•Hojmaata daree guyyaa guyyaatiin alatti dhiibbaa uumuuf galma yeroo dheeraa ifa ta’e qabu. √•Dandeettiiwwan bar...
19/12/2025

'ATA

√•Hojmaata daree guyyaa guyyaatiin alatti dhiibbaa uumuuf galma yeroo dheeraa ifa ta’e qabu.
√•Dandeettiiwwan barbaachisoo fi bu’a qabeessa ta’an itti fufiinsaan guddifatu.
åYaaduu fi kalaqa haarawaa irratti wanti isa daangessu hin jiru. Bakka warri kaan gufuu arganitti carraa arguu danda'u.
√•Waa’ee guddina dhuunfaa, barachuu fi of fooyyessuu irratti itti yaadanii kan hojjetaniidha.
åBarattoonni abjuu guddaa akka abjootaniifi dandeettii isaaniitti akka amanan kakaasu.
åKalaqa, teeknooloojii fi mala barsiisuu haaraa ni hammatu.
åQormaanni jiraatus dandamachuu fi cimina agarsiisu.
√•Duudhaa cimaa fi qulqullina ogummaatiin fakkeenya ta’uun geggeessu.
åTarsiimoodhaan Karoorsuu fi gochoota guyyaa guyyaa galmoota gara fuula duraa wajjin walsimsiisu.
åJireenya, sirnaa fi dhiibbaa bara baraan ijaaruun seenaa hojjatanii darbuu irratti xiyyeeffatu.

  08/2018  Jimmaa Aanaa Oomoo Naaddaa Mana Barumsaa Aallee Sadarkaa 1ffaatti Mariin barsiisota mana barumsichaa hunda hi...
18/10/2025

08/2018

Jimmaa Aanaa Oomoo Naaddaa
Mana Barumsaa Aallee Sadarkaa 1ffaatti
Mariin barsiisota mana barumsichaa hunda hirmaachise gaggeeffame.

Mariin Kunis dhimmoota akka
1.Barataa Galmaa'e hunda duguuganii ol deebisuun barsiisuu
2.Gahumsa barattootaa irratti xiyyeeffannoo gochuun deeggaruu
3.Sochii barnoota walmaddeessaa lafa qabsiisuun hirmaannaa ho'aa taasisuu
4.Sochii Gulantaa sirriin barsiisuu (TaRL) akkaataa qajeelfamaatiin hojiirra oolchuu
4.Naamusa barattootaa irratti hojjechuu
5.Qindoominaan hojjechuufi
6.Mana Barumsaa hawataa gochuu irratti mariin bilchaataan gaggeeffameera.

Godina Jimmaa Aanaa Oomoo Naaddaa Bulchiinsa Magaala Aalleetti Konfirensiin Barnootaa Bara 2018 Bakka Dhimmamtootni Barn...
10/10/2025

Godina Jimmaa Aanaa Oomoo Naaddaa Bulchiinsa Magaala Aalleetti Konfirensiin Barnootaa Bara 2018 Bakka Dhimmamtootni Barnootaa Hundi Argamanitti Gaggeeffamee Jira.

Ittigaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Aanaa Oomoo Naaddaa Obbo Ismaa'il Mahaammad,Ittigaafatamtuun Damee Ijaarsa Paartii Badhaadhinaa Aanaa Oomoo Naaddaa Aadde Naziifaa She Siraaj fi Hoji Gaggeessaan Magaala Aallee Obbo Abdallaa She Ibiraahim Saganticha irratti argamanii ergaawwan gama isaaniitiin jiru dabarsuun konfirensicha gaggeessaniiru.

Konfirensicha irratti gabaasni raawwii hojii barnootaa dhiyaachuun dhimmamtoota barnootaaf hirmaattota konfirensichaa waliin mariin gaggeeffamee jira.

Guyyaan Sirna Cufiinsa Mana Barumsaa Aallee Sadarkaa 1ffaa bifa ho'aa ta'een bakka I/A Bulchaafi I /G Dinaagdee magaalaa...
04/07/2025

Guyyaan Sirna Cufiinsa Mana Barumsaa Aallee Sadarkaa 1ffaa bifa ho'aa ta'een bakka I/A Bulchaafi I /G Dinaagdee magaalaa Aallee Obbo Naziif A/Raayyaa, I/G Hawaasummaa magaalichaa Aadde Fariidaa Tamaam fi qooda fudhattoonni hundi argamanitti kabajame. Saganticharrattis raawwiin hojii Bara 2017 dhiyaachuun hanqinaafi cimina jiru irratti mariin hawaasaa gaggeeffameera. Xumura irrrattis Kallattii karoora Bara 2018 milkeessuun danda'amurrattis maryatameera.

Caamsaa 22/09/2017Eebba Barattoota Bu'uura Boruu ____________________________________@ Aanaa Oomoo Naaddaa Bulchiinsa ma...
30/05/2025

Caamsaa 22/09/2017

Eebba Barattoota Bu'uura Boruu
____________________________________
@ Aanaa Oomoo Naaddaa Bulchiinsa magaalaa Aalleetti manni Barumsaa Bu'uura Boruu Hariiroo bifa miidhagaa ta'een barattoota isaa eebbisiise.

18/05/2025

Address

Alle
Jimma
ALLE

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when M/B Aallee Sadarkaa 1ffaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category