Markaz Umar Ibn Al-Khaxxab Official

Markaz Umar Ibn Al-Khaxxab Official Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Markaz Umar Ibn Al-Khaxxab Official, Religious school, Jimma.

09/06/2023

๐Ÿ“ƒ๐Ÿ–Œ__||. Namni Mu'uminaa Dhimma hundaa fii jireenya isaa guutuu keessatti Waan isa gammachiisuus ta'ee isa gaddisiisuu keessatti,bal'inaa fii rakkina, balaa isatti buutuu fii Qananii isaaf kennamtu kheeysatti kheeyrii irraa gara kheeyrii deemaadha. Haala hunda keessatti kheeyruma keessatti ta'uun kun Haala nama Mu'minaa qofa. " Haalli Mu'minaa ajaa'iba. Haalli isaa hundi kheeyriidha.**.

09/06/2023

๐Ÿ“ƒ๐Ÿ–Œ__||. Sufyaan Ibn Sa'iid Al-Ssowriin [Rahimahullaahu] akkana jedha" Wanta tokkolleen kan akka Jecha " ู„ุง ุฅู„ู‡ ุฅู„ู‘ุง ุงู„ู„ู‡" Duuyda ibliis kuttu hin jirtu".

๐Ÿ“ƒ๐Ÿ–Œ.[ ุญู„ูŠุฉ ุงู„ุฃูˆู„ูŠุงุก].

09/06/2023

๐Ÿ“ƒ๐Ÿ–Œ__||. `ยฐ Rasuulli ๏ทบ Howdii Gurguddoo 2 qaba: Howdiin tokko Duniyaa keessa jirti,isiiniis Sunnaa isaatii fii Wanta inni ittiin Dhufeedha. Howdiin isiin taan isii aakhiraa sani. Namuma har'a addunyaarratti howdii isaa tan duniyaa tanarraa dhugeetu; Howdii isaa guyyaa qiyaamaa san irraallee dhuga*".

๐Ÿ’ซ ุจู† ุงู„ู‚ูŠู… ุงู„ุฌูˆุฒูŠุฉ ุฑุญู…ู‡ ุงู„ู„ู‡
๐Ÿ”– ุงุฌุชู…ุงุน ุฌูŠูˆุด ุงู„ุฅุณู„ุงู…ูŠุฉ [2/85]
โ€โ€Žุงู„ู„ู‡ู… ุงุฑุฒู‚ู†ุง ุงู„ุดุฑุจ ู…ู† ุญูˆุถ ู†ุจูŠู†ุง ู…ุญู…ุฏ ุตู„ู‰ ุงู„ู„ู‡ ุนู„ูŠู‡ ูˆุณู„ู… ุŒ ุงู„ู„ู‡ู… ุงุฑุฒู‚ู†ุง ุดูุงุนุชู‡.

09/06/2023

๐Ÿ“ƒ๐Ÿ–Œ__||. *` Barakaa Qur'aanni Qaburraa; inni Dhukkuboota qaamaa fii Dhukkuboota qalbiitiis fayyisaadha. **.

๐Ÿ”–ุงู„ุดูŠุฎ ุจู† ุนุซูŠู…ูŠู† ุฑุญู…ู‡ ุงู„ู„ู‡
๐Ÿ“ƒ๐Ÿ–Œ. ุฏุฑูˆุณ ุงู„ุญุฑู…ูŠู† 1/473

09/06/2023

๐Ÿ“ƒ๐Ÿ–Œ__||. *" Bu'aa Rasuularratti ๏ทบ Salawaata buusuutirraa; Isiin Sababa Hirphi garbichaa Siraaxirra gad dhaabbachuu fii isiirra darbuuti__||`.

๐Ÿ”–ุฌู„ุงุก ุงู„ุฃูู‡ุงู… -ุต 453

ุงู„ู„ู‡ู… ุตู„ู‘ ูˆุณู„ู‘ู… ูˆุจุงุฑูƒ ุนู„ู‰ ุนุจุฏูƒ ูˆุฑุณูˆู„ูƒ ู…ุญู…ุฏ ูˆุนู„ู‰ ุขู„ู‡ ูˆุตุญุจู‡ ูˆู…ู† ุชุจุนู‡ ุฅู„ู‰ ูŠูˆู… ุงู„ุฏู‘ูŠู†

buusuu fii buusisuu Sababaa like,comment, follower fii subscriber ittiin baay'ifattu hin godhatin. Wallaahi kun Dhimma fokkisaadha. ู†ุณุฃู„ ุงู„ู„ู‡ ุงู„ุณู„ุงู…ุฉ ูˆุงู„ุนุงููŠุฉ

25/05/2023

โญ•___||ยฐ. Aqiidaan sirrii: Gabbaraamaa dhugaa( Allaahaa) tokkichoomsuudha,Hordofamaa ( Rasuula๏ทบ) Hordofuu keessatti tokkichoomsuudha,Diin keessatti Wanta haaraa fii basabasaa Fiduu, Dalaguu, dubbachuu fii jala deemuu dhabuudha.

๐Ÿ“š ู…ุญุงุถุฑุฉ ุจุนู†ูˆุงู† : [ ุงู„ุนู‚ูŠุฏุฉ ุงู„ุตุญูŠุญุฉ ูˆุขุซุงุฑู‡ุง ุนู„ู‰ ุงู„ูุฑุฏ ูˆุงู„ู…ุฌุชู…ุน ]

๐ŸŽ™ุฃ.ุฏ. ุตุงู„ุญ ุจู† ุนุจุฏุงู„ุนุฒูŠุฒ ุณู†ุฏูŠ - ุญูุธู‡ ุงู„ู„ู‡ -

25/05/2023

Aqiidaan Qulqulluun kan kitaaba allaahaatii fii Sunnaa Rasuulaa irratti ijaaramte Kaayyoo uumamni uumameefiidha. Rabbii tokkicha qofa gabbaruu fii Maqaa fii sifoota isaatiin allaahaa beekuunii fii Dirqama beekumsa kanaatiin dhaabbachuun Isaaf of gad qabuu, isaaf of xiqqeessuu fii hundaa ol isa jaalachuun Kaayyoo Uumamni kun uumameef ta'uun Shakkii hin qabdu. Ammaas Guyyaa Qiyaama Namni Rabbi biratti Nagaa bahu Nama aqiidaa qulqulluun isatti dhufeedha. " Guyyaa ilmaanii fii Qabeenyi homaa hin fayyadne* Nama Qalbii qulqulluun dhuf malee" Guyyaa San Namni Nagaya guutuu qabu isa kana. Qalbiin Qulqulluun Isii Aqiidaa sirrii fii qulqulluu ta'e qabduudha.

โญ•ุงู„ุดูŠุฎ ุตุงู„ุญ ุงู„ุณู†ุฏูŠ ุญูุธู‡ ุงู„ู„ู‡
ยฉุงู„ู…ุตุฏุฑ:- ุดุฑุญ ุนู‚ูŠุฏุฉ ุงู„ูˆุงุณุทูŠุฉ ุดุฑูŠุทุฉ 1 ู…ู† ุฏู‚ูŠู‚ุฉ 2-4

21/05/2023

๐Ÿ“œ๐Ÿ–Œ. Dhimmoota islaamaa Dirqama ta'an barachuun tokkoon tokkoo Nama hundaa irratti Dirqama. Rasuulli๏ทบ " beekumsa shari'a barbaadanii barachuun Muslima hundarratti dirqama" jedhan. Yeroo ammaa kana Nama meeqatu Dhimma Xahaaraa, Salaata, Zakaa, Sooma, hajjii,bittaa fii gurgurtaa isaa, Nikaa hiikuu fii Murtiilee Shari'aa biroo keessatti Dogoggoraa oola. Kunimmoo Sababaa inni Wanta Barachuun isarratti dirqamaa barachuu irraa garagaleefi. Kan kanarra fokkisuu fii hamaan Dogoggora Gama TOWHIIDAAtiin jiruudha.

-` - ู†ุชุงุฆุฌ ุงู„ุฅุนุฑุงุถ ุนู† ุงู„ุดุฑุน ุงู„ู…ุทู‡ุฑ ูˆุขุซุงุฑู‡ ุงู„ุณูŠูู‘ุฆุฉ I ุฃ.ุฏ. โ€Ž .

16/05/2023

Towhiidni Walitti Nama qaba Malee addaan Nama hin facaasu. Maaltu Umar, Bilaal,Suheybii fii Salmaan Al faarisii walitti qabe? ; TOWHIIDA. Kan Addaan Nama facaasu Shirkiidha.

Sheikh Salih Al-Fowzan [ hafizahullaahu].

๐Ÿ”–. Isa Shirkii fii bid'aa Dalagu kan Towhiidaa fii Sunnaarra jiruun Walitti tokko godhuun hin yaadamtu.

16/05/2023

*Bakka bu'oota ibliis kan Dachii keessaa irraa hin ta'in ...*

๐Ÿ“œ๐Ÿ–Œ. Warreen Namoota ilmii shari'aa barbaadanii fii diin rabbii keessatti hubannaa argachuuf tattaafatan of duubatti harkisan sun Bakka bu'oota ibliis kan Dachii keessaati. Isaan kun Sheeyxaana jinnii caalaa hamoodha. Isaan kun jidduu qalbii fii qajeelloo rabbii addaan baasu.

โœ๏ธ__ ุงู„ุฅู…ุงู… ุงุจู† ุงู„ู‚ูŠู… ุฑุญู…ู‡ ุงู„ู„ู‡ ุชุนุงู„ู‰
๐Ÿ“__ ู…ูุชุงุญ ุฏุงุฑ ุงู„ุณุนุงุฏุฉ ูกูฆู /ูก .

15/05/2023

๐Ÿ“ƒ๐Ÿ–‹๏ธ. Way Nutii kun Ajaa'ibuma qabna!. Diin lakkisneeti Duniyaa tolchuuf oriina.

ูŠุง ุนุฌุจุง ู„ู†ุง ู†ุณุนู‰ ููŠ ุฅุตู„ุงุญ ุงู„ุฏู†ูŠุง ูˆู†ู‡ู…ู„ ุงู„ุฏูŠู†

๐Ÿ“ฆSheikh Nasir Al-Ssiุนdii Rahimahullahu
--------โ€ข
๐Ÿ“šยซ ุงู„ููˆุงูƒู‡ ุงู„ุดู‡ูŠุฉ ูขูกูข.ยป

ยฉ_||. Barattoota Usuulaatiif____ยฐยฐ.          โ€ขโ”ˆโ”ˆโ”ˆโ”ˆโ€ขโœฟโโœฟโ€ขโ”ˆโ”ˆโ”ˆโ”ˆโ€ข๐Ÿ“ƒ๐Ÿ–Š. Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhu.       ...
04/05/2023

ยฉ_||. Barattoota Usuulaatiif____ยฐยฐ.

โ€ขโ”ˆโ”ˆโ”ˆโ”ˆโ€ขโœฟโโœฟโ€ขโ”ˆโ”ˆโ”ˆโ”ˆโ€ข

๐Ÿ“ƒ๐Ÿ–Š. Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhu.

โ€ขโ”ˆโ”ˆโ”ˆโ”ˆโ€ขโœฟโโœฟโ€ขโ”ˆโ”ˆโ”ˆโ”ˆโ€ข

๐Ÿ“ƒ๐Ÿ–Š. Darsii Eegaluu Yaaddanii jirtuu?. Eeyyeen! Darsiin barattoota Jalqabdootaa Usuulli [ Darsiileen Semisteera 1ffaa] Jalqabuuf Guyyoota 2 qofaatu hafe. Isinis Daddaftanii galmee keessan xumuruun Qalamaa,kitaabaa fii Dabtara Qopheeffattanii Nu eegaa isiniin jenna.

โฐYeroon Darsiin itti Kennamu.
โ—† Guyyaa Sanbataa hanga Kamisaa
โ—† Galgala Maghriibaa hanga Ishaa || 12:30-2:00 Ethio [ 6:30-8:00 KSA].

๐Ÿ•ŒBakki:- Toora ZOOM Markaz Umar Ibn Al khaxxaab Lakk. 2ffaa๐Ÿ‘‡
https://us06web.zoom.us/j/9913906728?pwd=SFNmQUIvT0tRaHlDaVYrN3l5bzJVQT09
โ€ขโ”ˆโ”ˆโ”ˆโ”ˆโ€ขโœฟโโœฟโ€ขโ”ˆโ”ˆโ”ˆโ”ˆโ€ข
๐Ÿ“ƒ๐Ÿ–Š. Akkaataan Adeemsa Darsii
1. Darsii hunda booda Hojii Manaatu Kennama
2. Torbanitti Guyyaan lama Guyyaa Muraaja'aati
3. Torban hunda Guyyaa Jimaata Qormaata Gabaabaatu kennama.
6. Dhuma Darsii irratti Qormaata xumuraatu jira.
7. Dorgommiin garagaraas ni qophaa'a, Nama Dorgommii Qophaa'u injifatuuf badhaasaatu jira.

โ€ขโ”ˆโ”ˆโ”ˆโ”ˆโ€ขโœฟโโœฟโ€ขโ”ˆโ”ˆโ”ˆโ”ˆโ€ข
๐Ÿ“ƒ. Kitaaboonni Sadarkaa Usuulaa kanatti Qarama'an akkaataa Barattootaaf Mijatuun Tartiibaan kaa'amee qophaa'ee jira. Kitaaba Qara'amu Pdfn isaa Garee keessa kan kaa'amu ta'a.

๐Ÿ“ƒ. Namni fedhii fii hawwii olaanaa ilmii barachuu qabu kan tattaafatu Rabbiin Isaaf kenna. Ittiin isa gammachiisa.

โš Yaadachiisa:- Namni Yeroon kun isaaf hin Mijanne, Booda ilaalamee Yeroon isaaf mijatu ilaalamee Namoota akka isaatii wajjiin yeroo isaaf sirreessuun Ni danda'ama.

โ—†. Rabbiin akka beekumsaa fayyadduu taatee fii Dalagaa gaariis nuuf dabalu isa kadhanna.

โ€ขโ”ˆโ”ˆโ”ˆโ”ˆโ€ขโœฟโโœฟโ€ขโ”ˆโ”ˆโ”ˆโ”ˆโ€ข
๐Ÿ“ƒ๐Ÿ–Œ. Social Media Garagaraa irratti Markaza Oumer ibnul Khaxxaab Hordofuuf.

Facebook:-https://www.facebook.com/profile.php?id=100091632214693

Telegram Grp :-https://t.me/MarkazUmar1444

Whatsapp Markaz Umar 1ffaa
https://chat.whatsapp.com/EDFzRZDSSbSEjn5bdDyjNe

WhatsApp Umar 2ffaa
:-https://chat.whatsapp.com/LiQbRk7fGpb4yTWcWtU11k

Address

Jimma
000

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Markaz Umar Ibn Al-Khaxxab Official posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The School

Send a message to Markaz Umar Ibn Al-Khaxxab Official:

Shortcuts

Share