اسلام عليكم ورحمة الله وبركاته

اسلام عليكم ورحمة الله وبركاته Guumaa page

27/09/2021
15/09/2021

MAQAALEE JANNATAA !!!
••••••••••••••••••••••••••
Rabbiin keenya Subhaanahuu Wata’aalaa Hadiisa Qudsii keessatti Jannata isaa akkana jechuun ibse.

“ Waan ijji arkitee hin beeyne, waan gurri dhagahee hin beeyne, akkasumaas waan qalbii Nama tokkorrahuu dhufee hin beeyne, Gabrroottan kiyya Gaariif Qopheesseetiin jiraa je’e. Hadiisa kana Abuu Hureeyraatu Rasuularraa Nuuf Odeeyse.

Maqaaleen Balbala Jannataa Isaan Kana ….

1: Jannatul Firdoows
2: Jannatul Ma’awaa
3: Jannatul Koowsar
4: Jannatu Adnaan
5: Jannatu Na’iim
6: Daarul Maqaam
7: Daarul Khuld
8: Daarussalaam

Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi Wasallam yeroo Jannata Rabbii kadhattan irra ol’aanaa isaa Jannatul Firdoows kadhadhaa nuun ja’an.

Rabbiin Warra jannatul Firdoows keessatti qanani’u Nu Haa Taasisuu.

Barreffama kana yoo isinitti tole dubbisaatii eegasii Share waliif godhaa.

Waan Dubbistaniif Galatoomaa : Jazaakumullaahu Kheeyran.

Qalbii goge rabbi nuif hajiisu
18/08/2021

Qalbii goge rabbi nuif hajiisu

06/08/2021

اللهم احفظ اخوان المسلمين

04/08/2021

Salaata sunnaa baay’isuun waan sadarkaa nama jannata keessatti olkaasuufi inumaa Nabiyyii (saw) wajjin jannata keessatti shariika nama godhu ta'uu beektuu?
****************************
Hojii jannata keessatti sadarkaa namaa ol kaasu keessaa tokko salaata sunnaa baay’isuudha. Ubaadaa bin Saamit keessatti Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم akkana jedhan: “namni sujuuda tokko Rabbiif jecha sujuude Rabbiin isheedhaan toltuu isaaf barreessu, isheedhaan dilii irraa harcaasuufi isheedhaan sadarkaa isaa ol kaasu malee hin hafu. Sujuuda baay’isaa.”
Sujuuda baay’isuutti kan fedhame salaata sunnaa baay’isuudha.
💖💖💖💖💖💖💖
Namni Nabiyyii صلى الله عليه وسلم wajjin saahiboomuu fedhe salaata sunnaa haa baay’isu. Rabii’aa bin Ka’ab Al-aslamiin Ergamaa Rabbii صلى الله عليه وسلم wajjin bula ture; meeshaa wuduufi waan dhimma isaanii Nabiyyiif dhiheessa ture. Akkana jedhe: Nabiyyiin (saw) “Mee waan feetu wahii na gaafadhu” naan jedhan. ‘Jannata keessatti siin saahiboomuun si kadha’n jedheen. “Kan biraa hin kadhattuu?” jedhan. ‘Innis sanuma’n jedheen. Nabiyyiin (saw) “egaa lubbuu keetiin sujuuda baay’isii na gargaari" naan jedhan.
Ergamaa Rabbiitti صلى الله عليه وسلم saahiboomuun sadarkaa jannataa irraa tokko; garuu sadarkaa wasiilaa ishee Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ittiin kophaa bahan hin dhaqqabu.
☪️☪️☪️☪️☪️☪️☪️☪️☪️☪️☪️
Nuti namoota baay’ee kan isaan dhuma ummataa malee salaataaf jecha mana Rabbii hin seenne argina. Yeroo imaamni salaata isaa raawwate immoo jalqaba nama bahuu isa argita. Isaan akka waan giimii irra taa’aaranuuti. Sunnaa salaata duraas ta’ee kan boodaa hin raawwatanu. Isaan kun sujuudiin isaan Rabbiif sujuudan hundi sadarkaa isaaniif dabalaa hin beekanu. Salaanni sunnaa waajiba supha jechuus hin beekanu. Namni salaanni waajibaa isa duraa hir’uu ta’ee sunnaa dhabe adabbii cimaa adabamaa hin beekanu.
Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم guyyaatti yoo xiqqaate sujuudi 24 akka goonu nu kakaasaniiru. “Namni halkaniifi guyyaa keessa raka’aa kudha lama salaate manneen jannata keessatti isaaf ijaarama” jedhan. Gabaasa Tirmizii keessatti Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: Raka'aan afur dura Zhuhrii, raka’aa lama booda isaa, raka’aan lama booda Maghribaa, raka’aan lama booda Ishaatiifi
raka’aan lama salaata Subhii dura.” akka ta'e ibsan.
Ummu Habiibaan (ra) ergan kana Ergamaa Rabbii صلى الله عليه وسلم irraa dhaga’ee takkumaa isaan hin dhiifne jette. Ambasaan inni hadiisa kana gabaases ergan Ummi Habiibaa irraa dhaga’ee isaan dhiisee hin beeku jedhe. Hanga dhumaatti warri gabaases akkuma kana jedhan. Atis akkuma isaan hojjatan hin hojjattuu?
Nuti hoo laata? Yaa Rabbi nuuf laaffisi.

30/07/2021

Assalaamu alayikum worahmatullaahi wobarakaatu jumaa mubarak baga woliin geenye

Address

Yemen
Jimma
GUMAA

Telephone

+967774702419

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when اسلام عليكم ورحمة الله وبركاته posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category