Muslim education

Muslim education Gorsafi du'aii

12/05/2022

I HAVE A DREAM

Hunduu ni dabara, jenneetoo labsinee
Rakkoo dhufaa darbaa, irratti obsinee
Seenaa dabaa meeqa, firra dabarsinee
Ofirra dabarree, namallee gorsinee

Waaqni haa galatoomu, ka nun saalfachiisin
Kan rakkoolee San hunda, nurra hin tursiisin
Rakkoo nurraa oofuus, kan lafannun dhiisin
Iddoo rakkoo sanaa, balloo osoo hin tahin

Rakkoo biraa fidee, kan bakka nuuf buuse
Tanaas laalaa, je'ee kan nu agarsiie
Gammachuuf qananii, kan nurraa fageyse
Gadadoolee baay'e, keysa nu dabarse

Humaa ni dabartii, jajjabaadhaa jennee
Ifuma tanteenyaaf, duratti wal hiinee
Arraan tana kunoo, akkana mudannee
Buufata rakkoodhaa, kan addunyaa taane

Dhugaadha ni dabraa, rakkoon arra jiru
Umrii teenya guutuu, ka nu waliin waaru
Rakkoo tokkoo tahee, inuma hin jiru
Garuu balloo arguun, yoomiyyuu hin jiru

Bal'oodhatti bahuuf, manaa bahuu qabna
Dedeemnee barbaannee, hojjachuudha qabna

Yokan walidhiisnee, marannee haa rafnuu
Waan feenu hunda, ciisnee haa manaamnuu
Ergas lafaa kaanee, akkas haa jennuu
" I have a dream", jennee haa dubbannu

12/05/2022

Rabbi uumaa hundaa
Yaa sirreessaa jiruu
Gabbaramaa dhugaa
Tiksaa qaamaaf tiruu

Tiksaa gabricha isaa
Yoo deemuuf yaa rafu
Yaa kan qobaa isaa
Duuniyaa gubbatti hafu

Yaaddoodhaaf gadadoo
Jiruun nun baachisin
Duunee yoo godaannus
Balaa nun nyaachisin

Jiruu fala dhabe
Sirreessi nuuf furi
Hamaadhaaf hammeenya
Ati nurraa furi

Jiruun nuuf mijatee
Argachuu isa dhabne
Ati nuuf taasisi
Xumuruu isa qabne

Jiruufi jireenya hundaa
Rabbi nuuf mijeessi
Gaafa asii goddaannus
Milkiin nu milkeessi

Kan lubbuun koo tokkittiin
Harka keetii qabduu
Daandiitti qajeelchiin
Hin taasisiniin dabduu

Yaa argaa waa maraa
Nuuf laali mil'uu
Yaa guutaa waa maraa
Nuuf guuti mee hir'uu

Nurraa hiiki Rabbi
Xaxaa roga maraa
Nuu fayyisi qalbii
Nu garsiisi karaa

Nurra kaas gadadoo
Kan nutti buufame
Nurraa hiiki haqi
Rakkoo isa kuufame

Nu furi yaa Rabbi
Dhibee har'aafi borii
Hongee nurraa dhorkii
Waan gaarii nuuf sorii

Nuuf godhi furmaata
Dhibee keenyaaf dhaba
Nuuf dhidhiibi ati
Qaama keenya cabaa

Mala nuuf akeekii
Nu barsiisi tooftaa
Nu hin sakaalin Rabbi
Yaa isa hundaaf gooftaa

Gaafa mala dhabne
Ati nuuf tahi kooluu
Nuuf taasisi hiree
Hamaaf fokkuu ooluu

✍️... .com

Join

01/05/2022

Eid Al-Fixriin Bara Kanaa Guyyaa Isniinaa Taha
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Halkan kana jiini Shawwaalaa waan hin mullatiniif iidni Bara kanaa Guyyaa Isniinaa tahuun beekkamee jira.

Kanaafuu Soomanni bara kanaa Guyyaa 30 Guutuudha. Yoo Rabbiin fedhe Guyyaa Alhadaa Soomana 30ffaa Soomannee Guyyaa Isniinaa iida goonaa jechuudha.

Rabbiin Salaataa fii Soomana Keessan Hunda Isinirraa haa qeebaluu.

Eid Mubarak: Warra Baranaa Kan Bara Hegeree

By: Ibsaa Dhugaa

https://www.instagram.com/ibsaashyusuf/

22/04/2022

WR WB I hoppe to all muslim a
nd we acheive to get ley latulqadr
kabajamtootaf jaaltamtoota ummata muslima rabiin ji'a rammadana kana kessati halkan milkii fi fillatama halkan leylatulqadrii saniin wal afaan isiin hafidu
Wlahi hi danda'a afaan affaan dhufee san isiin hagodhu abo rabiin nidanda'a tan isiin yadanifi ta isiin yaachiiftes rabiin ammuumatii,assumati isiinha furuu isha allaha isnii rabiitiin rabiin gabrootan isa lafawaka'u isiin hadhaqabu!!

18/04/2022

# wr wb meeqatu rabiif jecha ifnama qaba obbaleesa islama tan ati laaltefi waan ati feete rabiin siin hafadhu rakkataf miskina argite bira darbiin isiitana wahumafiin jedhee lafiiftanii laalina

Address

Jimma

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Muslim education posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The School

Send a message to Muslim education:

Shortcuts

Share

Category