Tamiru Maka

Tamiru Maka Finance | Accounting... for business owners, entrepreneurs, and students.

‎Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa, tajaajila liqii dijitaalaa  jedhamu erga eegalee waggaa sadii qofa.‎‎"Waggaa sadii keess...
12/08/2026

‎Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa, tajaajila liqii dijitaalaa jedhamu erga eegalee waggaa sadii qofa.

‎"Waggaa sadii keessatti qarshii biiliyoona 60 liqeessineerra" jedhu.

‎Kun hundi mobaayilaan yoo ta’u... wabii maleedha.

‎Gabaasni kun dhugaa taanaan... ajaa'iba. Baankiileen tokko tokko erga hundaa'anii hammana liqeessanii hin beekan.

‎Tajaajilichi namoota hayyama daldalaa qabaniif hanga qarshii 300,000tti liqeessa.

‎Addatti, dhala gadi aanaadhaan, dubartoota hayyama daldala qabaniif hanga qarshii 70,000tti liqeessa.

Tajaajila akkasii... jabeessuu qabna.

12/08/2026

‎"𝗧𝗵𝗲 𝘀𝗮𝗺𝗲 𝗴𝗼𝗼𝗱𝘀 𝗮𝗿𝗲 𝗻𝗼𝘁 𝗰𝗵𝗮𝗿𝗴𝗲𝗱 𝗩𝗔𝗧 𝘁𝘄𝗶𝗰𝗲" jedhama. Maal jechuudha?

‎Jechuun:

‎"𝗢𝗼𝗺𝗶𝘀𝗵𝗮 𝘁𝗼𝗸𝗸𝗼 𝗶𝗿𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗩𝗔𝗧 𝘆𝗲𝗿𝗼𝗼 𝗹𝗮𝗺𝗮 𝗵𝗶𝗻 𝗸𝗮𝗳𝗳𝗮𝗹𝗮𝗺𝘂" jechuun maal jechuudha? Akkamitti?

‎Duraan dursee, VAT kan kaffalu daldalaa miti... fayyadamaatu kaffala.

‎Akkana haa jennu:

‎Ati daldalaadha.

‎Ati hojiin kee daldalaa biraa irraa bittee, fayyadamtootatti kallattiidhan gurguruudha.

‎Meeshaa tokko qarshii 100n bitte haa jennu. VAT waliin qarshii 115 kaffalte.

‎Kana jechuun meeshaa kana irratti VAT kaffalameera—situ kaffalte.

‎"Daldalaan VAT hin kaffalu," hin jennee?

‎Na dhaggeeffadhukaa dura😃.

‎Maamilli kee dhufee... meeshaa kana qarshii 150n sirraa bite. VAT 15% itti dabalee, walumaagalatti qarshii 172.5 siif kaffale.

‎Kana keessatti:

‎ Ati yeroo meeshaa kana bittu qarshii 15 VAT kaffalte ture. Kun 𝗜𝗻𝗽𝘂𝘁 𝗩𝗔𝗧 jedhama.

‎ Maamilli kee yeroo meeshaa kana sirraa bitu qarshii 22.5 VAT siif kaffale. Kun 𝗢𝘂𝘁𝗽𝘂𝘁 𝗩𝗔𝗧 jedhama.

‎Kanaaf, 𝗢𝘂𝘁𝗽𝘂𝘁 𝗩𝗔𝗧 maamilli kee kaffale (qarshii 22.5) irraa 𝗜𝗻𝗽𝘂𝘁 𝗩𝗔𝗧 ati duraan kaffalte (qarshii 15) hir'ista. Jechuun:

‎22.5 − 15 = 7.5

‎Kana jechuun qarshii 7.5 qofa mootummaaf galchita. Qarshiin kun 𝗩𝗔𝗧 𝗣𝗮𝘆𝗮𝗯𝗹𝗲 jedhama.

‎VAT ati kaffalte qarshiin 15 siif deebi'eera. Kan irraa hafe (qarshii 7.5 qofa) mootummaaf galchita.

‎Kanaaf, meeshaa tokko karaa daldaltootaa adda addaa darbuun isaa VAT yeroo lama hin kaffalchiisu.

‎VAT duraan kaffalame tilmaama keessa galchuun, garaagarummaan isaa qofa mootummaaf galfama.

‎Kanuma.

‎Telegram Channel 👉 https://t.me/BusinessAcadamy

Hojiin mootummaa ijoon uummata tiksuudha. Iddoo hin danda'amnetti immoo hawaasichi hidhatee diina akka ofirraa ittisu tu...
11/08/2026

Hojiin mootummaa ijoon uummata tiksuudha. Iddoo hin danda'amnetti immoo hawaasichi hidhatee diina akka ofirraa ittisu tumsuu qaba.

11/08/2026

Walmorkiitu balbala banaatti hambisee bineensa nunyaachise!

“Sa’aa abbaan gaafa cabse, ormi ija balleessa” jechuu sana qabatamaan argaa jirra. Osoo nuti walkabajnee, osoo nuti fedhii dhuunfaa keenya dhiifnee fedhii waloo/uummataa dursinee boo’ichiifi gaddi guyyaa guyyaan qe’ee uummata keenyaa hin weeraru ture. Qooda xiyya waraansaa walitti taanu, osoo Gaachana waliif taanee alagaan nutti hin roorroftu ture. “Karaa Sareen baafteen Waraabessi mooraa seena jechuunis dhugaadha. Karaa nuti wal cabsineen alagaanis nucabsuuf tattaafataa jirra.

Wallagga Bahaa, Angar Guuteetti wanti ta’aa jirus kanuma. Uummata keenyaaf xiyyeeffannoon haa kennamu. Yaa Oromoo, walmalee fira hin qabdu silaa. Quba wal qabaadhu, waliif birmadhu!

11/08/2026

‎𝗬𝗼𝘂𝗧𝘂𝗯𝗲 irratti guddachuu yoo feete, 𝗟𝗶𝗻𝗸 isaa 𝗙𝗮𝗰𝗲𝗯𝗼𝗼𝗸 irratti hin maxxansin. Achumatti cimii hojjedhu.

‎Yookaan 𝗟𝗶𝗻𝗸 qoodurra:

‎Namni fedhe 𝘀𝗲𝗮𝗿𝗰𝗵 godhee akka si argatuuf maqaa 𝗬𝗼𝘂𝗧𝘂𝗯𝗲 kee ykn 𝘁𝗶𝘁𝗹𝗲 viidiyoo kee qoodi.

‎Kuni 𝗬𝗼𝘂𝗧𝘂𝗯𝗲 𝗖𝗵𝗮𝗻𝗻𝗲𝗹 kee fi 𝗮𝗹𝗴𝗼𝗿𝗶𝘁𝗵𝗺 sirriitti wal barsiisa.

‎Namni tokko tokko 𝗟𝗶𝗶𝗻𝗸𝗶𝗶 𝗬𝗼𝘂𝗧𝘂𝗯𝗲 isaa as 𝗙𝗮𝗰𝗲𝗯𝗼𝗼𝗸irra fidee, "Maaloo dhaqaa naaf ilaalaa" jedha.

‎Karaa biraatiin, 𝗬𝗼𝘂𝗧𝘂𝗯𝗲 kee ajjeesaa jirta jechuudha, keessumaa nama reefuu gara 𝗬𝗼𝘂𝗧𝘂𝗯𝗲 dhufe abdii kutachiisa.

‎Sababni isaa, 𝗮𝗹𝗴𝗼𝗿𝗶𝘁𝗵𝗺 𝗬𝗼𝘂𝗧𝘂𝗯𝗲 namoota karaa 𝗟𝗶𝗻𝗸 dhufan ykn 𝗲𝘅𝘁𝗲𝗿𝗻𝗮𝗹 𝘁𝗿𝗮𝗳𝗳𝗶𝗰 sirriitti beeka; akka 𝗲𝗻𝗴𝗮𝗴𝗲𝗺𝗲𝗻𝘁ti hin lakkaa'u.

‎Kana taanan 𝗮𝗹𝗴𝗼𝗿𝗶𝘁𝗵𝗺 isaanii 𝗶𝗴𝗻𝗼𝗿𝗲 si godha, viidiyoo kee 𝘀𝘂𝗴𝗴𝗲𝘀𝘁 gochuu ni hir'isa ykn ni dhaaba.

‎Maal na dhibehoo? 😄

Telegram Jawaar kun 𝘃𝗲𝗿𝗶𝗳𝗶𝗲𝗱 ta'e. Kan koo immoo 𝗽𝗿𝗲𝗺𝗶𝘂𝗺 ta'e.Garaagarummaa isaanii?Kan Jawaar:Toluma kennameef. Akka is...
11/08/2026

Telegram Jawaar kun 𝘃𝗲𝗿𝗶𝗳𝗶𝗲𝗱 ta'e. Kan koo immoo 𝗽𝗿𝗲𝗺𝗶𝘂𝗺 ta'e.

Garaagarummaa isaanii?

Kan Jawaar:

Toluma kennameef. Akka isaatti tola argachuuf, yoo xiqqaate miidiyaa hawaasaa lama (fakkeenyaaf, 𝗙𝗮𝗰𝗲𝗯𝗼𝗼𝗸 fi 𝗫) kan 𝘃𝗲𝗿𝗶𝗳𝗶𝗲𝗱 ta'e qabaachuu qabda.

𝗩𝗲𝗿𝗶𝗳𝗶𝗲𝗱 bira kan darbe tajaajila addaa hin argatu.

Kiyya hoo?

Kiyya immoo 𝗽𝗿𝗲𝗺𝗶𝘂𝗺dha. Maallaqan itti kaffale. Tajaajiloota 𝗧𝗲𝗹𝗲𝗴𝗿𝗮𝗺 kennu hunda nan argadha; 𝗹𝗶𝗺𝗶𝘁𝗲𝗱 miti.

𝗣𝗿𝗲𝗺𝗶𝘂𝗺 tajaajila addaa maal qaba?
Gaaffii gaariidha.

Faayila 𝗱𝗼𝘄𝗻𝗹𝗼𝗮𝗱 ykn 𝘂𝗽𝗹𝗼𝗮𝗱 gochuuf si hin tursiisu... dafee raawwata.

𝗦𝘁𝗶𝗰𝗸𝗲𝗿 gosa barbaadde fayyadamuu dandeessa; yoo feete kan mataa keetii uumuu dandeessa.

𝗦𝘁𝗼𝗿𝗶𝗲𝘀 irratti hamma feete maxxansuu dandeessa (akkuma beekamu, 𝗳𝗿𝗲𝗲 𝗽𝗹𝗮𝗻 irratti hamma feete maxxansuu hin dandeessu; daangeffamaadha).

𝗔𝗰𝗰𝗼𝘂𝗻𝘁 afurii ol banuu dandeessa (𝗳𝗿𝗲𝗲 𝗽𝗹𝗮𝗻 irratti 3 qofatu hayyamama).

Daldala yoo qabaatte, 𝗹𝗼𝗰𝗮𝘁𝗶𝗼𝗻 kee qooduu dandeessa. Maamilli kee yeroo hojiirra jirtu fi yeroo hin jirre akka beekan gochuu dandeessa. Maamiltoonni kee gaaffii yoo gaafatan, deeggarsa kee malee deebii akka argatan gochuu dandeessa (tajaajila 𝗰𝗵𝗮𝘁𝗯𝗼𝘁 bakka kee bu'ee haasa'u argatta).

𝗟𝗮𝘀𝘁 𝘀𝗲𝗲𝗻 fi 𝗿𝗲𝗮𝗱 irratti... ati kan isaanii arguu dandeessa; kee immoo dhoksuu dandeessa (akkuma beekamu, 𝗳𝗿𝗲𝗲 𝗽𝗹𝗮𝗻 irratti 𝗹𝗮𝘀𝘁 𝘀𝗲𝗲𝗻 yoo cufte, atis kan isaanii hin argitu).

Sagalee gara barreeffamaatti jijjiiruu dandeessa.

Barreeffama hunda gara Afaan feetutti 𝘁𝗿𝗮𝗻𝘀𝗹𝗮𝘁𝗲 gochuu dandeessa.

𝗘𝗺𝗼𝗷𝗶 daangaa hin qabne fayyadamuu dandeessa.

𝗣𝗿𝗼𝗳𝗶𝗹𝗲 kee irratti 𝗯𝗮𝗱𝗴𝗲 feete gochuu dandeessa.

Namni 𝗺𝗲𝘀𝘀𝗮𝗴𝗲 siif erguuf akka kaffalu gochuu dandeessa.

Beeksisa ykn 𝗮𝗱𝘀 𝗧𝗲𝗹𝗲𝗴𝗿𝗮𝗺 irratti darbu hin argitu... si hin jeequ.

Barreeffama yeroo barreessitu... 𝘁𝗮𝗯𝗹𝗲, 𝗺𝗮𝘁𝗵𝗲𝗺𝗮𝘁𝗶𝗰𝗮𝗹 𝗲𝗾𝘂𝗮𝘁𝗶𝗼𝗻 fi kkf bifa bareedaa ta'een uumuu dandeessa. . . .
... tajaajiloota kkf baay'ee argachuu dandeessa.

11/08/2026

‎Which tool can humanize AI-generated text? Humanizer.ai? 😃

‎How can AI itself "humanize" AI-generated text? It is basically garbage in, garbage out.

‎The only real humanizer for AI-generated text is you, the human. 😃

‎But, for us, non-native, it may difficult. 🥲

‎Most "AI humanizer" tools are just selling us a promise. Paid or free, don't expect magic. And yes, your "humanized" text can still be flagged by Turnitin.

11/08/2026

People are putting their photos on their resumes. But honestly, who cares about your picture—the recruiter? 😃

10/08/2026

Someone asked why so many AI tools start with the letter “C.” 😄

Look at this list:

• ChatGPT
• Claude
• Copilot
• Character.AI
• Canva AI
• Cursor
• Codeium
• Cohere
• Copy.ai
• Consensus
• CapCut AI
• Craiyon
• Cici

What’s the secret behind the letter “C”? 🤔😂

Address

Jimma

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Tamiru Maka posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category