04/11/2025
Warra Dirree Dhawaan teenya ju’uun mormuun hin feesisu.
Ummanni somaleetii fii lafti isaan himataniis irra caalaan tan oromootii.
Fakkeenyaaf ummanni Hawwiyyaa obbolleeyyaan keenya Ilmaan Afran Qalloo, ilmaan Baabilee kan Afaan oromoo jalaa badee Afaan Somaalee dubbatu. Ummanni Akkichuu guutuun oromoodha isaaniis warruma dhawaataan Afaan oromoo jalaa badee Afaan Somaalee haasawu. Jaarsoo fii Anniyyalleen lakkooysaan hedduutu Afaan Somaalee haasawa.
Lafa Somaaliyaa ja’amtu tana irra guddinaan kan qubatu jara keenya kana. Wanni dura godhuu qabnu yoo jiraatte…. Ummata keenya kan if-wallaalee garas gore kana as deebisuudha. Yoo lafa guddoo tana dhiifnee Dirree Dhawaa qofa jenne lafa hafte irraa abdii murachuu keenya garsiisaa jirra jechuudha.
Fakkeenyaaf Jijjiiga bara 1993 waan Godeen halaala jirtuu fii karaa hin qabneef akka yeroof magaalaa guddiittii Naannoo somaalee taatu mootummaa naannoo Oromiyaa gaafatanii hayyamameef. Yeroo sanitti kan hayyameef prezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Hassan Ali ti ture. Amma garuu Jijjiigaan dagatamteeti akkuma qaama naannoo Somaaleeti laalamaa jirti.
Warrii naannoo Oromiyaa bulchaa jiru kan ammaa Jijjiiga lafa oromoo tahuu waan hubatan natti hin fakkaatu…
Let’s look at the bigger picture jarana.
Ajandaa Jijjiigaa kaasuu yeroon isii amma.