United oromia UO

United oromia UO Hundeen keenya kush sabin Keenya Oromoo biyyi keenya Oromiyaa Oromoon abbaa Biyya

01/02/2023

Jaalalti halaalaa Tamsaasa Qalbiiti Hiriyaan dhugaadhaa Badhaasa Rabbiiti Rabbin isiniif haa kennu hiriyaa Gaari #❤💚❤🌹✅
Amiiiiiiiiiiin jedhi ✅

15/01/2023

Nama hiriyyummaa hin hubannee gonkumaa hiriyaa hin godhatin👈

12/01/2023

Hubaadhu
Jijjiiramuudhaaf Karoora Qabaadhu Waan yaadeef bakka yaade san Gahuuf garuu Rabbi kee kadhadhu

MAMMAAKSA OROMOO!!!!Hadhooftuun utuuma hadhooftu liqimsan!Maqaa jijjiirratu malee fuulan jijjiirata!Maqaa jijjiirratanii...
09/01/2023

MAMMAAKSA OROMOO!!!!
Hadhooftuun utuuma hadhooftu liqimsan!
Maqaa jijjiirratu malee fuulan jijjiirata!
Maqaa jijjiirrataniif fuulli hin jijjiiramu!
Garaa nyaattoo nama doobbiitti badan gurra muran jedhu!
Ija fagoottin argine kanuma ofkeessaa basani!
Dubartiin naman murattuuf dhiira muudan jedhu!
Maanguddoon tokko du'uurra kitaabni guuboon tokko gubachuu wayya jedha Oromoon!
Jiruun tole harma kufe kaasa!
Utuu argani bofa harkaan hin qabani!
Of argisiisa sareen soroobbaa deemti!
Ulfinni sareef ijoollee ollaa balleessa!
Utuun dhukkubaaf hunduu gaabbiin quba nyaata!
Kan buddeen ajjeese madaasaan argan!
Buddeenni gooftaa dhiiraati jedha Oromoon!
Tortortuun farsoo naqnaan; samtuun areerraa dhaqxee, raqxuun kajeellaa dhaqxe jedhu!
Abiddi boba kaa'atan abbaama guba!
Iji gamna dura boossi!
Dhirti laman dhahamtu!
Ija hidhadhu singowwomsa jedha gowwaan ofii gowwoome!
Kombortaa ormi naman batu abbaatu badhata.
Iji qaroon fagootti arga!
Leenci Leenca dhala Malee Waraabeessa dhalee hin beeku!
Mukti tokko,ni aaraa malee qofaa hin boba'u!
"Tika didaan dhiyaana dida."Jedhaan!
"Itti himne yoo dhageesee, itti kennine yoo olkeesee."Jedhee Oromoon!
Ijoolleen farsoo dhugdee baranni Bar-dheengaddaa itti fakkaata!
Rakkinni xiiqii fi booree horti!
Roorroon hammaate bakka taa'umsaa fi ciisichaa dhowwatee nama kaasa!
"Harka xurii fi Akka duriitti hin hafan" jedha oromoon yeroo mammaaku!
"Gosaan galaa jennaan,Itilleen Looniitti galte"
Cheh! Jennaan Harree hundaatu gurra dhaaba.
Ilkeen Waraabeessaa jalaan walitti qaaha.
Beekaa waamaa jennaan Niitiin dhiirsa waamte.
“Bofaan bofa jettus, kabajamo jettus si hidduu hin dhiisu!
Qurxummiichi gaafa ballinaan sochii eegaluu Raachii ni raafamti!
Abbaan haqaa yoo callise,abbaan irree humna baasa!
Sangaan yoo barri itti hammaatu loowwaan keessatti ripha; yoo margi itti tolu loowwaan keessaa bayee barooda!
Harka hin barsiisin, barsiistu hin dhowatin jedhan!
"Harka natti deeffadha" jedhe kan durooma barbaacha biyyaa ba'ee hiyyoomate gale!
Kan dubbii qoree hin beekne, dubbii gara qabduuf gaara baasee gala!
Dubbiin garaa dubbii gaarati!
Bakka humni hin jirre rakkoonis hin jiru!
Waan qalbiin qulqulleesse iji hin xureessu!
Kan nagaa qabutu nagaa fedha!
Lagarraani galan laga galtu!
Maqaan boollaa oli
Sareen inuma dutti, gaallis inuma deema!
Jabaan jabaate ofkabachihsa!
Jabaatan lolatani kabajaan jiraatu, laaffatan tuffatamani dhiitama jiraatu!
Laafaa hundatu abaara!
Waan isaaf malu abbaatu beekkata!
Sareen bakka nyaattuu dutti.
Saree mana lamaa nyaattu jidduutti bineensi nyaata!
Waanti ta'u qoodaaf ta'a!
Hireen ayyaanuma!
Hireen qooduma!
Hawwanii dhabuun farra!
Qalbiin gowwa sesseeqarratti kufti!
Raree basuu jabaan duuloo baase!
Duuloo malkaa balballeettiin olka'a!
Raree fuudhee jaartii rafte kaase!
Ofii gogee gogeessaan goollise!
Guutuu abbaa dhiibe haadhatu irraa hiika!
Muka namatti jige lammiitu namarraa kaasa!
Nama nama jala kufe marii firaatu kaasa!
Teessumni hirkoon qabne duubaan kuffa!
Du'a sodaaf gurbaan obboleessa qaba jedhu!
Ofiin roobe simagarsee mana seenuu nadhowwita yaacitaa jedhe bokkaan!
Yoo dhugaan bakkatti hin deebine, nagaan bakkatti hin deebi'u!
Kan naman galateeffanne Waaqan galateeffatu!
Dhugaafi biiftuun turtee ifte argamti!
Kiyyeessituun Qurxummii baasaatti jawwee baafti!
Naqabaa gadnadhiisaan kan ofballeessu!
Gaafa xiiqii lubbuutu naman marartu!
Kan dubbachuuf hamileen qabne, isa dubbachuuf hamilee qabu hamata!
Abbaan haqaa hamilee cimaa qaba!
Kan haqa qabutu hamilee qaba!
Namni gaara guddaa darbe gaara xiqqoo hin sodaatu!
Haqa dhokatte guyyaatu baasa!
Oromoo wal garsisaan malee wal hin barsisaan
Lubbuu dheeta jedhee wanni anii fuudhe takka harka na hin buune
Bara hamma,hammaatti irree(Aangoo) qaba
Daandii harree baafadhii ta gaala na gaafadhii
Dhugaa waa’elii Waaqa cubbuu waa'elii nama Adii
Arrabii ilkaan jidduu beeka gostii isaa daallee
Dabeessi(Daafanani) waa'elli hin qabuu namuma humna qabuu jaalata
Maqaa irra jijjiirani guddayoo lafa isa gubbaatti maqaan dhokatee Oromoo tuuta Kaniisa!
Namni marii qabu falan dhabu!
Kan gootni alatti ta'u dabeessi golatti ta'a!
Gootummaan goota alatti!
Dabeessi manatti goota!
Kan duulaa hin jerretu falfalaf jira jedhan!
Waan lafa waa'ee lafeeti!
Lafa dhugaan hin jirre nagaan hin jiru!
Lafti Oromoo yoo Oromoof hin taane alagaaf hin ta'u!
Na haabaasuun naman baasu!
Hamaaf tolaa abbaatu addaan baafata!
Waanuma irra facaafatan namaa biqilchi dacheen!
Imaanaa nyaatan seenaan nama gaafata!
Imaanaa hin nyaatan, sanyii hinakaa'an!
Imaanaa hin nyaatan sheeshee hin facaasan!
Kan lafee abbaa nyaate ilmi arrabsa!
Aaddiyyoon kansaa urguba!
Miidhagaan kansaa hambura!
Akka dhiiraa dhalatanii akka sareen nyaatan!
~ "Nyaannee dhuufuu miti; heerumnee quufuu dadhabne" jette jaartiin
~ Dubartii fi Qawwee abbuma bira jirutu dhukaasa!
~ Dhiirrii fi sareen bakkuma itti ho'e bulti.
~ "Na jiisuuf taanaan itti hin dhiibini, garaa Na ciibsuuf taanaan irraa alatti hin dhiisini" jette niitiin sanyoo haaraa baafattee
~ "Wal balleessinee addaan nu qabaa!" Jedhe sodaataan!
~ Qe'ee abbaan hin jirre tisiisni irratti walgeessi.
~ Bishaan mixiin lagaa waraabde jaldeessi qaama ittiin dhiqata.
~ Re'ee amala hin qabneef hidhaa hin dheeressani.
~ Harka mirgaa kutuun harka bitaa darbannaa barsiisuu dha.
~ Waraabessi soddummaa harree barbaaduun akka hin beelofneefi.
~ Kan haati boo'aa guddifatte haati biddeenaa boo'aa biddeen kennitiif.
~Tisisni noorii barte booda "harka na dhiqachiisaa" jetti.
~ Walgahiin saree xumurri isaa kajeellaa dha
~ "Dubara maaliin gowwoomsu?" jennaan , "Q*n**rroo fi qorqorroon" jedhe jaarsi.
~ "Anuu hin fayyuu hanga yoomitti na hiitan?" jette maraatuun.
~ "Aannan gaalaa dhugdus dhuguu baattus ni duuta " jennaaniin, gowwaan afaanitti qabatee du'e jedhan.
~ Kan ulfina didde, ulfaan loon tiksiti.
~ "Maali intalaa koo yoo dhabde hin galtuu" jette jaartiin ilmoo hannatti ergatte eegdee dadhabnaan.
Jabaan miixate Jabaa dhalcha!
Baraaf furguggee gad jedhani dabarsu jennaan daafanaan gad ciisee ka'uu dide jedha Oromoon
Bultii qawwee qawwituutu diiga jedhan!
Hoomaa girrisaa mannaa tokkicha risaa wayya!
Manni eenyuu badee manni eenyuu tola walqabatee qilee lixa male!
Marii xiqqoon dubbii guddaa fura!
Kan mariin qabne raada baase, kan marii qabu dibicha baasa jedhan!
Har'a dhalee gaalli gale!
Garaa dhalaaf horiin gala!
Sirna ga'aaf harri ga'e!
Waaqni fulaa sibaninnaa, ayyoon ormaa sina'inna!
Ulee dansaan harka waaqaati!
Sayyuu dansaan haguma aayyoo!
Sayyuun hammaate nyaapha nyaanyoo!
Muudni kallacha muudan!
Muuda kaayyoo muudu!
Nama dubbiin nama dhibe calleessaan dhibu jedha Oromoon!
Gadheef sareen bakkuma itti tole bulti!
Sunsuma abidda bira qabbana maalitu jira!
Bashaan akkan qabne waan beekuuf dhagaarra utaala jedhan!
Kan yaasaan qabne ya'aa gaafata!
Abbabbaa jette kan muraa dhowwatte!
Warri badellee yaagalee jennaan eeyyee yoo walitti gale jedhe!
Okkoteen kan jaartetu waami'eessa!
Dubartiin inaaffaaf ceeti!
Danda'an tulluu ta'an, dadhaban tulluutti bu'an!
Afaanni cufaan qabne cufarra marmaara!
Nama biratti nyaadhuu saree biratti diddigi jedhan!
Kan olii dhufu bokkaa malee dansaan hin jiru jedha Gujiin!
Namni hidhii xuuxuu bare hoomaan godhu!
Dabeessi dheessuu bare waa arginaan dheesse!
Dabeessi fagoorraan sodaata!
Goota lubbuun hin mararu!
Namni waan afaaniin hin laganne, harkaan hin lagatu!
Namni waan afaaniin hin laganne, hojiin hin lagatu
Kan arrabaan nama diruuf kan billaan nama diru tokko!
Waan qarri qabu qarqarri qaba!
Waan hayyuun qabu makkalli qaba!
Gadaan sagal geesse salgii marti jedha Oromoon!
Baran barruu argu!
Namni gaarii yaadu yoomiyyuu hinkufu!
Namni xaxaa qabu xaxaan dhabu!
Jirraaf as jirra jedhe Jaal Marroon!
Sareen waggaa 3 nyaachisan waggaa 3tti nama yaadatti jedha Oromoon!
Namni waggaa sadii nyaachisan guyyaa sadi'itti nama dagata jedha Oromoon!
Ollaan galata bade ollaa wolbage!
Kan gubate arge abiddan tuffatu!
Qabda hinjenne qaladhu jette jedhan!
Guddaan gurdaan qabne daa'ima!
Garaa arrii male mataa arriin abdatan!
Nama hin dhowatan hindhokfatan!
Dubbii manan dha'an jedha Oromoon!
Mataan deegaaf deeyye abbaa dura deema jedhan!
Kan taa'ee ergatuuf ergamtuun rakkoon qabdu!
Gaariin yaadannoo yeroo maraati!
Gaarii gaariitu barbaada!
Gaariif gaarii kennu!
Gaariirraa gaarii argatu!
Gaarii gaarummaan himu!
Gaarii gaarummaan beeku!
Gaariitu gaarii yaada!
Hiixeen hiixee beekti!
Bishaan bona nama baase ganna tuffatu jedhan!
Madaan qaamaa tokko, kan qaama guutuuti!
Kan maqaa nama balleessu, nyaachisanii quubsaniis maqaa nama balleessa!
Waan hamtuun waan qalbiin didde!
Dhabni garaa dhalaa dhalatti jabeessa!
Garbummaa fi Durbummaa Qeerroo qofatu balleessa!
Namni waa argu malee waan jedhu!
Waan barri godhe baratu gingilcha!
Biriif jedhani booruu dhugu!
Boo'ani bor hin oolchan!
Kaxiqqoon qabde guddoon gaara basti!
Daalleen duubbii aada!
Qaroon arrabarra!
Quubsaan gara waaqaati!
Ittinin taphatan durbi sagaleedha!
Kan gowwaan bilcheesu gamni nyaata jedhu!
Dafanaan loon obboleessaa silmii nyaachise doomaa dhaale jedhan!
Dugda hin dhungatan, hunda hin dubatanin!
Durbaa fi jiboota garaa gogaa leenjisu!
Iyyuuf bakkeen naguma, dhiisuuf laphee na guba!
Dhuufuun waliin marii'atani dhuufan hin ajooftu!
Diimina haaduun nyaatu, diimaa arrabaan nyaatu!
Dinnichi bakka gobbitetti hordaa cabsiti!
Donnaa fi garbuu shukkuumani nyaatu!
Du'aan dhuufaa jennaan kan bokoke gaafadhu jedhe!
Dubbii baha hin dhowwan galma male!
Dubbii jaarsaa ganama didanii galgala itti deebi'an!
Duulli biyyaa wajjini godaansa!
Fagaatan malee minyaa'aa biyyaa hin beekan!
Fardaa qofaa fiiguu fi nama qofaa himatu hin amanin!
Firri gara firaa jennaan kalleen gara loonii jette!
Foon lakkaa'i jennaan rajiijiin tokko jedhe!
Fokkisaan nama qabata malee naman kadhatu!
Fuula natolchi beekumsi ollaa irraa argamaa jette intalli!
Gaangeen Abbaan kee eenyu jennaan eessummi koo farda jette!
Gaangeen haada kutte jennaan ofitti jabeessite jadhani!
Gabaan fira dhaba malee nama dhabiinsa hin iyyitu!
Gaalli yoom badde jennaan gaafa morma dheeratte badde jedhan!
Gama sanaa garbuun biile (asheete) jennaan warra sodaanne malee yoom argaa dhabne jedhe jaldeessi!
Gamna gowwoomsuun jibba dabalachuudha!
Ganamaan bahani waaqa jalaa hin bahani!
Garaa dhiibuurra miilla dhiibuu wayya!
Garbittii lubbuuf oliif gadi kaattu warri qophinaaf se'u!
Jaalalli allaattii gara raaqaatti nama geessa!
Jaalalli jaldeessaa gara qileetti nama geessa!
Gaashatti dhuufuun daalattiidha!
Gola waaqni itti nama hidhe lookoo malee ijaajju!
Goomattuuf goommanni hin margu!
Gowwaa wajjin hin haasa'in bakka maleetti sitti odeessa, karaa jaldeessaa hin hordofin allayyaatti nama geessa!
Gowwaan badiisaarraa barata, gamni badii gowwaarraa barata!
Gowwaan gaafa deege nagada!
Guulaa hin bitin jiilaa biti!
Haadha yoo garaa beekan intala jalaa qaban!
Halagaa ilkaan adii, halangaa isaa sadii!
Hanqaaquu keessa huuba barbaada!
Haati ballaa ykn suuloo yaa bakkalcha koo jetti!
Haa hafuun biyya abbaa ofiitti nama hambisa!
Haati kee bareeddii jennaan, karaa kana dhiftii eegi jedhe!
Habbuuqqaa guddinaaf hin quufan!
Hagu dhiba jettee sareen foksoo nyaattee!
Harka namaatiin abidda qabaa hin sodaatan!

106

Dubbiin dubbii fida, mammaaksi dubbii fixa!
Daalun xaraan kaanu tara!
Akka dida'aa fi akka didanaatti nagalchi!
Makkitu malee makkaa hin hajjan!
Ana bakki na dhukkubu as miti maraafuu bakkuma gooftaan kiyya jedhe sana kooba jette bookeen!
Osoo dhukkubsataan jiru fayyaalessi du'a!
Soddaa fi damma hin duudhatan!
An ofiif hin jennee mucaan keessan ka angafaa fuudha hin geenyee jette intalli mucaa kajeelte!
Har'allee moo jette haati ijoolleen beelofne jennaan isheen bakka cidhaati waan quuftee galteef!
Ati baldi ta dhiirsa ka'imaa jette intalti abbaan manaa ishii jaarsaa!
Akka aadaa keenyaa gaara gubbaa baanee teenya jette harmi dubartoota!
Wal akkeessee ollaan marqaa balleesse jette intalli ofiin bultuun!
Mucaa deenya malee mucaa hin geenyu jette intalli of tuffatte!
Akka beekutti dhalaa ykn dahaa na dhiisaa jette intalli harka diddu!
Intalli ariifattuun haadha ciniinsuu barsiisti!
Kaanittuu abbaa argadhu jette haati intalaan!
Kana muraniii kamiin fincaa'an jette haati manaa abbaan manaa ofirraan mura jennaan!
Bakka dhiiganii hin fiigani!
Takkattii qayyannee taduraa hanqanne!
Takkaa qayyannee lukaa gubannee!

314

Hiriyaan galaa jiruuti!
Gamni dubartii yoo baate ilmeen baati, garuu daalleen ilmee gattee baati!
kennaan haga abbaa kennuuti malee Haga abbaa fudhatu miti jedha Oromoon!
Horiin abbaa malee abbeeraan qabu!
Guddoon yarate dhiittaan dhabu!
Bulchaan lafa waan muudantu kaayyoo qaba!
Eebba jaarsaa jaartii dhaba, reebanillee maaltu qaqqaba!
Waan xiqqaa guddaan itti walii gale bulchaan kaayyoo qaba!
Namni cimaan kan gaafa rakkoo qoosuu fi kolfuu danda'u jedha Oromoon!
Yeroon kolfaan dabarsan yeroo waaqaan dabarsan!
Akkuma qaamaaf samunaan jiru sammuuf qoosaatu jira!
Lafa nadhukkubu natu beekaa lafa gooftaan koo jedhan nakoobaa jette garbittiin!
Mana daboon shantamni ijaare lukkuun shan diigdi
Mana cufaa hin qabne fi niitii abbaa manaa hin qabne namuu hin kabaju.
Mana hormaa bareedarra godoo ofii wayya.
Manaa yoo tole alaas tola.
Mana warra heetoo balballi banaa bula.
Mana dooluutti qubni tokko qananiidha.
Mana durbi sadii jirtu dhadhaan hin barakatu.
Mana eegaan bara eega jette jaartiin.
Mana eegi jennaan mana balleessite sareen.
Mana ganna dhufuuf ijaaru malee kan darbeef hin ijaaran.
Manakee ilaalii mana kiyya saami jedhe jaarsi.
Mana honaa mannaa niitii hontuu wayya.
Mana karaarraa keessummaatu itti baay'ata.
Mana jibbanitti kosii haru.
Mana hantuutatti biqila mana sareetti teepha hin argan.
Mana hin bulle hin galgaleessan.
Mana gubanii ala buluudha jette maraatuun.
Mana abbaan bule bultii dhaqu.
Mana abbaan gube birmannaan cidiidha.
Mana abbaan waggaa tokko keessa taa'e keessummaan halkan tokko dadhaba.
Mana isa keessaa fi dhaqna isa keessaa abbaatu beeka.
Manatti hafteerra heerumtee galteetu irra maqaa qaba.
Nama Rabbiin rakkoof fedhe abjuunillee dhaguma guura.
Bara jattee lukkuun harree dhiitte.
"kan na ajjeeserra kan na shukkuumeetu naaf godhe" jatte Tafkiin
Kan damma jaalatu kanniisa hin sodaatu.
"Maali Fardi ni maraatee?” jedhe waraabeessi ari’ee dadhabnaan.
Dhukkuba Lukkuutiif Sangaa hin qalan.
Yaa marqaa si afuufuun si liqimsuufi.
“Osoo wajjiin gallee hoolaa, walii qallee” jette jeedalli sareen.
“Aartu qotadhu” jedhe namichi saree biddeen dhoowwatee.
“Fardaa fi harree okaa itti haamu; ana qacceen dhoqqeetti gadi dhaanu” jedhe qottiyyoon.
“Way anaa gaafa dur” jette cirriin fardarraa kuftee.
“Dhabaaf malee fooniif nu uume” jette sareen.
“Nyaadhee sifixuu dadhabus, haadhee siballeessuu hin dadhabu" jette lukkuun.
“Waan jaalatan nyaatanii waan jibban namaa kennani” jedhe waraabeessi.
Harreen yeroo alaaktu malee yeroo dhudhuuftu hinbeektu!
“Oduuf na qalani” jette lukkuun.
Haati mixmixxaa kiyyumaatu guba jetti!
“Bagan si’arge” jennaan,” bagan si hin dhokatin “jedhe hattuun abbaa manaatiin
Bishaan mixiin lagaa waraabdeen jaldeessi qaama ittiin dhiqata.
Re'ee amala hin qabneef hidhaa hin dheeresaniif
nni waraane yoo irraanfate inni waraaname gonkuma hin irraanfatu
Hiddaa fi hiddiin tokkoo miti
Kalee fi Kaleen tokkoo miti
Harka mirgaa kutuun harka bitaa darbannaa barsiisuudha
waraabessi soddummaa harree barbaaduun akka beelofneefi
Kan haati boo'aa guddifatte haati biddeenaa boo'aa biddeen kennitiif
Walgahiin saree duruu kajeella dha
Baalli geshoof baalli jimaa walfakkaatus kan farsoof oolu garuu baala geshooti
Muka ol guddate fiixee muruun jirma lafa jalatti gabbisuu dha
Namni ollaa waraabessaa jiru homaa hin kajeelu
Bishaan sareen waraabde sarumatu dhuga
Of ajjeesen oole jedhe gowwaan of fannisuuf dhaqee
Of tuuluun nama ofirratti tuuluudha
Leenci har'a beela'e boru saree kajeelchisuu hin dhiisu
Namni dukkana beekee kessa deemu ibsaa isa hin barbachiisu
Gatii ibiddi na gubeef bishaan irratti naquun na qabbaneessa malee na hin fayyisu
Qaama ofii keessa kan jibban hin qaban
Seenaa dhugaa fi lafti dhagaa nama jalaa hin badu
Sanyiin gootaa gotuma
Firri firuma alagaan alaguma
Na gargaarin hattuu na jalaa fudhuu badii dha
seenaan kee hojii keeti
Amanamummaan santima tokko irraa jalqaba
Kan dacheen baatu homtuu hin baatu
Arrabni xiqqoo hin qabdu
Gowwaan hundaan lola
Goota faarsuun gotummaa irraa horachuufi
Shamarree fuula bareedduurra shamarree yaada bareedduutu caala
Tisisni noori barte, na dhiqachiisaa jechuun ishii wan hin olle.
Saba Gamtaa qabu, mataan Gadi hin Cabu!
Wayyaneen nurraa gallaan, goobanaan ka'e bolla!
Addunyaan hamii nama galata hin laatu!
Addunyaan hamii toltuu badiif kan yaadu!
Galata samii eenyullee nama jalaan nyaatu!
Garaan hamaa nyaate eebbisuu hin beeku!
Qalbii yartuun yartuu nama gooti!
Jarjaraan nan buufadhaatti kassara!
Kan buu'aaf fiigutti du'i fiiga!
Galeen bulaatti duute bulti!
Bulan nigalu du'an ni badu!
Jaarsa salphoo hundatu salphisa!
Guddaa xiqqaan bakkuma deemutti xiqqaata!
Guddaa salphaan bakkuma hundaatti salphata!
Dhidhiibbaa baay'een caba dabala!
Nama nama qabutu waaqaba
Horiin hin boonani ongee tokkoon dhabu
Ilma tokkichaan hin boonan duula tokkoon dhabu
Bara ilaalani boquu ol hin qabatani
Waan bara baratu dabarsa
Bara ilaalani afaan hin darbani
Waan bara barati deebisa
Waan bara bara eeggatani deebisu
Waan bara bara eeggatani dubbatu
barri baran darba
Waan baraaf bara eeggatu
waan namni balleessuuf baratu abaarama
Dureessatti hamaaf tolaatu deema
kan duruu qabu hundaa qaba
Kan qabutu qabaaf qabeenyaan boona
kan qabutu qabaa qabeenyaa beeka
Ana jiru waantaatuun hoomaan baatu
Ana jiru waantaatuun nama calee waaqaa caalee himachuudha.
Anatu siijiraan haga jiran wallaaluudha.
Ana maleen ture argaa nama keessaa nama dhabamsiisa.
Asan jiran jiruu nama dhabsiisa.
Turreema fullaana!
Jarjarri falan ta'u!
Teessoon deegaa kan deemetu beeka!
Teessoon deega.
Kennaan kan waaqatu caala!
Cubbuun bishaanii harka buleen nama nyaachisa!
Harreen namuma argan dhahaachan(gulufsiisan) jette!
Kutaa dhiiratu beeka diinasaa!
Kan qofa nyaatu qofa du'a!
Kan du'a barbaadu du'is barbaada!
Kan du'a baqatu du'atu barbaada!
Kan rakkate jiraatu akka hin gaafatani!
Rakkataan akkan qabu!
Kan aara irratti galfachuuf barbaadantu aara namarratti galfata!
Haata'uun taa'umsa caala!
Kan booda haasofna jedhantu boodaan namatti haasa'a!
Afaan gaaeiin hafaa gaarii caala!
Dada waaqaaf nyaarri walgeessi!
Kan qalbiin cabeen jedhu qalbiin haacisu!
Bishaaniif midhaanni nama biyyasaati!
Qalbii warra Jimmaaf Jimmaan Jiddaadha!
Galata shan kan nyaatu!
Fooniif foonni sarees fooni!
Uraan nyaata quufa nama dhowwiti!
Kan hojii hin qabneef waaqatu hojii baasa!
Kan harki hin kunne miilli kuta!
Kan hin geenye geesseen hin geessu!
Waan namatti hin laanne nama hin gaafatan!
Kan namatti taphachuu yaadutti namni taphata!
Lubbuu abbaan hin eegganne waggaan geessu!
Hanga fedhe ta'ellee ilmi abbaan caalu!
Harki hamaan harka nagaa guba!
Miidhagaan kansaa hambura!
Miidhagaan kansaan bula!
Kan reebu dhala dhaba!
Kan reebu dhala malee hafa!
Kan reebu ijoollee dhaane!
Kan Waaqni nama kenne abbaan garaatti baata!
Qe'ee abbaatu eeggata!
Kan qalbiin qabne galatan qabu!
Wanti himataniif hin himanne gargari!
Turreema fullaana!
Jarjarri falan ta'u!
Teessoon deegaa kan deemetu beeka!
Teessoon deega.
Kennaan kan waaqatu caala!
Cubbuun bishaanii harka buleen nama nyaachisa!
Harreen namuma argan dhahaachan(gulufsiisan) jette!
Namni kamuu du'a hin oolu!
Du'a balfanis du'i naman alfu!
Ashuu boorri adda!
Qalbeeffataa malee jarjaraan waan dhugu!
Ormi maqaan nama jibba!
Inaaffaaf nanmi gargarin baa'u!
Dubbiin Kan namni jedhe miti Kan waaqni jedhetu caala!
Kan namni du'aaf eegu waaqni fayyaa deemsisa!
Raammoon qalbiin qabne boolla mixiirra teesse geerarti!
Uumamni dheertuun fuula!
Miidhagaan kansaa umbura!
Kan abbaan boo'aa guddise ilmi boo'aa jiraata!
Waan waaqni nama godhutti ni obsu!
Waan waaqni namaa godhutti ni gammadu!
Ashuu boorri adda!
Qalbeeffataa malee jarjaraan waan dhugu!
Ormi maqaan nama jibba!
Inaaffaaf nanmi gargarin baa'u!
Dubbiin Kan namni jedhe miti Kan waaqni jedhetu caala!
Kan namni du'aaf eegu waaqni fayyaa deemsisa!
Raammoon qalbiin qabne boolla mixiirra teesse geerarti!
Uumamni dheertuun fuula!
Miidhagaan kansaa umbura!
Ajjeefneen bakkootti!
Haati goota hin boossu jesha Oromoon!
Qabsoof erga mana ba'ani shantama wareegani bilisoomu!
Du'aa awwaalatani jiraa ammatu!
Waraanamtuu waraane waranuuf aada!
Waraanamtuun waraanamte waraanamuuf aaddi!
Warra haqaaf duule walargaan hin oolu!
Bareeda suurraa caalaa dubbiin akka waaq jedhe!
Tokko himate boochise tokko himate arjajjeessa jedha Oromoon!
Kan waan gaarii hojjete dhalasaf hojjete jedha Oromoon!
Hattuun yeroo warraa toltu manatti walkutti jedha Oromoon
Bokkaaf bulani dhimmuuf buluu dhadhabu!
Namni lafa beeku lafa bayyaanata!
Bu'aa nama ofii gaafa rakkatan argu!
Shantama gadi deemurra shan ol deemu wayya!
Keenyaan tikfatani kootiin galfatu!
Keenyaan horatani kootiin nyaatan!
Gadaan jirtuu muuda!
Jiilli dubbiin dhibba!
Kan ofii nagaan qabne nagaa naman kennu!
Kan ofii karaan qabne karaa naman kennu!
Sodaaf dabeessi buddeen lama nyaatti!
Maraataaf namni hunduu maraataadha!
Hamaaf harki waliin nyaate wal cubbisa!
Hir'uun jireenya hin guuttu!
Jireenyi guutuu hin qabdu!
Gaddeebituun harree galabaa baatte kufti!
Namni galatan qabne damma nyaate tufa!
Gaafa arbi walitti bu'u kamiidhamu marga!
Kan oole bule bulee barii arga!
Firri diina waliin oolu diina firaati!
Siyyaasni firaaf diina hin qabu!
Gaariin gaarii malee hamaa naman dhaalchisu!
Gaariin gaarii nama gorsa!
Hamaan hamaa nama gorsa!
Gorsa hamaaf gaariin hamaan ta'u!
Namni nama ta'e qalbiin jijjiirranne harreedha malee nama miti!
Jabuun goomuu dhokfata!
Namni hamaaf tola ijatu hima!
Nama gaariif gaariitu ta'a!
Gaarii gaariitu eega!
Dura jajuun booda jibbuudha!
Fayyaanillee haguma danda'ani!
Dubbiitu dubbii dhalcha!
Goophoo akkuma goophootti awwaalu!
Shubbisni soba ture dhiiga nama boossisa!
Dubbiin sobdu gubbaan calaqqisee keessi bukoodha!
Sobni calaqqisullee dhugaan caalu!
Dubbiin hanga beekan
Ollaan hanga qaban
Callisaniif wallaalaa ta'ani, dubbataniif beekaa hin ta'an
Jagni gurraaf duula
Jagni seenaaf duula
Jagna hundatu jaallata
Yaraa hundatu tuffata
Yaraan duula hin duulu
Yaraan yarateef fuudha malee hin hafu
Ilma abbaan qanani qabatani laban
Sigadhee abbaatti hin himan
Muka mukaan yaabu
Albee morodaan qaru
Yartuuf gantuutti hin hidhatani

“Bara sareen gabbatte Aayyoon saree hanqatte" jedhe namichi!
Afaan dhadhaqaan uddubbaa dhaqa!
Addooyyee (addaarroo) utuu du'i addaan hin baasin fuudhi addaan baasa!
Nama hundaa hiriyyaa godhatani hin danda'an!
Namni hiriyyaa dhibbaa kan dhufe waliin sirba!
Aad malee haga namaa hinbeektuu adabattee hinteettu jedhan!
Hanga amalli nama miidhu diinni naman miidhu!
Citaan tokko luqqa'eef,manni hin dhimmisu!
Obsi guddaan dhagaa yoo affeelu,
aariin xinnoon bishaan bobeessiti!
~ Yeroo tokko tokko gammachuun guyyaa
tokkoo, gadda waggaa tokkootti jijjiirama!
~ Nama kabajuun mallattoo sodaa ykn
lugnummaa osoo hin taane, bilchina
sammuu fi dandeettii fageessanii
yaaduuti!
~ Jireenya kee fooyyessuudhaaf
yaaliidhaan shaakala ati taasiftu
keessatti kufaatiiwwan si muudatan
kufaatii osoo hin taane, akeektuu galma
gahiinsa yaalii keetiiti!
~ Addunyaa tan irratti Harreen akka
namaatti yaadu jiraatuu baatus, namni
akka harreetti yaadu hin dhabamu!
~ Akka addunyaatti yaadii, akka
naannootti hojjadhu!
~ Dhalli namaa wanta haara
argannoodhaan yoo uumu (kalaqu) kan
nama gammachiisu yoo ta'u, garuu ufii
isaatii uumamuu (kalaqamuu) yoo
irraaffatu immoo kan nama
gaddisiisuudha!
~ Kan nama qaanessu ba'aa guddaa
sammuu irratti baachuu osoo hin taane,
sammuu hin yaanne baachuudha!
~ Yoo rakkoon wahii si muudate rakkoo si
muudate saniif yaaduu osoo hin taane,
akkaataa rakkoo si muudate san keessaa
itti baatu yaaduu qabda!
~ Osoo dhugaan kophee hin godhatin,
dharti addunyaa naannofti!
~ Mucucaattee dugdaan yoo kufte
balleessaan kee ta'uu kan hin dandeenye
yoo ta'u, balleessaan kee ta'uu kan
danda'u kuftee yoo achitti hafteedha!
¤ Wal beekuu irra, walii beekuu wayya!
~ Bishaan kadhaan argame dheebuu
nama hin baasu!
~ Sareen yeroo hunda duttu akka hin
birmanneef uf gooti!
~ Kan nama nyaatu dukkana osoo hin
taane, wanta dukkana keessa jiruudha!
~ Irra caalatti kan dinqisiifatamuu qabu
namoota addeessa irra qophatan osoo
hin taane, namoota akkaataa isan
addeessa irra ittiin qophatan
barsiisaniidha!
~ Addunyaan tun sirraa waan tokko eegdi
waan ta'eef, waan gaarii tokko hojjadhu!
~ Kaayyoo ufii galmaan gahachuuf
dhama'uun har'aaf dhandhamni isaa
kuraawaadha malee, boru firii fi
dhandhamni isaa mi'aawaadha!
~ Nama shakkitu hin mindeessin, yoo
mindeessite hin shakkin!
~ Wanti calaqqisu hundi, warqii sitti hin
fakkaatin!
~ Jiraachuuf nyaadhu malee, nyaachuuf
hin jiraatin!
~ Waggatti jiruu dabali malee, jiruutti
waggaa hin dabalin!
~ Riqicha muka tokkoo irra osoo hin
bahin dura, gorora takka liqimsi!
~ Balbalti carraa takka yoo si jalaa
cufamte yoo ati abdii kutuu dhabde, tan
biraa siif banamti!
~ Gatii yeroo beekuu yoo barbaadde,
atileetii maaykiroo sekondii tokkoof
moo'amee badhaasa meedaaliyaa warqii
dhabe gaafadhu!
~ Bu'aa qabxii baruu yoo feete, barataa
qabxii 0.5niif qormaata kufe haasofsiisi!
~ Aangoo qubaan si filaniin uf hin
tuulin, qubaan irraa si buusaniitii!
~ Beekkumsa qabduun hin boonin, kan si
caala beeku heddutu jiraatii!
~ Namni an beekaadhaa ufiin jedhu,
wallaalaan akka isaa hin jiru!
~ Hanga dandeettetti bara baraan
jireenya kee jijjiiri malee, akka barri wal
sitti hin jijjiirre!
~ Barcumaa fi kabaja abbaatu uf jalaan
deema!
~ Bara rakkoo bishaantu muka namatti
kora!
~ Waan garaan namaa baatu, Wadalli
Harree hin baatu!
~ Lafa fardi sangaan hin jirre, maxaanatu
itti arreeda!
~ Kan ati jechuu qabdu biyyi too maal
naa goote jechuu osoo hin taane, an
biyya kootiif maal godhe jechuu qabda!
~ Baay'ee haasahuu irra, baay'ee
dhageeffachuu filadhu!
~ Hojii guddaa karoorfame irra, hojii
xinnoo hojjatameetu caala!
~ Bara jireenyaa kee keessatti yeroo
dheeraa taa'umsaan dabarsitu irra, yeroo
gabaabduu hojiin dabarsituutu bu'aa
guddaa siif qaba!
~ Namni sabbata godhatanii mudhitti
hidhatan, Bofa namatti ta'ee nama
Idda!
~ Akkuma jaalalli jiru jibbis jira waan
ta'eef, icciitii yeroo jaalalaa haasoftan
yeroo jibbaa haasahuun
wallaalummaadha!
~ Jaalalli dhugaa fageenya karaatiin hin
daangeffamu!
~ Jaalalli dhugaa furtuu jireenyaati!
~ Jaalalli dhugaa ibsaa addunyaa fi
gaaddisa jiruuti!
~ Nama jaalalli dhugaa kuffiseef, guulli
harkisa lafaa itti hin gaafatamu!
~ Dhiira qawweef hin jilbiiffanneetu,
jaalala dhugaatiif jilbiiffata!
~ Yoo nama taate fedhii keetiif osoo hin
taane kaayyoo keetiif dursa kenni
~waan garte fi waan laalte hubachuu yaali
maaliif yoo jatte sigargaara waan ta.eef
~yeroo gabaabduuf jattee abdi tee kutin
maaliif yoo jatte booda si sheenessaa
~waa hunda dura ofiif bakka laadhu kan sirra
sitti
Aanu waan hin jirreef
~ of beeki kan sirra sibeeku waan hin jirreef
~namni kaayyoo ofi beeku jaalalaan hin kufu
kaayyoo galmaan ga'uuf kufa malee
~ Beekaa jechuun nama dogoggora ufii
ufitti beekee, irraa sirraa'eedha!
~ Lukaan qixxeessuuf kophee muran
malee, kopheen qixxeessuuf luka hin
muran!
~ Moo'uu jechuun 1ffaa bahuu qofa osoo
hin taane, jijjiiramas agarsiisuudha!
~ Barachuu jechuun barumsa keessa
darbuu osoo hin taane, barumsi nama
keessa darbuudha!
~ Barumsa barattee yoo qoramtu,
jireenya immoo qoramtee baratta!
~ Nama si sobu wajjiin gammaddee
kolfuu, irra nama dhugaa sitti hime
wajjiin gadditee boohuu si wayya!
~ Namni carraa gaarii qabu osoo bishaan
galaana keessatti darbanii yyuu,
Qurxummii afanitti qabatee keessaa
baha!
~hiyyeessa jechuun nama qarshii hiyyoome
Oosoo
hin ta'in nama sammuu hiyyoomeedhaa
Kan dubbisee fi dhagaerra..
Nama Rabbiin rakkoof fedhe abjuunillee dhaguma guura.
• Bara jattee lukkuun harree dhiitte.
• "kan na ajjeeserra kan na shukkuumeetu naaf godhe" jatte Tafkiin
• Kan damma jaalatu kanniisa hin sodaatu.
• "Maali Fardi ni maraatee?” jedhe waraabeessi ari’ee dadhabnaan.
• Dhukkuba Lukkuutiif Sangaa hin qalan.
• Yaa marqaa si afuufuun si liqimsuufi.
• “Osoo wajjiin gallee hoolaa, walii qallee” jette jeedalli sareen.
• “Aartu qotadhu” jedhe namichi saree biddeen dhoowwatee.
• “Fardaa fi harree okaa itti haamu; ana qacceen dhoqqeetti gadi dhaanu” jedhe qottiyyoon.
• “Way anaa gaafa dur” jette cirriin fardarraa kuftee.
• “Dhabaaf malee fooniif nu uume” jette sareen.
• “Nyaadhee sifixuu dadhabus, haadhee siballeessuu hin dadhabu" jette lukkuun.
• “Waan jaalatan nyaatanii waan jibban namaa kennani” jedhe waraabeessi.
• Harreen yeroo alaaktu malee yeroo dhudhuuftu hinbeektu!
• “Oduuf na qalani” jette lukkuun.
• Haati mixmixxaa kiyyumaatu guba jetti!
• “Bagan si’arge” jennaan,” bagan si hin dhokatin “jedhe hattuun abbaa manaatiin
~•Bishaan mixiin lagaa waraabdeen jaldeessi qaama ittiin dhiqata.
~•Re'ee amala hin qabneef hidhaa hin dheeresaniif
~•Inni waraane yoo irraanfate inni waraaname gonkuma hin irraanfatu
~•Hiddaa fi hiddiin tokkoo miti
~•Kalee fi Kaleen tokkoo miti
~Harka mirgaa kutuun harka bitaa darbannaa barsiisuu dha
~waraabessi soddummaa harree barbaaduun akka beelofneefi
~Kan haati boo'aa guddifatte haati biddeenaa boo'aa biddeen kennitiif
~Walgahiin saree duruu kajeella dha
~Baalli geshoof baalli jimaa walfakkaatus kan farsoof oolu garuu baala geshooti
~Muka ol guddate fiixee muruun jirma lafa jalatti gabbisuu dha
~Namni ollaa waraabessaa jiru homaa hin kajeelu
~Bishaan sareen waraabde sarumatu dhuga
~Of ajjeesen oole jedhe gowwaan of fannisuuf dhaqee
~Of tuuluun nama ofirratti tuuluu dha
~Leenci har'a beela'e boru saree kajeelchisuu hin dhiisu
~Namni dukkana beekee kessa deemu ibsaa isa hin barbachiisu
~Gatii ibiddi na gubeef bishaan irratti naquun naqabbaneessa malee na hin fayyisu
~Qaama ofii keessa kan jibban hin qaban
~Seenaa dhugaa fi lafti dhagaa nama jalaa hin badu
~•Sanyiin gootaa gotuma
~•Firri firuma alagaan alaguma
~•Na gargaarin hattuu na jalaa fudhuu badii dha
~•seenaan kee hojii keeti
~•Amanamummaan santima tokko irraa jalqaba
~•Kan dacheen baatu homtuu hin baatu
~•Arrabni xiqqoo hin qabdu
~•Gowwaan hundaan lola
~•Goota faarsuun gotummaa irraa horachuufi
~•Shamarree fuula bareedduurra shamarree yaada bareedduutu caala
~●Tisisni noori barte, na dhiqachiisaa jechuun ishii wan hin olle.

Addooyyee (addaarroo) utuu du'i addaan hin baasin fuudhi addaan baasa!
Nama hundaa hiriyyaa godhatani hin danda'an!
Namni hiriyyaa dhibbaa kan dhufe waliin sirba!
Bonni yoodheerates bonumaan dhuma!
Ganni yoomiserre gannumaan dhuma!
Wanta garaa keessa jiru maran dubbatan!
Wanta gaafataman hunduman deebisani!
Horii qalan hintiksan!
Humnaaf kufani morkaaf ka'an!
Diinni lammii keessa harkisaa ol hin jedhu arrabnisaa ammoo gadi hin jedhu!
Hidhaan diinaa dararaa ta'a malee kaayyoo irraa nama hin hambisu!
Adamsituun adamsite riphe lola hin argitu!
Waan jedhan utuu jiru akka itti jedhan nama dhiba!
Namni mijuu lama habbaare tokko hir'uun dhabdu!
Gubanni garaa foon hin bilcheesu jedha Oromoon!
Takka takka rafuu diddeef biyyoon baduu didde jedha Oromoon!
Jarjaraan qalbii hin qabuu irribaa ka'ee mugaa
Obsaan bara eeggateetu aannaan goromsaa dhuga.
Qawween, Qaawwa kee duuchee, Bilisummaa dhugaa si Gonfachiisa!
WBO'n gumaa baasuu malee takkaa gumaa nyaatee hin beeku.
Nama akka harree nama dhiitu, dhiitamaniif callisu!
Qarri qara hin muru, yoo haaromni dulloomaa mura male!
Gootni gaafa jiru hin amanamu gaafa du'u hin dagatamu!
Goota ofii jira tuffatani du'u faarsu!
Goota lubbuun jiru duchisani du'u faarsu!
Qe'ee gowwaa fi qe'ee bowwaati iyyan dhabani!
Bareeda uumaa kaadhimaan kuma!
Barbaachi halkani waanbaden argamsiisu!
Ulee qabannaan ulee harooressaa qabatu!
Bineensi bineensuma waanaasuu qabu namaf!
Kan nama nyaatu naasuun namarraan baasu!
Halkan hin bariine hinjiru!
Hanuman tokko taanu huumna godhanna, hamuma addaan facaanu ammoo huumna dhabna!
Galma mul'ata qabu rakkinni hin hankaaksu!
Jireenya ofii ilaalcha namni namaf qabu irratti hin ijaarratan!
Huumni guddaan huumna jaalalaati!
Har'a kufuu jechuun boris kufuu jechuu miti!
Kan ariifatte dhangalaastee funaanti.
Harree sodaatee fe,umsa Reeba.
Kan aangoo qabuuf ajajni salphaadha.
"Namni Laga Ofii Ce'ee Cinaacha Lamaaniin rafee hin buluu
“Erga rifatanii halkan qixxee dhokatanii yoo dhufan malee galgalaa fi obboroo hin dhufan.” Jedhe namichi Dhaddee rakifnaan eeggetee rifachiise.
“Waan jaalatan nyaatanii waan jibban namaa kennani” jedhe waraabessi.
Aanolee gaafa lafa lola diinaa dhiigatu citee itti yaa'a.
Aanolee gaafa lafa lola diinaa dhiigatu citee itti yaa'a.
Aanolee gaafa lola diinaa Calanqoo dhiigatu finiina.
Aanolee gaafa lola diinaa Calanqoo dhiigatu finiina.
Aarii irra jaalalatu huumna qaba jedhu.
Aariin tamboo nama xuuchisa.
Aariin tamboo nama xuuchisa.
Abbaa eenyuutiin kan fuudhee fi heerumeef jedhan.
Abbaa eenyuutiin kan fuudhee fi heerumeef jedhan.
Abdiin humna finiintuu keessaa ka'u yoo ta'edha.
Abdiin humna finiintuu keessaa ka'u yoo ta'edha.
Abshaalli qabamee dhokata gowwaan kan hin argin argame jedhee of qabsiisa.
Abshaalli qabamee dhokata gowwaan kan hin argin argame jedhee of qabsiisa.
Addunyaa bal’oon tokkoof yeroo iftu tokkoof dukkanoofti.
Adeemsi danda'amu edanaaf,dhadhabamu bor ganamaaf.
Akka malee ciisanii jal'ina mormaa hin himatani.
Akka ta'an dhabanii garba ta'u.
Akkam taatu akka malee hin taatu.
Akkana hin seenee jette kan gaarayyuutti dhaammatte.
Alagaan namaaf hin ciisu abbaatu falata male.
Anumatu qerransaan deemee deemee waa fidun isaa hin hafu.
Arbi biyyaa ba'u hidda nyaata, Arbi biyya taa'u baala nyaata.
Areeriidha moo Adulaadhaa jedhe namichi dubbiin dhibde jennan.
Ashni dhufe hasha godha.
Asiin kutachaa achiin tuqatu.
Askottu asin jiran, yoo bakka dhaabbannaa qabaniidha.
Badee hin badu hojiin seenaadha.
Bakka cabdeen dhangalaasti.
Bakka handhuurri ofii awwaalametti awwaalamu.
Baraneen baruma baraan.
Barri hongee beeluma.
Barruun guddisaa kan boo'u milkiin hin eegamu.
Beekaan hundaa obsa.
Bilisummaaf lolatu qoricha.
Bilisummaan abjuuniyyuu bakka ni hima.
Bilisummaan dhiigaan malee hin dhuftu.
Bilisummaan falmii malee hin dhuftu.
Bilisummaan lolaan malee hin dhuftu.
Bilisummaan qabsoo malee hin dhuftu.
Bilisummaan qawwee malee hin dhuftu.
Biyyi ormaa fi teessumni dhagaa hin toltu jedhama.
Biyyoon imaanaadhaaf hin sodaatan.
Bobbooressanii lollaan salphaan hamtuu hin taatu.
Bonni dhufteef ganni hurrii naannessa.
Bonni dhufteef ganni hurrii naannessa.
Boo’ichi bilisummaa hin fidu.
Boo’ichi nama hin bilisoomsu.
Boqqolloon dhidheessaa gabaabatu daraara jedhama.
Bor boriin waanta salphaa fuudhee dhagaa godha.
Dabeessi utuu jiruu kan du'e.
Dalla qoree irratti hin ijaaran.
Dansummaaf taanaan firiin dinbilaala.
Deddeemtuun waa dhageessi.
Dhaabbatanii daakanii, taa’anii bukeessu.
Dhagaa darbatan utuu hin taane kan dhagaan argatetu nama dhiba.
Dhagaan dhagaa hin daaku.
Dhahanii ofitti mufachisu jedha Oromoon.
Dhiigni dhiigaan ba'a.
Dhiira bossisuuf durbatu bu'uura.
Dhiira kaayyoof hokkolu dabeessi naafa se'a.
Dhiira onnatutu mirgaan gala.
Dhugaan dhugaan malee hin taatu.
Dibbee hin ta'u gogaan qeerransa.
Diinni kaleessaa har'a fira hin ta'u.
Diinni yoomiyyuu diina.
Doorsisi of booda hin deebisu kan murtiin ka'e.
Du'aniif du'a hin sodaatan.
Dubartiin bifaan warrashee fakkaattu amallishee warra itti heerumte fakkaata.
Dubbiin bulte dhangaa taati.
Dubbiin hanga wal qarqartu wal qarqabdi.
Dubbiin lafaa dubbii lafeeti.
Dubbiin torban bultee fi amma dhufte wal tarti.
Dukkana booda ifatu jira.
Duuti uumamaa dhalootaan jirti.
Eenyummaan daawitii eenyummaa ilma namaati.
Eenyutu loon dhaqa jennaan isa dubbate jeha.
Eenyuummaa eenyu irraayyuu hin eeggatan.
Enyu illee of miidhee awwaalcha isaa irratti mana nama hin ijaarsisu.
Fakkeenyi sadi yeroo sadiitti himu.
Fedhiin akkuma abbaan of godhe nama gooti.
Finfinneen handhuura Oromiyaa biyya Tufaa Munaati.
Foonni foonsaa hin nyaatu.
Galata kee jedhanii moggaan kutatanii walakkatti cuubatu.
Galtuun bakka itti galtu dhabaaf namarraa hin galtu.
Galuun gaafa lafa garaa ofii ga'aniidha.
Gamaaf gamana utaaluun badiidha.
Gamni iddoo taa’ullee qoratee taa’a.
Gamtaan humnaaf Yeeyyiin sagal taatee yaati.
Ganni walii lama.
Garaa wal jaallate addaan eeguun ofumaati.
Garaan beela jibba
Garaan utubaa dhaabbatan.
Garaan Waaqaa jalli bal'aadha.
Garbummaan dhalataniif garbummaa dhala hin dhaalchisan.
Gargar ba'anis garaan bakka tokko.
Goondaa yoo tuqanis addaan facaatee booda wal funaanti.
Goondaan walqabattee daandii tokkoon yaati.
Gootni ijaan beeksisa.
Gootni kan hawwan seenaadhan.
Gootni yoo du'e maqaa faarsan.
Gowwaaf dubbiin hin galu naman gurguraatti of gurgura.
Gowwaan kan ofitti kadhachuu qabu ofirraa hari’a.
Guboo rakkinaa obsaa fi tooftaan buqqisu.
Gumaan gadoon baati.
Gumaan gumaan ba'a.
Gumaan kan du'eef gatii baafachuudha.
Haadhuma dhaltetu guddisa ilmaan.
Haajaa nama bira teessu bira hin ta'aan.
Haalli dhangaa buleedha jedha oromoon.
Haayyeen geenyaan lola.
Harki tokkichi ni dhiqa malee hin qulqulleessu.
Hayyun ofiti hayyuu miti. Jechuun rakkoo namaa ni hiika garuu kan ofii hiikkachuu hin danda’u jechudha.
Hin hafu kan Rabbiin jedhe.
Horanii lafa dheedaa oolan illee kotte duudaa ni jibbanti.
Ifa ba'uun qabsoodhan.
Ijaan arguun amanuuf.
Ilmatu abbaatti ba’a malee abbaan ilmatti hin ba’u.
Inaaffaa dursanii beekaniif garaa hin jabaatan.
Intalli kan eenyuuti jennaan kan nama sadii'iiti jedhan.
Inuma obsu malee yaadni nama guba.
Irra taa'anii nan hafaa amanani.
Isa kamtu isa kamiitti balbala dhugaa banu.
Jaalalli dhoksaan tolti.
Jaalalli fala gootaati.
Jaalalli faraqaadha jedhu.
Jaalalli funyoo caalaa nama hiiti.
Jaalalli haadhaa ilmoosheef hanga lubbuu laachuutti.
Jaalalli utuu hin boonin kan ofii jaallatu.
Jiruun madda gammachuuti jedha Oromoon.
Kaantu kaan daran.
Kaasa dhiiraaf ka'an waa afaan hin ka'an.
Kaleessa fugug oole jechuun har'a hin fagaanne jechuu miti.
Kan abbaan carraaqate Waaqni bakkaan ga'af.
Kan barbaadanii dhaban garam jirtaa iyyaafatu.
Kan bilisummaa qabutu bakka hundaatti bilisummaasaa labsata
Kan boriif abdatantu har’a nama gana.
Kan boriitu har'a boossisa.
Kan burraaquu fi cawwaaqu gidduu waatu jira.
Kan dabarte dabartee kan haftetu guddoodha.
Kan fiigicha barbaadu fiigsisuuf dura hin dhaabbatan.
Kan firri irraa miidhame kan fala ta'uuf hundatu qoricha himaaf.
Kan garaan booree qabu gootni diinaan falma.
Kan garaan diina irraa aarii qabu qeerroon harka duwwaa diina qawwee baatuun falma.
Kan guuza guuru guuraa olee galgala galmi mana.
Kan hawwee hasaa hin guuttanne bara baraan gubachaa jiraata.
Kan hin beekne gaafatanii baru.
Kan hin dubbadhu jedhan tuttuqqaan nama dubbachiisa.
Kan itti hajaman ni barbaadu.
Kan jaallatan waanta qabaniin bira dhaabbatu.
Kan jalaa ni kufaa hin yaadda'an.
Kan jiru baanu.
Kan jiru barbaacha hin qabu.
Kan jiruuf baarakaa kan du'eef shafiidha.
Kan kaaniif qabbanawaa kaaniif gubannaadha.
Kan lafa qabutu akka fedhe wal fuudhee wal hora lafa isaa irratti.
Kan Lammiin rakkate garaan nama hin ciisu.
Kan marii'atan hanqisuun harreen walqixxaachuudha.
Kan obsan onnatee ka'ee Qerroon diina nyaata.
Kan ofii waanti namaaf caalu hin jiru.
Kan qaban faarsuun isa hin qabneef waliin nyaanna jechuudha.
Kan roobetu lola'ee haafa guuree deema.
Kan roorroon dhaale gadi hin taa'uf jedhe ittin falma.
Kan samii dhufe malee kan nama irraa dhufe ni hafti.
Kan tokkummaa qabutu hundaa of harkaa qaba.
Kan tolaan didu diqamsiifamnaan hin diddu.
Kan utuu jiranii jireenya namaa jibbitu bira hin darban.
Kan waan jedhu beeku kan darbatus bakka inni bu'u ni beeka.
Kan wal abdatu waliin daadhata.
Kanarra sun as hin aanu.
Kolaasuun qachee gabaabsuuf.
Korma Abbaan Gaafa Cabse Ormi Ija Balleessa
Kuni sadan yeroo sadiitti jedhe namichi.
Lafa malee hin jiraatan.
Lafa ofii tolaan gadi hin dhiisuuf irratti ajjeesanii du'u.
Lafeen lafee hin cabsu.
Lammiin addan fagaate guyyaa rakkoo dhaamsaan lammii isaa fageenya jiru galateeffata.
Lammiin dhiigaaf wal jabeessa.
Lammiin lama hin jiru.
Lammiin miidhameef lammiitu dhiiga kenna.
Leenci qorra sodaatee hin dhaamotu.
Lola alagaan nama hin gargaaru.
Malaan falmatu yoo huumna dhaban.
Maraataan hin fayyuu ni hallallataa jedhan.
Marqaa fi dubbiin ho'aatu guba.
Waanti hundumtuu yeroosaatti nadhii dammaati.
Of_eeganii yaawaaq na eegi jedhu.
Bor akkanan godhaan hawwii daa'imaati.
Hurriin namatti maraatti hirmii ofitti marti.
Waan qoteef kan qote namni sanyii darbate.
Farda abbaan d**een d**e, alagaan dhagaan dika.
Dhiichisni Kan goobaan galeef.
Jirenyi turtiin wal argeef seenaa dabarsiti.
Garbuun Garbuun hidhan.
Amaarri noor jedha malee nama jalaa hin ka'u.
Waaqa nama nyaatu halalchaa hin argan.
Mamilchisa=dunkana,suuqii,management gurgurtaa mi'oota.
Badiisaarraa kan baratu guddaadha.
Iyyi furmaata miti.
Hanga mataan jiru namni addaan nama hin muru,wal argu bor.
Guyyaan dhaabbatee nama hin eeguf qocaan hanga humnasheeti qaxxisti.
Lubbuu waaqni uume waaqatu fuudha.
Guyyaa malee hin du'an.
Sodaan du'a nama hin olchu.
Beellamni du'a namaaf hin siqu.
Sodaa du'aa taa'aa hin bulan
Dhabni nama hin teessisu.
Beelamni ulfina daba hin beeku,daqiiqa xiqqoof wal dhabnaan ni mufata.
Kan Dabsanii guddisan gorsanis gorsi daba.
Reeffa nama ofii torba galagalchu.
Ilmi gorsa abbaa hin qabne ilmaaniif moggaasni maqaa cookkoodha.
Du'anii hafu malee kufanii hin hafan.
Waaqni jaalalaa ni jira..
Kan qabaniin malee kan hin qabneen maqaa nama hin dhahan jedha Oromoon.
Mootummaa garboofataa fi dukkana halkanii irraa waa hin eeggatan.
Mukni muka nyaatu Danbiin muka miti bineensa.
Tolchiitii of eeggadhu maaloo Alagaan yoomuu nuuf rafee hin buluu
Dhufaafii Darbaa isaanii hin soorru barabaraanii
Dammaqii didi qalloo koo hin taanu hambaa Isaanii"MAMMAAKSA OROMOO!!!!
Hadhooftuun utuuma hadhooftu liqimsan!
Maqaa jijjiirratu malee fuulan jijjiirata!
Maqaa jijjiirrataniif fuulli hin jijjiiramu!
Garaa nyaattoo nama doobbiitti badan gurra muran jedhu!
Ija fagoottin argine kanuma ofkeessaa basani!
Dubartiin naman murattuuf dhiira muudan jedhu!
Maanguddoon tokko du'uurra kitaabni guuboon tokko gubachuu wayya jedha Oromoon!
Jiruun tole harma kufe kaasa!
Utuu argani bofa harkaan hin qabani!
Of argisiisa sareen soroobbaa deemti!
Ulfinni sareef ijoollee ollaa balleessa!
Utuun dhukkubaaf hunduu gaabbiin quba nyaata!
Kan buddeen ajjeese madaasaan argan!
Buddeenni gooftaa dhiiraati jedha Oromoon!
Tortortuun farsoo naqnaan; samtuun areerraa dhaqxee, raqxuun kajeellaa dhaqxe jedhu!
Abiddi boba kaa'atan abbaama guba!
Iji gamna dura boossi!
Dhirti laman dhahamtu!
Ija hidhadhu singowwomsa jedha gowwaan ofii gowwoome!
Kombortaa ormi naman batu abbaatu badhata.
Iji qaroon fagootti arga!
Leenci Leenca dhala Malee Waraabeessa dhalee hin beeku!
Mukti tokko,ni aaraa malee qofaa hin boba'u!
"Tika didaan dhiyaana dida."Jedhaan!
"Itti himne yoo dhageesee, itti kennine yoo olkeesee."Jedhee Oromoon!
Ijoolleen farsoo dhugdee baranni Bar-dheengaddaa itti fakkaata!
Rakkinni xiiqii fi booree horti!
Roorroon hammaate bakka taa'umsaa fi ciisichaa dhowwatee nama kaasa!
"Harka xurii fi Akka duriitti hin hafan" jedha oromoon yeroo mammaaku!
"Gosaan galaa jennaan,Itilleen Looniitti galte"
Cheh! Jennaan Harree hundaatu gurra dhaaba.
Ilkeen Waraabeessaa jalaan walitti qaaha.
Beekaa waamaa jennaan Niitiin dhiirsa waamte.
“Bofaan bofa jettus, kabajamo jettus si hidduu hin dhiisu!
Qurxummiichi gaafa ballinaan sochii eegaluu Raachii ni raafamti!
Abbaan haqaa yoo callise,abbaan irree humna baasa!
Sangaan yoo barri itti hammaatu loowwaan keessatti ripha; yoo margi itti tolu loowwaan keessaa bayee barooda!
Harka hin barsiisin, barsiistu hin dhowatin jedhan!
"Harka natti deeffadha" jedhe kan durooma barbaacha biyyaa ba'ee hiyyoomate gale!
Kan dubbii qoree hin beekne, dubbii gara qabduuf gaara baasee gala!
Dubbiin garaa dubbii gaarati!
Bakka humni hin jirre rakkoonis hin jiru!
Waan qalbiin qulqulleesse iji hin xureessu!
Kan nagaa qabutu nagaa fedha!
Lagarraani galan laga galtu!
Maqaan boollaa oli
Sareen inuma dutti, gaallis inuma deema!
Jabaan jabaate ofkabachihsa!
Jabaatan lolatani kabajaan jiraatu, laaffatan tuffatamani dhiitama jiraatu!
Laafaa hundatu abaara!
Waan isaaf malu abbaatu beekkata!
Sareen bakka nyaattuu dutti.
Saree mana lamaa nyaattu jidduutti bineensi nyaata!
Waanti ta'u qoodaaf ta'a!
Hireen ayyaanuma!
Hireen qooduma!
Hawwanii dhabuun farra!
Qalbiin gowwa sesseeqarratti kufti!
Raree basuu jabaan duuloo baase!
Duuloo malkaa balballeettiin olka'a!
Raree fuudhee jaartii rafte kaase!
Ofii gogee gogeessaan goollise!
Guutuu abbaa dhiibe haadhatu irraa hiika!
Muka namatti jige lammiitu namarraa kaasa!
Nama nama jala kufe marii firaatu kaasa!
Teessumni hirkoon qabne duubaan kuffa!
Du'a sodaaf gurbaan obboleessa qaba jedhu!
Ofiin roobe simagarsee mana seenuu nadhowwita yaacitaa jedhe bokkaan!
Yoo dhugaan bakkatti hin deebine, nagaan bakkatti hin deebi'u!
Kan naman galateeffanne Waaqan galateeffatu!
Dhugaafi biiftuun turtee ifte argamti!
Kiyyeessituun Qurxummii baasaatti jawwee baafti!
Naqabaa gadnadhiisaan kan ofballeessu!
Gaafa xiiqii lubbuutu naman marartu!
Kan dubbachuuf hamileen qabne, isa dubbachuuf hamilee qabu hamata!
Abbaan haqaa hamilee cimaa qaba!
Kan haqa qabutu hamilee qaba!
Namni gaara guddaa darbe gaara xiqqoo hin sodaatu!
Haqa dhokatte guyyaatu baasa!
Oromoo wal garsisaan malee wal hin barsisaan
Lubbuu dheeta jedhee wanni anii fuudhe takka harka na hin buune
Bara hamma,hammaatti irree(Aangoo) qaba
Daandii harree baafadhii ta gaala na gaafadhii
Dhugaa waa’elii Waaqa cubbuu waa'elii nama Adii
Arrabii ilkaan jidduu beeka gostii isaa daallee
Dabeessi(Daafanani) waa'elli hin qabuu namuma humna qabuu jaalata
Maqaa irra jijjiirani guddayoo lafa isa gubbaatti maqaan dhokatee Oromoo tuuta Kaniisa!
Namni marii qabu falan dhabu!
Kan gootni alatti ta'u dabeessi golatti ta'a!
Gootummaan goota alatti!
Dabeessi manatti goota!
Kan duulaa hin jerretu falfalaf jira jedhan!
Waan lafa waa'ee lafeeti!
Lafa dhugaan hin jirre nagaan hin jiru!
Lafti Oromoo yoo Oromoof hin taane alagaaf hin ta'u!
Na haabaasuun naman baasu!
Hamaaf tolaa abbaatu addaan baafata!
Waanuma irra facaafatan namaa biqilchi dacheen!
Imaanaa nyaatan seenaan nama gaafata!
Imaanaa hin nyaatan, sanyii hinakaa'an!
Imaanaa hin nyaatan sheeshee hin facaasan!
Kan lafee abbaa nyaate ilmi arrabsa!
Aaddiyyoon kansaa urguba!
Miidhagaan kansaa hambura!
Akka dhiiraa dhalatanii akka sareen nyaatan!
~ "Nyaannee dhuufuu miti; heerumnee quufuu dadhabne" jette jaartiin
~ Dubartii fi Qawwee abbuma bira jirutu dhukaasa!
~ Dhiirrii fi sareen bakkuma itti ho'e bulti.
~ "Na jiisuuf taanaan itti hin dhiibini, garaa Na ciibsuuf taanaan irraa alatti hin dhiisini" jette niitiin sanyoo haaraa baafattee
~ "Wal balleessinee addaan nu qabaa!" Jedhe sodaataan!
~ Qe'ee abbaan hin jirre tisiisni irratti walgeessi.
~ Bishaan mixiin lagaa waraabde jaldeessi qaama ittiin dhiqata.
~ Re'ee amala hin qabneef hidhaa hin dheeressani.
~ Harka mirgaa kutuun harka bitaa darbannaa barsiisuu dha.
~ Waraabessi soddummaa harree barbaaduun akka hin beelofneefi.
~ Kan haati boo'aa guddifatte haati biddeenaa boo'aa biddeen kennitiif.
~Tisisni noorii barte booda "harka na dhiqachiisaa" jetti.
~ Walgahiin saree xumurri isaa kajeellaa dha
~ "Dubara maaliin gowwoomsu?" jennaan , "Q*n**rroo fi qorqorroon" jedhe jaarsi.
~ "Anuu hin fayyuu hanga yoomitti na hiitan?" jette maraatuun.
~ "Aannan gaalaa dhugdus dhuguu baattus ni duuta " jennaaniin, gowwaan afaanitti qabatee du'e jedhan.
~ Kan ulfina didde, ulfaan loon tiksiti.
~ "Maali intalaa koo yoo dhabde hin galtuu" jette jaartiin ilmoo hannatti ergatte eegdee dadhabnaan.
Jabaan miixate Jabaa dhalcha!
Baraaf furguggee gad jedhani dabarsu jennaan daafanaan gad ciisee ka'uu dide jedha Oromoon
Bultii qawwee qawwituutu diiga jedhan!
Hoomaa girrisaa mannaa tokkicha risaa wayya!
Manni eenyuu badee manni eenyuu tola walqabatee qilee lixa male!
Marii xiqqoon dubbii guddaa fura!
Kan mariin qabne raada baase, kan marii qabu dibicha baasa jedhan!
Har'a dhalee gaalli gale!
Garaa dhalaaf horiin gala!
Sirna ga'aaf harri ga'e!
Waaqni fulaa sibaninnaa, ayyoon ormaa sina'inna!
Ulee dansaan harka waaqaati!
Sayyuu dansaan haguma aayyoo!
Sayyuun hammaate nyaapha nyaanyoo!
Muudni kallacha muudan!
Muuda kaayyoo muudu!
Nama dubbiin nama dhibe calleessaan dhibu jedha Oromoon!
Gadheef sareen bakkuma itti tole bulti!
Sunsuma abidda bira qabbana maalitu jira!
Bashaan akkan qabne waan beekuuf dhagaarra utaala jedhan!
Kan yaasaan qabne ya'aa gaafata!
Abbabbaa jette kan muraa dhowwatte!
Warri badellee yaagalee jennaan eeyyee yoo walitti gale jedhe!
Okkoteen kan jaartetu waami'eessa!
Dubartiin inaaffaaf ceeti!
Danda'an tulluu ta'an, dadhaban tulluutti bu'an!
Afaanni cufaan qabne cufarra marmaara!
Nama biratti nyaadhuu saree biratti diddigi jedhan!
Kan olii dhufu bokkaa malee dansaan hin jiru jedha Gujiin!
Namni hidhii xuuxuu bare hoomaan godhu!
Dabeessi dheessuu bare waa arginaan dheesse!
Dabeessi fagoorraan sodaata!
Goota lubbuun hin mararu!
Namni waan afaaniin hin laganne, harkaan hin lagatu!
Namni waan afaaniin hin laganne, hojiin hin lagatu
Kan arrabaan nama diruuf kan billaan nama diru tokko!
Waan qarri qabu qarqarri qaba!
Waan hayyuun qabu makkalli qaba!
Gadaan sagal geesse salgii marti jedha Oromoon!
Baran barruu argu!
Namni gaarii yaadu yoomiyyuu hinkufu!
Namni xaxaa qabu xaxaan dhabu!
Jirraaf as jirra jedhe Jaal Marroon!
Sareen waggaa 3 nyaachisan waggaa 3tti nama yaadatti jedha Oromoon!
Namni waggaa sadii nyaachisan guyyaa sadi'itti nama dagata jedha Oromoon!
Ollaan galata bade ollaa wolbage!
Kan gubate arge abiddan tuffatu!
Qabda hinjenne qaladhu jette jedhan!
Guddaan gurdaan qabne daa'ima!
Garaa arrii male mataa arriin abdatan!
Nama hin dhowatan hindhokfatan!
Dubbii manan dha'an jedha Oromoon!
Mataan deegaaf deeyye abbaa dura deema jedhan!
Kan taa'ee ergatuuf ergamtuun rakkoon qabdu!
Gaariin yaadannoo yeroo maraati!
Gaarii gaariitu barbaada!
Gaariif gaarii kennu!
Gaariirraa gaarii argatu!
Gaarii gaarummaan himu!
Gaarii gaarummaan beeku!
Gaariitu gaarii yaada!
Hiixeen hiixee beekti!
Bishaan bona nama baase ganna tuffatu jedhan!
Madaan qaamaa tokko, kan qaama guutuuti!
Kan maqaa nama balleessu, nyaachisanii quubsaniis maqaa nama balleessa!
Waan hamtuun waan qalbiin didde!
Dhabni garaa dhalaa dhalatti jabeessa!
Garbummaa fi Durbummaa Qeerroo qofatu balleessa!
Namni waa argu malee waan jedhu!
Waan barri godhe baratu gingilcha!
Biriif jedhani booruu dhugu!
Boo'ani bor hin oolchan!

Address

Assella
Itaya
1000

Telephone

+966549165232

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when United oromia UO posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The School

Send a message to United oromia UO:

Shortcuts

Share