22/09/2023
Mee as gori yaroo takka
โ Waa si gaafadhuu? Tole
1. Eenyu si uume?
๐ Rabbii tokkicha
2. Maaliif si uume?
๐ Akkaan Isa gabbaruufi
3. Tole! Ati amma Isa qofa gabbaraa jirtaa?
๐ Eeyyeen!
4. Gabbaruu jechuun maal jechuudha?
๐ Gadi caphuufi if gadi qabuudha; keeysaafii gubbaanis gadi jechuudha.
5. Hayyee! Qajeelfama/ manuwaala kam hordofta yaroo Isa gabbartu?
๐ Qur'aanaafi Hadiisa sahiiha taheen hordofa.
6. Tole! Qur'aanaafi Hadiisa malee kan biraa hin jiruu?
๐ Ni jirti: Walii galtee beektota amantii Islaamaa tan hangaftoota duriiti ammaas.
7. Tole! Gaarii jirta. Garuu Qur'aanaafi Hadiisa ofumaa keetiif irraa fahamtee hordofta moo akkami?
๐ Fahmii Salafa saalihaatiin hubadheen jala deema malee akkanatti naan dogongora.
๐ Walii galtee beektotaa jechuun kiyyaahuu hubannaa isaaniitiin hoogganamuu kiyya agarsiisaa bar adeeroo!!
8. Tole! Adeera kiyya! Yoo akkana tahe gaarii jirta.
Mee namoota ifumaafiin hubadhee akkuma naaf mullatetti jala deema nama jedhuun maal jetta?
๐ Eega akkas tahee maaliif walirraa qara'uun barbaachise ree?
9. Yaroo walirraa baratan kana edaa sansalata hubannoo sanii waliif dabarsaa jiranii?
๐ Ee! Ee!
10. Warri zamanaa kun kana beekhaa ree yaa adeeroo?
๐ Hanga Qiyaamaatti gareen kanaan deemtu jirti jedhan Ergamaan(saw).
11. Gareen sun maali maqaafi dalagaan ishee?
๐ Gareen sun garee waaniin aniifi sahaabonni kiyya irratti turre irratti warra jiraataniidha jedhan Ergamaan(saw).
Maqaan isaanii kan hojii isaanii ibsuun jiru: Ahlussunnati wal Jam'aadha.
โ Deebisaa keetiif galatoomi!!