GewGew Gemechis Secondary School

GewGew Gemechis Secondary School NOTHING IS IMPOSSIBLE

26/05/2026

Hordoftootaa Amantaa musliimaa Kan Biyya Keessa fi Biyya Alaa jirtaan hundii.
🌟🌙❤️💛💛🕋🕋🕋🕋🕋🕋
Baga Ayyaana Eid Al-Adaha (Arafa)kan bara 1447 nagan geessan.Ayyaanichi
- Kan Jaalalaa
- Kan Gammachuu
- Kan Tokkummaa
- Kan Milkaa’inaa
- Kan Badhaadhinaa
Kan Nageenyaa isiinif haa tahuu
Mubarak

18/05/2026
Guyyaa  6/9/2018Gurmuu Zoonii  Gaw  Gaw tti Bakka itti Gaafatamaa  Gumii Tiraanisfoormeeshinii Barnootaa   Bulchiinsa Ga...
14/05/2026

Guyyaa 6/9/2018
Gurmuu Zoonii Gaw Gaw tti Bakka itti Gaafatamaa Gumii Tiraanisfoormeeshinii Barnootaa Bulchiinsa Ganda M/Dingatee Obbo Jaafar Abdoo fi Sup. Gurmuu Zoonii GawGaw Obbo Nuuree Qaasim argamanitti Barsiisootaa Gaw Gaw sadarkaa 1ffaa fi Gaw Gaw sadarkaa 2ffaa waliin dhimmoota
1. Nageenya MB fi mariin haala yeroo Irratti
2 .Haftee Barattootaa
2 Deeggarsa Barattootaa Kutaa 6 ,8 fi 12 ffaa fi Hojjilee baruu barsiisuu Hunda Irratti Gadi Fageenyaan mariin gaggeeffamee Jira.

Maxxansi Sartafikeetii digirii giddugala tokko qofaatti ta’uufi*****************//******************Caamsaa 4, 2018  Hoj...
12/05/2026

Maxxansi Sartafikeetii digirii giddugala tokko qofaatti ta’uufi

*****************//******************

Caamsaa 4, 2018 Hojiin maxxansa sartafikeetii digirii dhaabbilee barnoota olaanoo giddugala tokko qofaatti raawwatamuufi jedhe Ministeerri Barnootaa.

Ministeerichatti Dursaan Hojii Raawwachiisaa Bulchiinsaafi Bu’uuraalee Misoomaa Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Dooktar Salamoon Abrahaa Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniitti akka himanitti, hojimaanni kun ragaalee barnootaa sobaa ittisuuf kan kaayyeffatedha.

Kanaan dura dhaabbileen barnoota olaanoo hundi ragaalee barattootaa dhaabbata caalbaasii injifateen kan maxxansiisan ta’uu yaadachiisanii, hojimaanni kun ragaalee barnootaa sobaaf saaxilamaa akka ture ibsan.

Waan ta’eef dhaabbileen barnoota olaanoo mootummaafi dhuunfaa hundi sartafikeetii digirii barattootaa giddugala tokko qofaatti akka maxxansiisan ni godhama jedhaniiru.

Sartifikeetiin kun hanga maxxanfamutti barattoota sartifikeetii digirii barbaadaniif Ministeerri Barnootaa xalayaa deeggarsaa kan barreessu ta’uu kaasanii, maxxansi sartifikeetii digirii giddugala tokkotti raawwatamu kun bara kana irraa akka eegalu eeraniiru.

Barattoota bara 2017 eebbifaman dabalatee warreen Kanaan booda eebbifaman hundi sartifikeetii digirii giddugala tokkotti maxxanfame akka fudhatan ni taasifamas jedhan.

Barattoonni bara 2017 dura eebbifamanii digirii isaanii hin fudhanne hojimaata haaraan kan keessumsiifaman ta’uus hubachiisaniiru.

Kenniinsi ragaalee barnootaa yeroo gabaabaa(Temporary Degree) dhaabbilee barnootaa olaanoon kennamaa ture kan itti fufu ta’uus ibsaniiru.

Yeroo ammaa dhaabbilee federaalaa 160 ol keessatti hojiin ragaalee barnootaa sobaa qulqulleessuu hojjetamaa jiraachuu kaasuun, yeroo itti aanutti naannoleefi damee dhuunfaa irratti kan gaggeeffamu ta’uu eeraniiru.

: Fana Media Corporation.

Address

Adama , Shewa
Hirna
FAMOUSPERSON

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when GewGew Gemechis Secondary School posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The School

Send a message to GewGew Gemechis Secondary School:

Shortcuts

Share