Daboo Matheos

Daboo Matheos Haqni koo haalamus mirgi namummaa koo narraa molqamus abukaattoon ofii koo anaaf uumaa koo qofa!

27/04/2025


=========
Warra qubee bocee
Dhaloota Barsiisuu?
warra dachee qotee
Midhaan nu nyaachisuu?
Warra dawaa guuree
dhibee nu fayyisuu?
Warra dachee keessaa
Albuudaa buqqisuu?
Eenyuu ?Goonni sirrii
eenyu dura Aansuu?
Kan addunyaa hundaaf
Dungoosaa qabsisuu.
Kan seenaa kaleessa
nama yaadachiisuu.
Kan eenyummaa ofii
nama hubachiisuu.
Mirgaafi dirqamas
kan nu agarsiisuu.
Eeyyen barsiisadha
Kan qarooma duursu.
=
Eeyyee barsiisadha
kan hundaanuu firaa
Kan dhaloota qubee
Nuuf qabsiise karaa.
Amaanaa biyyattii
kan baatu Adaraa.
Waaroo wallaalummaa
Kan baasu namarraa.
Inni barsiisadha
goonni sammuu qaraa.
Ogummaa hundaafuu
Furtuu bara baraa.
Barsisan abbaadha
abbaa nama maraa.
Addunyaatti makuuf
lafaa nama haraa.
=
Barsiisan harmeedha
Biddeen namaaf laata.
Dhibee wallaalummaaf
isatu furmaataa.
Irraa fuudhii nyaadhu
laaqana kee baata.
Kabaji Barsiisaa
yoosan beeka taataa.
Biddeen kee boruutiif
si dura dhaabbataa.

Barsiisaa jechuun nama ofii waa hubatee nama biraa illee hubachiisudha!!
Follow me Daboo Dร boo Matheos

โค๏ธ๐ŸŒนpic of the day ๐ŸŒนโ™ฅโ–ˆโ–“โ–’Fโ–‘Oโ–‘Lโ–‘Lโ–‘Oโ–‘Wโ–’โ–“โ–ˆ โ”Šโ”Šโ”Šโ–•โ–”โ•ฒโ–‚โ–‚โ–‚โ•ฑโ–”โ–โ•ญโ”โ”โ•ฎโ•ญโ”ˆโ•ฎโ €โ•ญโ”ˆโ•ฎโ•ญโ”โ”โ•ฎโ•ฐโ•ฐโ•ฐโ”ƒโ–โ•ญโ•ฎโ €โ•ญโ•ฎโ–•โ”ƒโ•ฏโ•ฏโ•ฏโ”ˆโ”ƒโ €โ”ƒโ–โ”ˆโ”ˆโ–…โ”ˆโ”ˆโ–•โ”ƒโ €โ”ƒโ”ˆโ”ƒโ €โ”ƒโ–โ”ˆโ•ฐโ”ปโ•ฏโ”ˆโ–•โ”ƒโ €โ”ƒโ”ˆโ”ƒโ €โ•ฐโ–ˆโ–“โ–’โ–‘Mโ–‘Eโ–‘...
08/06/2024

โค๏ธ๐ŸŒนpic of the day ๐ŸŒนโ™ฅ
โ–ˆโ–“โ–’Fโ–‘Oโ–‘Lโ–‘Lโ–‘Oโ–‘Wโ–’โ–“โ–ˆ
โ”Šโ”Šโ”Šโ–•โ–”โ•ฒโ–‚โ–‚โ–‚โ•ฑโ–”โ–
โ•ญโ”โ”โ•ฎโ•ญโ”ˆโ•ฎโ €โ•ญโ”ˆโ•ฎโ•ญโ”โ”โ•ฎ
โ•ฐโ•ฐโ•ฐโ”ƒโ–โ•ญโ•ฎโ €โ•ญโ•ฎโ–•โ”ƒโ•ฏโ•ฏโ•ฏ
โ”ˆโ”ƒโ €โ”ƒโ–โ”ˆโ”ˆโ–…โ”ˆโ”ˆโ–•โ”ƒโ €โ”ƒ
โ”ˆโ”ƒโ €โ”ƒโ–โ”ˆโ•ฐโ”ปโ•ฏโ”ˆโ–•โ”ƒโ €โ”ƒ
โ”ˆโ”ƒโ €โ•ฐโ–ˆโ–“โ–’โ–‘Mโ–‘Eโ–‘โ–’โ–“โ–ˆ

Address

Gidami Wallagga Ethiopia
Harer

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Daboo Matheos posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category