14/06/2026
Waxabajjii 7/2018
Godina Harargee Bahaa Aanaa Fadisitti Barattoota Bara Barnootaa 2018 Qorumsa Naannoo Kutaa 6ffaa Qoramuuf Galmaa'aniif Orinteeshiniin Guyyaa Har'aa Iddoo Koree olaanoon Aanaa Keenyaafi walitti Qabaan Gumii Tiraanisfoormeeshii Barnootaa Aanaa kabajamoo Obbo Abdusabuur Mohaammad fi Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Aanaa Keenyaa Kabajamoo Obbo Mohammedaarif Abdulqaadir Akkasumaas Itti Gaafatamaan Waajjira Barnootaa Aanaa Obbo Musxafaa Usmaan Ahmad Argamanitti Barattootaaf Orinteeshiniin Kan Kenname Yemmuu Ta'u, Barattootni Qorumsi Isaaniif Kennamu Barumsa Daree Keessatti Barachaafi Dubbisaa Turan Waan Ta'eef Sodaa Tokko Malee Ofitti Amanamummaan Naamusa Qorumsaa Eeganii Qoramuun Qabxii Gaarii Galmeessuu Akka Qaban Ergaa Kan Dhaaman Yemmuu ta'u, Qorumsichi Haaluma Sagantaa Biiroon Barnootaa Oromiyaa Baaseen Guyyaa 8-9/10/2018 tti Sadarkaa Aanaa Keenyaatti Giddugala Qorumsaaf filataman 4 irratti kennamuuf Qophiin Hundi Xummuramuun Qorumsaafi Meeshaaleen Barbaachisan Marti Buufata Qorumsaa Irratti Geejjibsiifamuun Haal-dureen Hundi Guutuutti Xummuramee Kan jiruudha.
Barattoota Keenyaaf Milkii Gaarii Hawwina.