28/03/2024
KURNAN ABAARSA BARA KANAA:
(1) Namni dubbisuu irra dhaga’uu filata. Kanaaf, beekumsiifi hubannoon hanqate.
(2)Namni kan dhaga’uu fedhu qofa dhaggeeffata. Kanaaf, wal-hubannoon dhibe; tarii dhugaa gama biroo jiruu dhaga’uun bade; salphaati oduu sobaan karaa wal-quunamtii hawaasaan gadhiifamuun namni wal-jibba ykn walitti bu’a.
(3) Jaalalli qarshii daangaa dhabe. Kanaaf, hattuufi saamtuun baayyattee; qabeenyi biyyaafi uummataa saamama; bultiin diigama.
(4) Namni tokkoo taayitaa xiqqoo yoo argatee “kan biyyaaf yaaduu; dhugaa dubbatuufi waan hunda beeku isa qofaa akka ta’etti ofii isaa ilaala. Kanaaf, wal-gorsuufi wal-deebisuun hafee, faayidaaf wal-jala fiiguun baayyate.
(5) Namni taayitaa kan barbaadu dantaa dhuunfaa isaaf malee uummata tajaajiluuf miti. Kanaaf, taayitaa xiqqoof yammuu beeksiisi baatuu warri safuu hinbeekne irratti wal-caccabsa; saamtuun baayyattee, uummanni tajaajila dhaba. (6) Faarsaa ykn jibbiinsa gareetuu (herd-mentality) hedduuminaan jira. Kanaaf, gareen faarsuufi jibbuun daangaa dhabe, wal-hubannoon dhibe.
(7) Namni xinnaa-guddaafi beekaa-wallaalaan siyaasa xiinxala jibba irratti hunda’ee ta’ee. Kanaaf, oduun baayyattee, sobnii lafa huwwiste.
(8) Namni xinnaa-guddaafi beekaa-walalaan barsiisa ykn ooganaa amantii ta’ee. Kanaaf, waan kitaabileen Qulqulluun jedhuu barsiisuun dhibee kan fedhii isaa xibaara;maqaa “amantii” malee, namni amanuufi Waaqa sodaatuu yarate; amantiin qarshiifi siyaasa taate.
(9) Inaafuutuu nama dhaalee. Kanaaf, wal-xiqqeessuufi wal-quucarsuun baayyate.
(10) Safuutuu bade. Kanaaf, manguddoon biyyaa bakka hundatti duursa fi kabaja dhabu.
Via: Dr. Alemu Hailu