29/11/2020
Gurmuun gaagura kanniisaa tokko kanniisota lakkoofsaan 80,000 ol ta'an gosa sadi of keessaa qaba. Isaanis mootii(Queen) takkittii, Dhiirota(Drones) dhibbaan lakkaawamanii fi kan hafan 80,000 kanniisota dhaltuu-Workers(hiddituudha! Kanniisonni dhaltuun qofti kophaatti sadarkaa hojii isaanii irratti hundaa'un bakka afuritti qoodamu. Isaanis Loltoota, Nursoota, qulqulleessitootaa fi sassaabdota jedhamu! Waan nama dhibu kanniisa baay'ina 80,000 ol qabu kana kan kanniisa jechisiisu waan lakkoofsan takka qofa taate mootittii sanadha. Kanniisni mootii hdhabee jiraachuu hindanda'u. Kanniisa 80,000 kabachiisee, damma dammeessisee kan hoogganee jiraachisu Mootittii qofa. Isaanis mootii sana ni eegu, ni kunuunsu,irratti du'u. Bakka mootin sun deemte biraa hin hafan, walumaan holqas seenu, gaaras ba'u, qilleensa keessas balali'u, gamtaadhan socho'u. Isaan hooggansa Mootii sanaa malee hiika akka hinqabne waan beekaniif hanga lubbuu ofii kennanitti mootittii kunuunsanii tikfatu. Nyaata addaa Royal jelly jedhamu nadhii qofa sooru, bakka addaa ta'e dhoksanii handhuura gaaguraa fi dammaa keessa jiraachisu. Akka carraa ta'ee diinni dhufee yoo man'ee isaanii diigellee itti marsanii dhoksuun ofii isaanitiin ishee haguugu. Kana hunda kanniisa 80,000 sanatu mootii takkittii sanaaf godha. Fakkeenya kana waa malee hinkaafne. Waayee kanniisaa haasawuuf otoo hintaane waaye qaama hooggansa humna keenyaa akka kanniisotaa kanatti haa jabeeffannuufin jedhe. Ilma namaatif hooggansi dirqama. Kufaatii fi moo'icha ilma namaa kan murteessu hooggansa qofa. Sabni hooggansa qabu, iccitii qaba, humna qaba, waa hunda qaba, yoomillee injifataadha. Baay'inni, qabeenyi, bareedinni, humni, maallaqni, Sadarkaan baruumsaa fi kkfn gumaata malee injifannoo ta'uu hindanda'an. Injifannoon kan garee ulnae tuuta baay'ee nama dhageettii tokko qabuun hoogganamuuti. Kanaaf kanniisni, mixii fi rirmillee baay'ina tuuta isaa keessatti mootii tokko qofa qaba. Sabni hoogganaa itti amanu, abdii irraa qabuu fi jaalatu tokko qabu loltoota qaba, qawwee qaba, humna qaba, biyya qaba, waa hundumayyuu qaba. Ameerikaan biyya loltootaa fi hayyoota kumaatamaan yaadatamtu otoo hintaane, biyya hoogganaa tokkicha Abraham Linkoln, South Afrikaan biyya Nelson Mandellaati, Hindiin biyya Mahatama Gandhiti. Isaan jala garuu jagnootaa fi hayyoota kumaatamatu jira. Siyaasa Oromoo kana keezsatti ga'een namni Jawaar Mohaammad jedhamu tokkichi kun qabu ga'ee mootin kanniisaa takka gurmuu gaagura tokkoo keessatti qabduun tokkuma. Kufaatiin Jawaar Mohaammad kufaatii ummata Oromooti, Injifannoon isaas injifannoo keenya. Oromoon Jawaarin beekama. Jawaar qofa miti, hooggantoota keenya kan alagaan ittiin nu jibbu,kan nuuf jedhee balaaleffatamu haa jaalannu, haa kabajnu, isa jala haa hiriirru, karaa isaanirra haa buunun dhaamsa kooti jechaa kanniisaf mootii akkuma jedhamu, Oromoodhaf Jawaar Mohaammad jenna! Akka kanniisaa gurmuu qabnutti mootii qabnu haa jabeeeffannu!!
GALATOOMAA!